Wednesday, January 25, 2017

Hayyoonni seenaa dhalootaan Oromoo tahan (those who teach History in Western universities and able to make influence) seenaa qaroominaa Oromoo fi hortee Kush durdurii (Oromo and Kushite civilizations antiquity) irratti qorannoo xiyyeeffate jabaa tokkollee yoo hojjetanii maxxansan an hin agarre

 Hayyoonni seenaa dhalootaan Oromoo tahan (those who teach History in Western universities and able to make influence) seenaa qaroominaa Oromoo fi hortee Kush durdurii (Oromo and Kushite civilizations antiquity) irratti qorannoo xiyyeeffate jabaa tokkollee yoo hojjetanii maxxansan an hin agarre

                                                                                      ( Boruu Burraaqaa)
Hayyoota seenaa keenya irratti qeeqa kanin dhiheessuu jalqabe bara 2010 irraa qabee natti fakkaata. Dhimma kana irratti xalayaa banaa tokko OSAf akkan barreessee ture nan yaadadha. Komiin koo ifaa ture. Hayyoonni seenaa dhalootaan Oromoo tahan (those who teach History in Western universities and able to make influence) seenaa qaroominaa Oromoo fi hortee Kush durdurii (Oromo and Kushite civilizations antiquity) irratti qorannoo xiyyeeffate jabaa tokkollee yoo hojjetanii maxxansan an hin agarre. Akka seensaa (intorduction) qofatti kaasanii dhimma seenaa boodanaa irratti xiyyeeffachuun gahaa hin tahu. Yeroo baay'ee Professor Asmaroom Laggasee dinqiiifanna, galateeffannas. Kun dhugaa dha, tahuus qaba. Anis piroofesora kanaaf galata guddaan qaba. Nama Oromo yeroo duraaf TV sagantaa Afaan Oromoo irratti isa dubbise tahuu koofis gammachuu guddaan qaba.
Kan biraa Professor. Shamsaddin Megalomatis. Bara 2015-2016 keessa Prof. Shamsaddiin Megalomatis waliin email walii barreessaa turre. Profeserri kun qorannoo isaatiin yeroo baay'ee akka seenaan Oromoo fi Kuushotaa Habashootaan saamame/hatame barruuwwan qorannoo isaa babal'aa keessatti kaasaa ture. Marii keenya keessattis kanuma natti kaase. Oromoo keessaa namni qorannoo seenaa durdurii kana irratti specialized tahe hojjetu mul'achuu qaba yaada jedhu natti kaase. Namni kun dhalootaan Turkii yoo tahu yeroo dheeraaf yuniversiitii biyya an jiru kanaa keessa seenaa qaroomina ummata Kuush barsiisaa ture. Yeroo dheeraaf Aswaanii fi Meroe (Sudan)tti deddeebi'ees qonna archeology geggeessuun agannoo mataa isaa dhiheesseera. Dhimma qorannoo Kuushotaa kana irratti wayta xiyyeeffatutti warra biyyanaatiin dhiibbaan irra gahee akka biyyanaa bahe naa ibse. Hawwiin Cairo keessatti qaamaan wal arginee dubbachuus sababa kanaaf jecha hin milkoofne.
Oromoo keessaa anthropologistoota akka jara kanaa tokko illee hanga ammaatti horachuu dhabuun gaaffii namatti taha. Qorattoonni seenaa keenya waa'ee seenaa Jabana Giddu Galeessaa (the Middle Age) booda jiru, keessattuu seenaa weerara Habashootaa irratti xiyyeeffatu. Kun ammoo gahaa miti. Yeroo Habashoonni 'nuti seenaa waggaa 3000 qabna' jedhanii seenaadhuma keenya hatanii kan ofii godhatanii as deebisanii ittiin lola qorqalbii nurratti banan, nuti yoo baay'aate Gada Civilization qofa qabannee ittiin ofirraa qolachuu yaalla. Qaroominni keenya dur durii Gadaa qofa miti. Qaroomina ummata Kuush durii (Nubian Civilization) keessatti qoodni Oromoon qabu Suudaanii ka'ee hanga Kibba Masrii (Aswan) akka gahu firas diinas hubachiisuu irratti qorannoon jabaan hayyoota seenaa keenyaan hojjetamuu qaba.
Hanga ammaatti, akka hubannoo kootti, namni dhiiga Oromoo of keessaa qabu seenaa qaroomina Kush durdurii irratti xiyyeeffatee irra deddeebi'ee barreesse Laureate Tsagaayee Gabramadin qofa natti fakkaata. Barruuwwan looreeta kanaa yoo qoranne nama qaroomina Kuush lallabuudhaan hawatame tahuu isaa agarra. Garuu inni hayyuu hogbarruu fi teyaateraa malee hayyuu seenaa waan hin turiniif, laalchi isaa kun ganda Habashootaa keessatti dhukkee kaasuu hin dandeenye. Qaroomina Kuushii fi Abyssinia walitti araarsee golgaa maqaa 'Ethiopia' jettu jalatti waan dhiheessuuf ilkaan jaraa jala seenuu irraa hafe. Hayyoonni seenaa keenya, keessattuu warri umrii dargaggummaa keessa jirtan mee hojii guddaa kanaaf of kaadhimaa.

Thursday, January 19, 2017

BAQQALAA GARBAA TOKKICHA AKKA KUMA HOOGGANAA DHUGAA

BAQQALAA GARBAA TOKKICHA AKKA KUMA HOOGGANAA DHUGAA 


                                                                                     ( Daraara sabaa )

Hoogganaan dhugaa murataadha, hoogganaan dhugaa ifaadha, hoogganaan dhugaa fakkiidha ~Role Model~, hoogganaan dhugaa diina isaa hin sodaatu, hoogganaan dhugaa Biyya isaaf Saba isaa irra hin dheeysu. Gooni keenya Ob. Bekele Gerba kanuma ifaatti nutti agarsiise. Gaaffa inni biyya alaa dhufu wayyaanen gammade turte hin deebi'u jette. Mootummaallen Addunyaas akka inni ala kanatti hafu gaafataa turan. Ob. Baqqalaa Garbaa ummata kiyya kan gabrummaa jala jiru bakkan irra itti dheesu hin qabu ja'e Oromiyaati deebi'e yeroo lammadaaf hidhame. Wayyaneen abdii muratte mana dhidhaa keessatti yoon atti biyya alaa nurra deemte waan hunda siif wal qixxesinaa akkam jetta jette gaafate? Deebsaan isaa lakki anni biyya tiyyaf ummata kiyya biraa bakkan itti deemu hin qabuudha deebsaan isaa. Murannoof jeeynnummaan Ob. Baqqalaa Garbaa qabu kunoo kumaatama akka isaa Oromiyaa keessati oomishite, oomishuufis teesi. Umirii dheerate bilisummaa jiruu jireenya isaa itti dhabe tana Rabbiin isa haa garsiisu~ Tokkicha akka kumaa inni!!!

Wednesday, January 18, 2017

"Dhimmi Gaazeexeessaa Boggaalee Moosisaa irraanfatamuu hin qabu!

"Dhimmi Gaazeexeessaa Boggaalee Moosisaa irraanfatamuu hin qabu!

                                                                                         (Girma Gutema irraa)
Qopheessaafi gulaalaa ol aanaa barruulee "SAFUU" (Safuu Magazin) kan ta'e Gaazexeessaan 'Boggaalee Moosisaa' Eessa buuteen isaa hin beekkamu!
Yakki isaa yaada ummataa katabee gurraa fi ija uummataatiin ga'uu qofa. Badii biraa hin qabu. Dubbiin isaa akkuma hoggantootaa fi mormitootaa hordofamuu qabdi. Kanaafuu maqaan isaa fi dubbiin isaa irraanfatamuu hin qabdu. Ani hidhamuu isaa qofa dhaga'ee ture. Achiin duuba waan gad-dhiisan fa natta fakkaatee ture. Amma wanti dhaga'e garuu asi buuteen isaa hin beekkamu kan jedhuudha. Kanaan dura Nadhii Gammadaa, Baqqalaa Dawwaanoo, Addeessaa fi kkf gara bu'an dhabneerra. Namoonni kun hayyootaa fi gootota sabaati. Kanaaf yoomuu dagachuu hin dandeenyu. Iyya hidhamuu Gazeexxeessaa Boggaalaa Moosisaa akkuma Iskindir Naggaa, akkuma Tamasgeen Dassaalagni fa'a addunyaa dhageessisuu qabna.
Hadaraa namoota bifa kanaan badanii eessa buuteen isaanii hin beekkamne haa barbaannuu!!"

Sunday, January 15, 2017

SEENAA GOOTA OROMOO BARA 2016 K/bil Musaafaa Huseen:

SEENAA GOOTA OROMOO BARA 2016  K/bil Musaafaa Huseen:
                                                                                                   (Raayyaa Liiban irra )
K/bil Musxafaa Huseen:
Abbaa isaa obboo Huseen Buttujjii fi Haadha isaa aaddee Saafayee Nuuraa irraa Godina Arsii Bahaa Aanaa Ziwaay Dugdaa magaalaa Ogolchoo ykn Haburaa, ganda Sanbaroo jedhamutti bara 1985 A. L. Htti kan dhalate yoo ta'u, umrii daa'imuummaa isaatti hanga humni isaa danda'een maatii isaa gargaaraa kan tureedha.
Booda umriin isaa barnootaaf gaafa gahu M/barnoota ganda sanitti argamu"zuwaayi Minci" jedhamu galuudhaan barnoota isaa sadarkaa 1ffaa eegale. Barnoota isaas qabxii gaarii galmeessuudhaan hanga kutaa jahaatti barataa sadarkaa tures. sana booda gara godina Shawaa bahaa magaalaa Baatuutti imaluun kutaa torbaafi saddeet M/barnoota "Adventist" jedhamutti barnoota isaa itti fufe.
Gootni kun yeroo barnoota isaa kutaa saddeet baratu, uffata isaa irraatti "ani ABOdha" jedhee barreessee jennaan barsiisaan isaatiifi dura taa'aan M/barnootichaa Biirootti waamanii akkana jedhaniin "Musxafaa uffata kankee jijjiiradhu amma irraa kaasii waan barreesite kanas haqi! qabsoon garatti malee ykn of keessatti malee mul'isuunii miti"jedhaniin. Innis "ani eenyummaa, Aadaa fi seenaa saba kiyyaa ifa godhee mul'isa malee,nyaata ykn dhugaatii miti kan garatti baadhuuf"! jechuudhaan aariidhaan deebiseef.
Akkuma hawwii isaa kana irraa hubannutti gootni kun nama quuqamni sabummaa guyyaa keessa itti dhagahame osoo hin taane, nama umrii ijoollummaa isaa irraa kaasee Biyyaa fi saba isaatiif yaadaa ture ta'uu isaa ragaan itti bahee jira. kaayyoo fi hawwii ofii kana galmaan gahuudhaaf jecha barnoota isaa kutaa 10ffaa bara 2005 A. L. Htti akkuma xumureen leenjii poolisummaa leenji'uun, isaas dandeetti adda ta'een xumuruun gara hojiitti galee humna nageenyaa poolisii Oromiyaa keessatti ramadamuun godinaalee Oromiyaa heddu keessa socho'uun lammiilee isaa hedduu lubbuu baraaraa akka ture namoonni hedduu ni galateeffatu.
Dhuma irratti FXG/Fincila xumura gabrummaa, Sabni Oromoo guutuu Oromiyaatti taasisee irraatti kabajaa fi jaalala saba ofiitiif qabu agarsiisuuf jecha osoo ani jiru saba kiyya na duratti Lukkeeleen woyyaanee Agaaziin lubbuu isaanii hin baastu jechuun qawwee isaa diinatti garagalchuun agaazii shanii hanga jahaa walirraatti akaayuun akkasumas kanaa olis fixuun akka danda'amu poolisoota fi humna waraanaa lammummaan Oromoo ta'aniif karaa saaqee fakkeenya ta'uun, lubbuu isaa qaalii/deebii hin qabne kennuun Godina Arsii lixaa magaalaa Ajjeetti Gurraandhala 07/06/2008A. L. Htti Oromoof woreegame!
Goota bara baraan seenaan yaadatu! 

Tuesday, January 10, 2017

Halkoo Daargee Goobantiiti Oromoo Arsii Ficciisiifte Enyuu beeka laata ?

Halkoo Daargee Goobantiiti Oromoo Arsii Ficciisiifte Enyuu beeka laata ?

lola Anoolee tahe keysaatti hoggantonni akka Leenjisoo Diigaa Waayyuu Amiinyaa Mohammad Loodee Dilbatoo Qilxuu faan lola dhugaa Minilik waliin seenuu dirqama ergaa tahe boda , gargarsaa barbaacha yoo kan nu cinaa dhaabbatu tahe jechuunis garaa jalaan Goobanaa Daaceetti ergatanii turan ,garuu Goobanaa daacee isaan cinaa dhaabbatuun hafee ufii isaatiifuu hookkoo foonii tahe .haalli bara 1881-1884 jidduu deeme horii saamuu caalaa kan lola raaree Mojoo irratti Minilik mataan isaa silaa silaa boojiahamu akkan taaneen baafatee ture fii Dibbeen (Nagaaritiin ) isaa Arsiin harkaa fudhatamte waan taheef sirriitti qoratamu malee deeboon Haxee Galaadiyoos Awaash ceenaan waraana Nuur Amiiniin boojiamee mataansaa muramee Karra Hararitti fannifame akka isa hin mudanneef sodaatame .Kutaan Arsii gaarrin akka Arbaa Guuguu akka Cilaaloo heedduu waan qabuuf qabbanti isaa rakkisaadha ,kana malee teessumti gaaraa isaa caasaa Hararii Baaleen walitti hidhu tahuu caalaa laggeen akka Shanaanii Wabeen marfamaadha ,kana hunda laaluun lola seenuu dura Minilik jaarsummaa marsaa lammataa manguddoon Arsii akka gama Finfinnee dhufanii waliin haasayan afeere ,akka kanaan jaarsoleen Suufaa Kuusoo fi Daamuu Iluu jedhaman Minilik bira deemuun mudate ,wal qunnamtiin isaan Minilikiin waliin godhan garuu "yoo gabbartan isiniin hin lollu!! " kan jedhu yoo tahes ergoon lamaan "biyya sitti kennuuf hin ergamne yaada kee Arsiittiin deebinee marihanna !" jechuun biraa galan . Korri gosoota Arsii guutuu yaammate godhamee ergoon lamaan waan Minilik jedheen gabaasnaan Arsiin lolee dhuma malee hin gabbarru jedhe,asirratti garee Minilik bira deeme keessaa Suufaan "akkamitti diina meeshaa baraatiin hidhate dura dhaabbachuu dandeenya? " jechuun mormii kaafnaan kan ergmaeef dhiisee garaa diinaa goree nu sodaachisuuf deema jennaan eegdotuma waraana isaa keessaa tokkoon bakka rafutti ajjeefamee argame ,akka kanaan falli jiru Arsiin gaaraa laga isaatti gargaaramee Minilik ufirraa dhoowwu murtffannaan Minilikis Adeera isaa Raas Daargeen hogganee waraana guddaa itti sochoose ,waraanni Minilik yaroon Arsiitti duule akkuma sodaatee yaroo cabbii qabbanaa waan taheef roobaa hurriin marfamee loluu dhiisii mataansaa Arsiin marfamuu hubatee hamma birraan dhufee qabbanti bahuu jechuun boollaa cimaa (Mishigii ) Fardi hin utaallee qotatee yaroo eeggatuu eegale Asirratti eegaa Suufaan ajjeefamee tooftaan Leenjisoon faan waraana Daargee harka kennisiisuu itti fayyadaman guutumaa guututti marsanii beelessanii qabbanaa fii cabbiin hifachiisee akka harka kenuudha. Waraanni Daargee garuu marfamuu isaa hubannaan gorsa ogeeyyii waraanaa alagaa irraa fudhatetti fayyadamuun baatii 3 guutuu naannoo itti marfame akka Mooraa waraanaatti qubatee boolla akka lagaa qililee (galchaa )marsaa dheeraa ufirra naannessuu caalaa boolla kana balina metrii 4 tii akka Fardi fedhe hin utaalletti gadi fageenya metrii 3 godhanii akka boolla Gadamsaa guutuu boollaa togaa (muka akka waraanaatti qarame) keessatti dhaabaa bahan .Kuni karaa tooftaa waraanaa yoo tahu karaa basaasummaa intaloo [Halkoo] jedhamtu naannoo sanii baala Tanboo "Qorondee " fii Aannan gurgurtu tan dhiirsa hin qabne dammayafatanii sababii qorondee waraanaa gurguruun eega wal tahan boodaa hujii basaasummaa (jaajusummaa )ti bobbaasanii erganii isii keessaan waan Arsiin keessa jiru qorataa turan ,booda irratti waraannii Arsii isaan marsuu itti gabaaftee jennaan deebisanii isima san itti erganii guyyaa Sanbataa waraanni Daargee ayyaana waan kabajuuf hatattamatti yoo itti sochootan harkaan qaqqabuu dandeettan jechuun Arsii sobdee mishigii Arsiin hin oduu isaa hin qabne kan Faradoon hin utaalletti gulufee akka seenu taasisanii waraanni Arsii 12000 caalaan boolla qophaayeefitti Faradoon gulufee dhumuu tahe ,akka kanaan Raas Daargeen lola Aanolee bara 1886 Arsii waan boollarraa hafe dhiiraa dubartii walitti qabee Aanoletti dhiira harka muruun dubartii harma muruun lafarraa fixuu eegale ,sababii kanaan gosti Arsii kutaa kana keessaa Baaletti godaanuu eegale ,warra eessumma kiyyaa Ammaa Dirree jiran Sheekh Xeeloo faa akka fakkeenyaa fudhatuu danda'a warrii eeessumman kiyyaa kuni wagga 120 boodaan ilmaan ilmaanii eysumaa kiyyaa baalee Dirree gadi dhiisanii magaalaa dheeraatti galaan kuni seenaa ilmaan Oromoo kessaati hedu mudatee jirraa .Raas Daargeen eega Arsii fixeen boodaa jaajustittii isaa boodaraa (Halkoo Daargee )jedhamte qabatee Finfinee deebi,ee dhiichisaa bahe ,isaan boodaas Fitaawraarii Haaylee Abbaa Seeyxaan kan jedhamu itti fufee guyyaa guyyaan harkaa harma nama 400 caalaa muruun addaa tahee Arsiin kuun harka kennee kuunis biyyaa godaane ,akka kanaa Leenjisoo Diigaa adda isaa hafee harka kennuu didee gaara kaanii kaan keessa utuu jiraatuu bara murasa booda addunyaa irraa du,aan booqatee kabajaa guddaan qabrame ,Halkoo Daargee Arsii ficcisiiftes Minilik bira geeffamtee eega kabjamteen booda akkuma aadaa Goobanootaa utuu jiraattuu gatamtee dullomtee duutee goobantuuman dhiiraa fi dubartii hin qabu

Sunday, January 8, 2017

Namni barate rasaasa sagalee hin qabne

Namni barate rasaasa sagalee hin qabne



                                                                                        
                                                                                           ( Beknan Rabira)

Namni barate rasaasa sagalee hin qabne. Osoo hin beekin xiinsammuu kee ajjeesa. Habashaa Itiyoophiyaa Afaan tokko, alaabaa tokko, amantii tokkoo ijaaruu barbaadaniif humnaan nutti fe'uuf lafa dhiphisaa turan nurra gabi gootan. Isa Jawar Mohammed I'm Oromo First jedhee bool'a isaanii qoteef Dr. Tsegaye Ararssa bool'atti naqee biyyee itti hare. Amma habashootni isaan lamaanuu ni baqatu, ni sodaatu. Deebii isaaniitiif Oromoof qabsoo Oromoos sodaatu. Akka durii sana anatu siif beeka jechaa ofi tuuluun hafe. Long live our heroes. Respect👌💪

Saturday, January 7, 2017

Gootoota Wareegamtoota Calii Calanqoo Haa Yaadannu.

Gootoota Wareegamtoota Calii Calanqoo Haa Yaadannu. 



                                                                                        ( Saphaloo Kadiir)

Gootoota Wareegamtoota Calii Calanqoo Haa Yaadannu. 

Gootoota yaadachuun, seenaaf hojii isaanii qofaan dhaadachuun, faaruu qofaan dhaadheessuu osoo hin taane fakkeenyummaa hojii isaanii bu'ura godhachuun kaayyoo isaan wareegamaniif san galmaan ga'uuf tattaafachuus ni dabalata. Waggaa 132 dura ji'a Muddee gaafa 29, bara 1887 guyyaa akka arraa gootoonni Oromoo akaakoolee fi habaaboolee keenya waraana murti-guutoo tahuun lafaafi humna teenya, sabummaafi eenyummaa keenya gabrummaaf dabarsinee kennuu mannaa lafee teenya biyya teenyaaf irratti biyyee taana ja'anii gootummaan falmatanii nafxanyoota humnaan gabromsuuf yaalan dirree Calanqoo irratti dura dhaabbatanii lolli guddaan taasifame. Gara jabummaa nafxanyootaatiiniis lubbuun gootota Oromoo baayyee badde.

Dhiigni akaakolee keenyaa dhangala'ee lafa yaa'ee galaana tahe. Gootowwan murti guutoo onnee guutuun gosaa fi sabaan osoo addaan wal hin qoodin tokkummaan falmatanii kuffisanii kufan. Oromoo, Hararii, Argoobbaa, Somaalee... waliin tokkommaanii akka qabsaa'aa turan seenaan dubbatama. Sababni isaas kaayyoon isaanii tokko. Diddaa gabrummaa ! Minilik dhaaytawaan gargaarsa humna ykn meeyshaa waraanaa warra Awroppaatiin duule lafarraa duguuge. Hordaan galatee lafee isaani gubbaa dhaabbate geerare. Summii gabrummaa abbootiin keenya nuun didan unkureee habaqaale. Guyyaan sun guyyaa akka arraati Muddee 29/1987 A.L.H tti.

Akaakoolee fi abaabooleen keenya humna waraanaatiin mohamaniis kabajaa isaaniif qabna. Silaa akkuma isaan tokkummaan duulan sanitti nutiis tokkumman yaadachu qofa osoo hin tahin tokkummaaniis qabsaa'uu qabna. Heddun keenya afaan malee quba hin qabnu. Hundaafu yaadannon wareegamtoota calanqoo bara baraan ni yaadatama. Yoomillee shirri diinni nurratti raawwachaa ture godaanissa gurraacha onnee keessatti nu hambisuus gootota keenya kan durii hanga ammaa qabsoo sabaaf wareegaman yaadachuun dirqama. Gumaan goottan kalee qabsoo irratti kufanii dhiigaaf lafee keenyaan ni baha.

Friday, January 6, 2017

#ODUU__GADDAA Sabbonaan Oromo Obbo Nuraddiin Aadama /Falmataan Sabaa amajjii 5/2017 du'aan addunyaa kana irraa boqatee jira.

#ODUU__GADDAA Sabbonaan Oromo Obbo Nuraddiin Aadama /Falmataan Sabaa amajjii 5/2017 du'aan addunyaa kana irraa boqatee jira.
                                                                                              
                                                                                    (saphaloo kadiir )
. Obbo Falmataa Sabaa baha Oromiyaa Aanaa Doobaa magaalaa biyyo-kharaabaatti bara 1962tti kan dhalatee guddate hoggaa tahu 1979 irraa kaasee Qabso Bilisummaa Oromo ABOn durfamtutti dabalame ture. Obbo Falmataa Sabaa 1986tti hiriyyota isaa hedduu waliin jaarmaya THOR kan hundessaniidha.
Bara 1990 irraa irraa egalee biyya Canada kessatti kan jiraachaa jiru hoggaa tahuu guyyaa tokkof dadhabe oso hin ja'in Qabso Saba isaa fi hawaasa Oromo kessatti jiraachaa jiru nama sadarkaa ol-aanatti tajaajilaa ture tahuuni bekkama. Obbo Falmataa Sabaa abbaa Ijollee 4ti .
Obbo Falmataan konyaa ABO Toronto dura taa'ummaan kan hogganaa ture hoggaa tahu akkasuma itti gaafatamaa dhihessii dinagdee ABO kan biyya Canada tahuudhaan dirqama ol-aanaa nama raawwataa tureedha.
Obbo Nuraddiin Aadam/Falmataan Sabaa yero ji'a tokko hin caallee kessatti kan dhukkubsate hoggaa tahuu qacelfama tajaajilotaa fayyaa irraan kan ka'een qilleenssa jijjirachuuf torbaan tokkon dura biyya Kenyaatti kan imale ture tahuun isaa hubatamaadha. Garuu duutii waan hin olamneef Obbo Nuraddiin amajjii 5/2017 magaalaa Nairobitti du'aan addunyaa kana irraa boqatee jira.
hawaasa Oromo magaalaa Toronto dabalatee ummata Oromoo mara akkasuma firaa fi matii isaa hundaaf jajjabina hawwina. Isaafiis jannata haa laatuuf jenna.

Wednesday, January 4, 2017

Wallistoonni Oromoo qaroof-qara sabaatii hin tuqinaa

Wallistoonni Oromoo qaroof-qara sabaatii hin tuqinaa

                                                                          
                                                                                      ( jawaar Muhammed irra )
Wallistoonni Oromoo qaroof-qara sabaatii hin tuqinaa. Gaafa dukkanaa sagalee isaanititu akka faanusaa ifee xurree nu jalaa badde nu garsiise. Gaafa hamileen nu caphxu weedduufi eedalloon isaanii qalbii nu waldhaanan. Gaafa gaddaa n geerersi isaanii garaa nu jajjabeessa. Gaafa injifannoo dhaadannoo isaaniitu daran nu onnachiisa. Qaama saba keenyaa keessaa kan akka wallistootaa gahee isaanii bifa quubsaa taheen bahe waan jiru natti hin fakkaatu. Artistoonni keenya waltajjii fedhanirrati, garee siyaasaa kamiiyyuu deeggaranii yoo wallisan aadaa teenya guddisan, qabsoo teenya finiinsan malee miidhaa hin qaban. Kanaafuu arraabaafi qalamni keenya wallistoota keenya waraanuun qabsoo dhiigsuu waan taheef of haa qusannuu!!

Goota Bara Dhibbaa.

Goota Bara Dhibbaa..


                                                                                   ( Saphaloo Kadiir | Abdulbasit)
Goota Bara Dhibbaa...
Goota bara kumaa kan baroota kitilaa,
Jeeyna ija diimtuu yaa ka onnee dilaa,
Seenaan tee bara baran nuuf jiraatti,
Maal je'een si faarsa ati dhiira dhiirati,
Gootummaa dhugaan lafaa ol kaatee,
Guddannaan saba keef dungoo taate,
Gootummaan dhalootuma irraa marga,
Durirraa as geeyse gootaas ijaan argaa,
Nuu guddatte onnee goototaa dhaaltee,
Sabaaf arra'illee ati kumaatama caaltee,
Baga guddatte gootummaan faayamaa,
Kanaaf adiifi diimaan maqaa si yaamaa,
Sagaleentee qofti nuuf caalte madaafa,
Harkuma ol qabdeeti xiichite wacaafaa,
Goota hin tahan onnee finiintuun malee,
Baga keenya taate goota goonni dhalee,
Osoo danuun shorroqaa tiratan muugaa,
Ati injifattee nuu taate bar goota dhugaa,
Gootoomni dhaloota kennaa ganamaa,
Tasa hin milkaa'an marti ilmaan namaa,
Gootummaan qawwuma dhuksuu qofa,
Itti fakkaatti warreen mataan horqofaa,
Meeqaas addunyaa dhumtuu jala goree,
Lubbuu sabaa itti caale horiin tasa hore,
Ati immoo leeccalloo jettee hin bolollee,
Qabeenyaaf jecha alagatti fuulan tollee,
Qarshii hammaartee akka warra doofaa,
Hin wallaalle qaalittiis bitachuuf soofaa,
Garuu osoo alagaan saba kiyya ajjeesuu,
Duroomni sobaa humaatu na hin feesisu,
Jaalala sabaa malee ati horiin sin moonee,
Goota bara dhibbaa ka bu'aan achin foone.
Saphaloo Kadiir | Abdulbasit
Amajjii, 2016

Monday, January 2, 2017

Nasiiboo Abdallaa Waddeessaa, bu'ureessaa fi I/G OMN Cairo kaleessa akkuma saamicha studio gabaasuuf waajjira poolisii dhaqeen hidhamee jira

Nasiiboo Abdallaa Waddeessaa, bu'ureessaa fi I/G OMN Cairo kaleessa akkuma saamicha studio gabaasuuf waajjira poolisii dhaqeen hidhamee jira

                                                                                        (jawaar Mohammed)
Nasiiboo Abdallaa Waddeessaa, bu'ureessaafi I/G OMN Cairo kaleessa akkuma saamicha studio gabaasuuf waajjira poolisii dhaqeen hidhamee jira. Akkuma kijibaan maqaa balleessaa turan kijibaan hisisuutti milkaayanii jiran. Nasiiboon nama ibidda tanarra hamtuu keessa dabre waan taheef ammas inifannoon akka irra aanu shakkii hin qabu. Nasiiboon jegnaafi arjaa akkam akka tahe warri biyyattiifi alattis waliin ture, akkasumas hawaasni keenya Cairo guututti beeka.
Wanni beekamuu qabu Nasiiboo irratti kan xiyyeeffatameef dhimma dhuunfaatin osoo hin taane cicha inni studio OMN achi jiru jaaruu tursiisuuf qabu waan beekaniifi. Gaaga'amni hamma lubbuutuu gahu dhufuu akka maluufi if duuba akka hin deebine yeroo heddu irra deddeebi'ee dubbata ture. Wanni garaa na nyaate tokkichi haati warraa isaatiifi daa'imni isaa inni takkaa ijaan hin argin Australia irraa dhufanii akkuma airport irraa fuudheen osoo waliinuu hin haasaynin balaa studio irra gahe dhagayee fiigaa deemee achumaan mana hidhaa seenuu isaati.
Dhimma saaminsa studio fi hidhamuu Nasiiboo irratti qaamota mootummaa biyyattii waliin haasayaa jirra. Yeroo gabaabaa keessattis furmaanni ni argama jennee abdanna.

Aartistootni Oromoo har'a waallee weellisan gurguratanii sooromuuf miti kan weellisan

Aartistootni Oromoo har'a waallee weellisan gurguratanii sooromuuf miti kan weellisan


                                                                                          (Beknan Rabira) 

Dhimmi Aartistii Oromoo kamiyyuu nama guba. Oromoof aartistii jechuun worroota gaafa seenaan, aadaan, afaaniif qabsoon ummata Oromoo ukkaamfamuuf ture sana irraa sagalee ta'uun lubbuu keessa tursiisanii har'aan gahan keessaa isaan tokko jedhee amana. Garuu Weellistootni Oromoo akka weellistoota saboota ykn biyyoota biroo miti. Dhuguma ija aartistoota sabootaaf biyyoota biroo ilaalluun aartistoota Oromoo yoo ilaalle, kan keenya qabeenyaaf qor-qalbiinis hedduu miidhamoo dha. Aartistootni Oromoo 95% oli jireenya rakkisaa keessa jiraatu. Gabroomuun keenya waan biraa ta'ee kaasettumaaf konsartii seenaa, aadaa, afaaniif qabsoo Saba keenyaaf sagalee ta'uuf yeroo isaan gannaa bona hoongeen, qabeenya maatiif dhuunfaa isaanii baasuun ifaajan irraa bitnee ykn irratti hirmaatnee aartistoota keenya jajjabeessuu irratti nu hafa. Aartistootni Oromoo har'a waallee weellisan gurguratanii sooromuuf miti kan weellisan. Qabsoo bilisummaa Oromoof jechaa seenaa, aadaaf dhugaa saba Oromoo awwaalamte baasanii saba kana barsiisuuf gumaacha bilisaa taasisaa turan, ittis jiru. Kanaaf kan lubbuu isaanii qaalii dhaban kan akka Eebbisaa Adunyaa faa yaadachuu ni dandeenya. Garuu kaasetta isaaniis gurguratanii ykn immoo jireenya dhuunfaa isaanii dhiibaniis akka aartistiitti miti akka ilma namaa tokkotti gammadanii kanneen hin jiraatne aartistoota Oromooti. Akka fakkeenyatti weelliftuu Halloo Daawwee, Laggasaa Abdii, Nuhoo Goobanaa fi Abdii Ibiraahim faa kaasuu ni dandeenya warra har'a manuma yaalaatiillee qoricha waan bitatuun dhabanii lubbuu isaaniitti guyyaa gabaabsaa jiran. Kuni Oromoof jecha. Kana sababa kaaseef qaba. Artist Fayyisaa Furii weellisaa ummata Oromoo biratti haalaan jaalatamaa ta'e dha. Ummatni Oromoo biyya keessaa jaalala artist Fayyisaa Furiif qabu ibsuu hin danda'u. Haata'uu ummata isa jaalatu keessaa bahee weellisaan Kuni jireenya baqaa keessa jira. Weellisaan Kuni hanga ani beekutti dhaaba tokko leellisee tokko kan gadi buusu dhagahee hin beeku. Har'a maqaa hin beekkamneen konsartii weellisaa kanaa akka hin qophoofne gufachiisuun hamilee Artist Fayyisaa Furii qofa cabsuu osoo hin taane, hamilee weellistoota Oromoo hunda waan gufachiisaati, aartiif qabsoo Oromootti gufuu ta'aa jirra.Adaraa Artistiin kan ummataati, seenaa ukkaame warra baasee sirbu. Kabajamuu qabu. Dhumarratti artist Fayyisaaf, ummatni biyya keessaa hangami akka sijaalatuuf si kabaju Oromiyaa kutaalee hunda naannoftee argiteetta. Har'as onnee ummata bal'aa sana keessa jirta. Warra maqaa qabsoo Oromootiin waan Oromoof qabsaawu fakkaatee faayidaa dhuunfaa isaaniif jecha waan Oromoo walitti fidaa hundatti gufuu ta'aa jiruuf hamileen si hin cabin. Jabaadhu. Kuni si qofa osoo hin taane aartistoota Oromoo hundaaf.

Sunday, January 1, 2017

AFAAN DHIIGAAN AS GA'E AFAAN SAAYINSIIF TEKNOOLOOJII HAA GOONU!

AFAAN DHIIGAAN AS GA'E AFAAN SAAYINSIIF TEKNOOLOOJII HAA GOONU!


                                                                                     (Saphaloo Kadiir )
AFAAN DHIIGAAN AS GA'E AFAAN SAAYINSIIF TEKNOOLOOJII HAA GOONU!
Afaan Oromoo akaakuu afaan kuush keessaa tokko ta’ee afaanoota 1000 Afrikaatti dubbataman keessaa sadarkaa 3ffaa irra kan jiru yoo ta’u biyya Itoophiyaatti qofa osoo hintaane biyyoota ollaa akka Somaalee, Sudaan, Taanzaniyaa fi Keenyaa/Keeniyaa keessatti bal’inaan akka dubbatamu ni beekama. Afaan Oromoo qubee mataa isaatin kan barreeffamu ta’ee haala barreeffama Laatiniitti fayyadamuun barreeffama (Barruu JOS, 1993: fuula 37-38). Barreeffamni kun Afaan Oromoo afaan umrii dheeraa qabuufi waa’een isaa erga qoratamuu eegalee waggoota 150 ol ta’uu agarsiisa. Barruuleen ARSADII (2011: fuula 15) akka ibsetti Afaan Oromoo baroota kuma hedduun akka afaan Amaaraa dursu ragaa baha. Haa ta’uu malee Afaan Oromoo guddina umrii isaatiin wal-gitu guddachuu hin dandeenye.
Biyya Itoophiyaa keessatti bara 1960 dura manneen barumsaa hedduun magaalootatti kan argaman yoo ta’u ijoolleen achitti galmaa’anii baratan baay’een isaanii warra afaan Amaaraatti afaan hiikkataniidha. Sababa adda addaa irraa kan ka’e ijoolleen Oromoo manneen barumsaa kanneenitti baratan lakkoofsaan muraasa turan. Sababootni gurguddoon ijoollee Oromoo akka barumsa ammayyaa hin baranne taasisan keessaa muraasni; manni barumsaa fi iddoo jireenyaa wal-irraa fagaachuu, afaan barnootaa afaan Amaaraa qofa ta’uu, ijoollee afaan Amaaraa hin dandeenye akkaataan afaanicha itti barsiisan kan ijoollee suukkaneessu ta’uu, barsiisonni afaan Amaaraa ilaalcha qajeela hin taane barattoota Oromoof qabaachuu, naannoon manneen barnootaa ijoollee afaan Amaaraa hin dandeenye kan hin jajjabeessine ta’uufi maatiin barattoota Oromoo barnoota daa’imman isaanii irratti hirmaannaa dhabuufaadha.
Baroota 1970’n keessa barsiisonni hundi saba Amaaraa irraa qofa ramadaman jechuun ni danda’ama. Kanaafuu, barattootni Oromoo bara sana keessa baratan kan jecha afaan Amaaraa tokkollee hin beekne guyyaa mana barumsaa dhaqanii eegalanii daree keessattis ta’ee alatti akka afaan Amaaraatti fayyadaman dirqisiifamaa turan. Sababa kana irraa kan ka’e ijoolleen Oromoo mana barumsaa keessatti tasgabbii fi nageenyummaan itti hin dhagahamu ture. Waliin dubbatanii quunnamtii geggeessuf, barsiisaa wajjin haasa’uuf, akkasumas barnootni sadarkaa tokkoffaa afaan isaanitiin waan hin kennamneef ni shororkaa’u. Dabalataaniis ijoolleen Oromoo afaan isaanii akka gadi-qabanii ilaalaniifi akka tuffatan taasifamaa turan. Ijoolleen Oromoo afaan Amaaraa yoo dubbachuu dadhaban akka waan nama homaa hin beekneetti, akka doofaatti ilaalamuu; akkasumas afaan Amaraa yeroo haasa’an kan caccabsan yoo ta’e barsiisonni barattoota fuulduratti baasuudhaan itti kofalchiisuu, adabbii qaamaa irratti fudhachuufi gochoota hamileefi xiin-sammuu barattootaa miidhan irratti raawwatu ture. Haala kana irraa kan ka’e barattootni Oromoo hedduun barnoota kutanii mana barumsaa fi barnoota irraa akka fagaachaa turan ragaaleen adda addaa ni agarsiisu.
Dabalataaniis ijoolleen Oromoo waan eenyummaa isaanii xiqqeessufi balleessu akka baratan taasifamaa turan. Fakkeenyaaf, sabni Oromoo akka saba Amaaraa gadi ta’ee fi Amaara tajaajiluuf uummame, kan qaroomina hin qabne, kan aadaa, seenaa, fi jagnummaa hin qabne fakkeessanii ijoollee Oromoo barsiisaa turan. Afaan Oromoo dubbachuun duubatti hafummaafi gowwummaa, qaaniifi doofummaa akka ta’e labsan. Gama biraan garuu afaan Amaaraa barachuun, maqaa Oromoo gara Amaaraatti jijjiiruun, aadaa Amaaraafi amantaa Ortodoksii fudhachuun hammayyummaa fi qaroomina akka ta’etti barattoota yeroo san baratan barsiisaa turan. Sababoota kana irraa kan ka’e Oromoo hedduun (Fakkeenyaf, Baale, Arsii, Haragee…fi kkf) kutaalee garaagaraa keessa jiraachaa turan ijoollee isaanii gara mana barumsaa ammayyaatti erganii barsiisuu dhiisan (JOS,1994:102-105).
Kun kanaan osoo jiruu baroota 1980'moota keessa qabsoo hadhooytuu goottan Oromootiin taasifameen lubbuu meeqa laatanii, dhiiga itti dhangalaasanii, lafee itti cabsaa turanii bara 1990'moota keessa afaan Oromoo Afaan hojii manneen mootummaa Naannoo Oromiyaa fi afaan baruufi barsiisuu akka tahu taasifame. Haatahuu malee ammallee afaan Oromoo guutumaa guututti shira gabrummaa hamaa jalaa bahuu hin dandeenye. Guddina hanga irraa barbaadamu agarsiisuu irratti ammallee hir'inaafi dhiibbaa guddaatu mul'ata. Afaan Oromoo akkuma saba Oromoo gabrummaa hamtuu jala jiraachuu mallattooleen danuun ni mul'isa. Afaan Oromoo afaan qo'annoofi qorannoo akkasuma afaan saayiinsiifi teknooloojii tahuu irratti gama hundaanuu hanqinaatu mul'ata. Kanaaf nuti dhaloonni qubee Afaan sadarkaa heddutti wareegamni itti kafalamee shira danuu keessa darbee as gahe kana afaan saayinsiifi teknooloojii akkasuma afaan qorannoofi qo'annoo godhuuf Jaatanii Guddicha Afaan Oromoo (Grand Afaan Oromoo Project) irratti si'aa'inaafi hamileen hirmaachuun Afaan dhiigaan barraa'ee as gahe kana afaan saayinsiif teknooloojii haa taasifnuun dhaamsa keenya.
Tuuta JGAO Irraa | From GAOP Team
Gara marsariitii (website) hiikkaa afaan Oromoo seenuuf link kana tuqaa: 

www.afaanoromo.eajn.org

Artiist Fayyisaa Furii baqattummaadhaan waggaa 3 caalaa Masrii keessa jiraate

Artiist Fayyisaa Furii baqattummaadhaan waggaa 3 caalaa Masrii keessa jiraate

                                                                                                                                          (Yaya Beshir irraa )
Artiist Fayyisaa Furii baqattummaadhaan waggaa 3 caalaa Masrii keessa jiraate. Wallisaan kun ummata isaa Oromiyaa jiru keessatti kabajaa fi jaalala guddaa qabaachuun kan beekamu. Artiistii qaalii (celebrity) 'naa mallatteessi' jedhamee gaafatamu dha. Kaayroo keessatti kabajaa fi jaalala isaaf malu waakkatamus har'as Fayyisaan artiistota Oromoo gurguddoo dandeettii isaaniitiin akka ji'aa goobananii mul'atan keessaa tokko.

Fayyisaan waggaa hagana Masrii keessa jiraate keessatti yeroo duraaf concert qopheeffatee ummata isaa booharsuu fi ofiifis dinqisiifattoota isaa 'bara kana mara eessatti bade' jedhee iyyaafatuuf 'asin jira' ittiin jechuuf qophii inni torbaanotaaf itti qophaahaa ture farroonni ammaaf hin beekamne jalaa haqsiisanii jirani. Kun heddu nama gaddisiisa. Oromoodhumatu Oromoo irratti kana dalaga jedhanii yaaduun illee nama rakkisa.

Fayyisaan hogganaa dhaaba siyaasaa jaalannu yookiis jibbinu tokkoo miti. Fayyisaan garee tokko deeggaree faarsee garee biraa tokko yoo abaarus nama dhagahamee beekuu miti. Fayyisaan artiistii Oromoo hundi keenya jaalannu. Hammeenyi abaaramaan akkasii kan isaaf malu hin turre.