"OMN" Miidiyaa saba oromooti. Kan dhaabbolee faffacaasu miti. Kan gartuu wohiis miti.
(Kamaal Alo Gr irraa)
"OMN" Miidiyaa saba oromooti. Kan dhaabbolee faffacaasu miti. Kan gartuu wohiis miti.
Kan ni hojjataa jedhames saba oromoodhaa hundaaf ture. Hojjatees argine. Hojjachuuttis jira. Hojiin isaa guddaanillee saba gamaa gamanaa, alaaf keessaa, bahaaf dhihaa, kaabaa kibbaan woldhaggeessisee tokko taasisee roorroo diinaa tokkummaadhaan wolirratti tumsanii haqaaf falmachuu akka taate nu garsiisee jira.
inni 2ffa Rakkoofi dararaa ummanni keenya keessa jiru ilmaan sabaa fi hawaasa addunyaa hunda dhaggeessisuudhaan hojii dippiloomaasiitiif ragaa gahaa wojjiin karaa banuudha.
Inni 3ffa :Mootummaa abbaa irreedhaa cubbamaa woyyaanee kan mootummaa dimokraatawaadha ufiin jedhee osoo addunyaa biratti uf dhaadhessuu jaarraa 21ffaa keessatti bifa duubatti hafaa ta'een ummata biyyattii keessa jiru gabroomfatee biyyas hiyyummaadhaan hadoochu kana dhala namaa hojii suukaneessu inni raawwatu kana wojjiin saaxiluudhaan addunyaa biratti roorriftuun fudhatama akka hin arganne gochuudha. Waan hedduu jechuu dandeenya.
"OMN"
1] Dhala oromoodhaa iddoo kamuu jiru wol dhaggeessisuufi tokkoomsuudhaaf "AFAAN OROMOO"tti fayyadame.
2] Sablammoonni cunqurfamoon murannoofi adeemsa fincila diddaa gabrummaadhaa arganii, dhaganii akka qabsoo keenyatti makaman kan taasise
"AFAAN AMAARAA "fayyadameeti.
3] Bifa arginee as dura hin dhagin takkaan addunyaarratti miidhamni nurra jiru dubbatamee ummanni adiin gariitis hariiroo mootummaa Ethiopia wojji qabu hirdhisuufi muruudhaan akka gahu kan godhe "AFAAN ENGLISH "fayyadameeti.
4]Amma ammoo hariiroo gabroomfataan biyyoota arabaa wojji qaburratti hojjachuufi lammiilee keenya cunqurfamoo baqaan biyyoota arabaa keessa jiran haqaan roorrifamanii kan bahan ta'uun baramee akka kabajamanii jiraatan gochuuf, akkasumas hojiilee dippiloomaasii karaa sanii hojjachuufi haqa jirtu addunyaa kara sanii barsiisuudhaaf afaan arabaatiin hojii eegaluun isaanii 100% tarkaanfii sirriifi galateeffamuu qabudha. Amantiifi maaliin waan wol qabatu takkallee hin qabu.
Afaan arabaa kanuma arabaati.
Namoonni tarkaanfii omn sababoota beekkamaniif jedhee qunnamtii addunyaa wojji oromoon qabu baldhisuudhaaf afaan addunyaadhaa heddummeeffachuun sirrii miti ilaalcha jedhu dhiheessan maal nurraa sodaatanii akka ta'e dhugumatti adda naaf hin baane.
Afaan oromoo islaamaa, oromoo perotestaanii, oromoo waaqeffataa,........
Kana hundaatuu kami beektuu?
Deebiin "AFAAN OROMOO"ti.
Gama afaan arabaafi Afaan oromoo, akkasumas islaama jedhaniin :-
Seenaa afaanotaa fi amantiilee keessatti
SHeek-bakrii saphaloo fi SHeek-Muhaammed Reshaad Abdullee faa uf duuba deebi'anii worroota afaan oromoodhaa badiirraa baraare yaadachuun baayyee barbaachisaadha.
Horaa bulaa.
~Kamaal Aloo Gr
"
Thursday, December 29, 2016
OMN woyyaaneenuu miliiyoonota hedduu irratti kasaartee dadhabde, miidiyaan ummata Oromoo har'as borus hin Kufu. Ni jiraata, ni guddata
OMN woyyaaneenuu miliiyoonota hedduu irratti kasaartee dadhabde, miidiyaan ummata Oromoo har'as borus hin Kufu. Ni jiraata, ni guddata
BBC'n afaanota amma bara haaratti Afaan Oromoo dabalatee tamsaasuuf karoorfate wajjiin yoo xiqqaate Afaanota 40 oliin tamsaasa raadiyoof televesiyoonii guutuu adunyaaf dabarsuuf jira. OMN miidiyaan Oromoo garuu amma afaan 3ffaa irra jira, dhalachuu isaati.Afaan Arabaan tamsaasa jalqabuu irratti namoota waanuma hunda mormuu malee takkaa hin deeggarre, diiguu malee ijaaruu hin beekneen, barachuu malee hojitti hin hiikneen, akkuma woyyaanee waanuma hunda amantiif, gandaaf shororkeesummaan walitti fidaniin mormamuun waan nama dinqisiisuu miti.Duri woyyaanee jenna, amma kan nu diigu numa keessa jira. Namni OMNif qarshii takka hin kennin, ammas tuffii miidiyaa Oromoo irraa kan ka'e hin dhageeffatne, yoo guddinna isaa qeequuf sa'aa 24 facebook irra oole tuffatanii dhiisuu dha. Isaan inuma hinaafu, OMN garuu inuma guddata. Doktorootniif pirofeesorootni biyya namaa, waan dubbataniif gorsa hundaaf ni kafalamaaf. Daqiiqaan isaan birratti gatii qabdi. kan keenya tokkoo tokko garuu guyyaa rabbi uume hunda facebook irratti kafaltii malee dibbee jibbaa rukutaa oolu. Korma jabbii keessa oole sana. Bara dhufaaf darbaa kanuma osoo dalagan bool'attti galu. Namatti dhufanii nama wajjiin mar'achuu, ilaaf ilaameen/koottu-dhufeen hin jiru ykn hojii nama qeeqanii sana caalu hojjatanii as bahuuf aadaa qeeqaa malee aadaa hojii hin horatne. Yoo dhugaa dubbatne adunyaan hanga ummata Somaalee beektu Oromoo hin beektu. Namootni adunyaa irratti maqaa Oromoo dhagahanii hin beekne hedduu dha. Biyya ofii adunyaatti kan barsiisu numa Oromoota. OMN karoora isaa keessatti Oromoof Oromiyaa adunyaa barsiisuuf,ilmaan Oromoo biyya namaa keessatti dhalataniif carraa seenaa,aadaaf eenyummaa biyya isaanii barsiisuu banuu dha. kanaaf,woyyaaneef summii lammii keessaatii, nama qeequu malee hojiin hin qabne, nama hinaafuu malee hin gammanne, nama waa diiguu malee takkaa ijaaruu hin beeknetti gurra hin kenninaa. OMNiin woyyaaneenuu miliiyoonota hedduu irratti kasaartee dadhabde, miidiyaan ummata Oromoo har'as borus hin Kufu. Ni jiraata, ni guddata. keep calm and Support Your OMN.
Wednesday, December 28, 2016
OMN tamsaasa Afaan Arabaa eegaluun akka jabaatti irratti haasayamaa jira. Kuni waan gaariidha.
OMN tamsaasa Afaan Arabaa eegaluun akka jabaatti irratti haasayamaa jira. Kuni waan gaariidha.
(jawaar muhhamed irraa)
OMN tamsaasa Afaan Arabaa eegaluun akka jabaatti irratti haasayamaa jira. Kuni waan gaariidha. Sababni OMN Afaan kana tamsaasatti daballeef nama hedduuf ifa. Namni hedduunis barreessee jira. Xiqqoma itti dabaluuf:
Kaayyoon OMN 'Oromiyaa addunyaan, addunyaa ammoo Oromiyaan wal qunnamsiisuudha.' Kana ammoo hamma humni hayyaameen dhawaataan toora tamsaasaa ( mode of broadcast) akkasumas afaanota tamsaasaa dabalaa deemuudhaan galmaan geenya. Afaan Oromootin eegalle. Afaan Amaaraa itti daballe. Afaan Inglizii itti edaane. Amma Afaan Arabaatin as baane. Dhihotti Khiswahilifi Afaan Soomaleetin as bahuuf qophaayaa jirra.
Afaan arabaa maalif?
- Oromoota 500,000 oltu baqattummaafi hojiidhaan biyyoota Arabaa jira. haa ta'uu ammoo ummanni Arabaa kun waa'ee Oromoo homaa hin beekan jechuun ni dandahama. Hariiroo lammileen keenya achi jiraatan hawaasa san waliin qaban ( public diplomacy) fooyyeessuuf waa'ee Oromoo fi Oromiyaa ummata san barsiisuun akkaan barbaachisaadha. sababni sagantaa Afaan Inglizii babaldhisaa jirruufis tokko Faranjiin nuti keessa jiraannu dhimma keenya akka hubattuufi.
- Ilmaan Oromoo baqattoonni kun achitti horan ( 2nd and 3rd generation immigrants) kumaatamaan lakkaayamu ( Hubadhaa! Baqattoonni Oromoo osoo biyya Faranjii hin dhufin biyya Arabaa qubatan...baroota 1940moota irraa eegalee). Ilmaan isaan horan kan afaan Oromoo hin beekne kumaatamatu jira ( Fkn joollee Elemoo Qilxuu laalaa). OMN waa'ee seenaa Oromoo fi haala Oromiyaa daa'imman Oromoo Afaan warra isaanii hin beekne hubachiisuun barbaachisaadha. Afaan Ingiliziis kan eegalleef keessaa sababni guddaan joollee biyya faranjii dhalattee Afaan Oromoo hin beekne bira gahuufi.
- Hariiroo daldalaa Itoophiyaan biyyoota alaa waliin gootu keessatti Chaaynaatti aanee sadarkaa guddarra kan jiru biyyoota Arabaa waliini. Jara kana waliin diplomaasii jabeeffachuun ammatti qabsoo keenyaaf, boru ammoo hariiroo diinaggeetiif barbaachisaadha. Hariiroo diplomaasii cimsuuf ammoo dhimma keenya Afaan isaan beekaniin hubachiisuun barbaachisaadha. Saagantaa Afaan Inglizii kan babal'isuu barbaannufis akeekuma kana biyyoota dhihaa keessatti daran cimsuufi. ( Hubadhaa Wayyaaneen dhiibbaa gama saniin dhufu diinaggee isiitiif hedduu waan sodaattuf hariiroo isii jara kanaa waliin cimsuuf halkaniifi guyyaa carraaqxi. Baatilee jahan dabre kana keessatti biyyoota muumichi ministeeraafi haajaa alaa dhaqaniifi walgaltee adda addaa mallatteessan yoo laaltan kun ifatti muldhata. Nutii teenyee laaluu qabnaaree? )
- Akeeka dhimma Oromoo ummata ollaa keenyaafi kan addunyaa beeksisuu kana galmaan gahuuf adaduma humni teenya jabaachaa deemtuun afaanota gurguddoo naannawa saniitifi addunyaatin oduufi sagantaalee idilee dabalaa deemna. Akkuma duratti ibse dhihotti Afaan Soomaleefi Kiswahilitin eegaluuf qophii xumuraa jirra. Gaazexeessaa dhimma keenya Afaan Chaaynaatiin himuu danda'u osoo argannee sanis itti dabaluu feena. Dhugaan baana, qoosaafi miti.
- Kanaan walqabatee Afaan sabafi sablammootaatiif hireen osoo kenname wayya yaadni jedhu ka'ee jira. Yaada dansaadha. Yaadni nuti dura qabaachaa turre saboota naannawa saniitif saatalaytii keenyarratti kenninee walabaan siyaasaa isaanii afaan ofiitiin akka tamsaasaniif ture. Akkuma namuu beeku saboonni naannawa sanii toora saatalaytii OMN akka fayyadaman ifatti affeeraa turre. Rakkoon jiru saboonni biyya sanii hedduun nu daran waan cunqurfamanii turaniif humni isaanii nurraahuu laafaadha. Sababuma kanaan gariin eegalanii jidduun dhaaban. Tokko tokko ammoo ni eegalla jedhanii fiixaan baasuu dadhaban. Haala kana hubachuun humna isaani ol guddisuuf tarii deeggarsa godhuun barbaachisuu hin oolu jennee haala mijeessuuf mari'achaa jirra.
Walakkeessoo bardhibbee 20ffaa keessa biyti Igilizii siyaasaafi waraanaan moo'amtee yeroo kufuuf daddaaqaa turtetti dantaa isii addunyaa irratti eegsisuuf kan isii dandeessise BBC dha. Ameerikaan siyaasaa addunyaa akka dhuunfatu kan godhe humna waraanaa qofa osoo hin taane CNN, VOA fi Hollywood ta'uu ni beeytan. Biyyoonni kun dhimma ofiifi kan addunyaa afaan ofiitifi afaanota gurguddaan biroon tamsaasuun ilaalchi isaanii mataa ummata addunyaa keessa akka jiraatu godhan. Kanarraa nutis wahuma baranna. Waan barannu kana ammoo humna qabnuun hojitti hiikuu qabna. ( kanarratti gaaf biraa dabalataan barreessuun yaala)
Ammaaf gama kiyyaan kanuma.
Tasgabbiin mar'idhaa.
Marii keessatti wal eeggadhaa.
Wal hin madeessinaa.
Yaada waliif ulfeeffadhaa.
Yaada Oromoof ta'uu waliin gabbifadhaa.
Tasgabbiin mar'idhaa.
Marii keessatti wal eeggadhaa.
Wal hin madeessinaa.
Yaada waliif ulfeeffadhaa.
Yaada Oromoof ta'uu waliin gabbifadhaa.
WARRI NAANNOO AMBOO JIRTAN NAMOOTA KANA ADDA BAAFADHA!
WARRI NAANNOO AMBOO JIRTAN
NAMOOTA KANA ADDA BAAFADHA!.
The Tigre government spies and collaborators in Ambo
Tarree Maqaa Toora Angoo Waan-Jallaa hojetame
1. Dachasaa Beeka Gudar Bulchaa Saree Beker Shaalee
1. Dachasaa Beeka Gudar Bulchaa Saree Beker Shaalee
2. Soboksa Mulatu
Dhalataa naannoo guder Ganda QOt/bul Hadharsaa Biilaa. -Bara 1997 HLh tti Haramaya university tti ilmaan oromoo lafa irra ficcisiisaa kan ture ,sana booda security Federaalaa ta’ee Amboo tti ramadamee kan hojechaa jiru.konkolaataa ramadameef isaan hojechaab jira. Dechesa Beka Waliin hiriyaadha. Nama naannoo tokootti.yeroo amma kana Dureeyii oromoo fi qeerroo fi Baratoota kan hiisisaa jiruu isa akka ta’ee beekamee jira.
3. Yaareed Tashoma Ganatii
Amboo ganda 01,Barsiisaa High school Jibaaat, Amboo, keessatti barsiisootaaf barattootaa basaasee diinaaf kan dabarsaa ture. -Sana booda gara muudamaatti fiduun barreessaa kantiibaa magalaa Amboo ture. -sana booda bara 2008 universty Amboo tti ijoollee akka basaasuu fi basaastoota university Amboo akka qindeessu ramadamee hojechaa kan ture. -yeroo of sodaatee Amboo gallakisee Finfinnee jirachaa kan jiru.
Amboo ganda 01,Barsiisaa High school Jibaaat, Amboo, keessatti barsiisootaaf barattootaa basaasee diinaaf kan dabarsaa ture. -Sana booda gara muudamaatti fiduun barreessaa kantiibaa magalaa Amboo ture. -sana booda bara 2008 universty Amboo tti ijoollee akka basaasuu fi basaastoota university Amboo akka qindeessu ramadamee hojechaa kan ture. -yeroo of sodaatee Amboo gallakisee Finfinnee jirachaa kan jiru.
4. Selamon Gebre
Bara dheeraaf High school AMboo barataa fi basaasaa kan ture. -Barataa Jegema Bedene fi Kebeda Bedese Irko High school Amboo tti bara 1998 ajjeesiise
Bara dheeraaf High school AMboo barataa fi basaasaa kan ture. -Barataa Jegema Bedene fi Kebeda Bedese Irko High school Amboo tti bara 1998 ajjeesiise
5. Tilahun Homa
HIV positive
yeroo ammaa police un Ambo keessa hojeechaa kan ture -Amma ol gudisanii gara biiroo tti galee jira -Mucaa shashamannee tokko fi kan biro maqaa isaanii yeroof beekuu hin dandeenyee kan university Amboo tti bara 2006 ajjeese.
HIV positive
yeroo ammaa police un Ambo keessa hojeechaa kan ture -Amma ol gudisanii gara biiroo tti galee jira -Mucaa shashamannee tokko fi kan biro maqaa isaanii yeroof beekuu hin dandeenyee kan university Amboo tti bara 2006 ajjeese.
6. Gashaw
UN Amboo tti itt/gaf/poolisootaa ta’ee hojechaa kan jiru
UN Amboo tti itt/gaf/poolisootaa ta’ee hojechaa kan jiru
7. Tedesa Fedhaasa
W,DH,D,U,O BUl/Dirree incinnii kan ture
Ijoolee Inicinnii 12 ta’anii bara1968/1999 HLH tti Warra adda duree ta’anii ijoolee naannoo sana fi AMboo kan qindeesaa jirtanii isinii jechuun TPLF waliin ta’uun gara mana hidhaa Ziwayii qilinxoo tti hanga guyyaa har’a tti mana hidhaa jiru -sana booda W/lafa godinaatti itti gaafatamaa kan ture, -yeroo ammaa W,DH,D,U,O keessa jira
W,DH,D,U,O BUl/Dirree incinnii kan ture
Ijoolee Inicinnii 12 ta’anii bara1968/1999 HLH tti Warra adda duree ta’anii ijoolee naannoo sana fi AMboo kan qindeesaa jirtanii isinii jechuun TPLF waliin ta’uun gara mana hidhaa Ziwayii qilinxoo tti hanga guyyaa har’a tti mana hidhaa jiru -sana booda W/lafa godinaatti itti gaafatamaa kan ture, -yeroo ammaa W,DH,D,U,O keessa jira
8. Gizew Tola
Itti/w/qonnaa Aanaa Gindabaratii ,Kantiibaa magaalaa Amboo,Itt/W/Jallis God,Itti/mis/mag/fi construction
Itti/w/qonnaa Aanaa Gindabaratii ,Kantiibaa magaalaa Amboo,Itt/W/Jallis God,Itti/mis/mag/fi construction
9. Ababaa Urgessa
Itt/cooperative dirree incinnii kan ture -yeroo ammaa kana w/cooperative keessa hojechaa jira
Itt/cooperative dirree incinnii kan ture -yeroo ammaa kana w/cooperative keessa hojechaa jira
10. Mulugeta Raggasaa Gadisaa
Mana qopheessaa Amboo keessa basaasaa kan ture -yeroo amma kana barumsa mesters kenameef jira.
Mana qopheessaa Amboo keessa basaasaa kan ture -yeroo amma kana barumsa mesters kenameef jira.
11. Mengistu Raggaasaa
basaasaa waggaa 25 guutuu Amboo basaasaa ture
jiraataa ganda Amboo 02
Dhalataa ganda Q/Bulaa Kubee Qibaa
basaasaa waggaa 25 guutuu Amboo basaasaa ture
jiraataa ganda Amboo 02
Dhalataa ganda Q/Bulaa Kubee Qibaa
12. Xurunaa Gadisa
Basaasaa waggaa 25 guutuu Amboo basaasaa ture
Dhalataa ganda Q/B Kubee qibaa
Basaasaa waggaa 25 guutuu Amboo basaasaa ture
Dhalataa ganda Q/B Kubee qibaa
13. Getahun Debesa-W/Qonnaa GUdar - Filannoo Bara 2002 Guder ganda Q/Bulaa Naga Filee (Tullu Dimituu) jedhamutti nama tokko ajjeesisee ture -Jereenyii isaa Amboo 01 Mana baruumsaa Addis katamaa cina -yeroo amma kana gudar fi Amboo basaasaa jira
14. Beezaa Dhunfa
Jiraataa Amboo 01 -mana barumsaa Amboo baka adda addaa hojechaa ture
ijoollee ammana hin jedhamnee hisiisaa fi ajjechisaa ture
sana booda itt/w/daldalaa magaalaa Amboo -sana booda itti/IMX magaalaa Amboo
Jiraataa Amboo 01 -mana barumsaa Amboo baka adda addaa hojechaa ture
ijoollee ammana hin jedhamnee hisiisaa fi ajjechisaa ture
sana booda itt/w/daldalaa magaalaa Amboo -sana booda itti/IMX magaalaa Amboo
15. Zakariyas worqu Mangasha
jiraataa magaalaa Gudar -
Dachaasaa Beekaa waliin ta’uun Gudar keessatti ramadamee hojechaa jira
sana booda ITT/gaf/w /lafa baadiyaa gudar
jiraataa magaalaa Gudar -
Dachaasaa Beekaa waliin ta’uun Gudar keessatti ramadamee hojechaa jira
sana booda ITT/gaf/w /lafa baadiyaa gudar
16. Abaraa Cimdi
Bulcha ganda QO/Bulaa Haaluu raaruu kan ture -sana booda Itti/gaf/Sivil service Guder -sana booda Itti/Nageenya Aanaa Gudar/ security
Bulcha ganda QO/Bulaa Haaluu raaruu kan ture -sana booda Itti/gaf/Sivil service Guder -sana booda Itti/Nageenya Aanaa Gudar/ security
17. Dandanaa Lamuu
Gudar Dura ta’aa ganda qon/bulaa Agamsaa dasoo kan ture -yeroo ammaa kana TPLF waliin kan hidhamanii fi kan ajjeefamanii mana geessee agarsiisee kan ajjeesiisuu isa kan ta’ee -
Gudar Dura ta’aa ganda qon/bulaa Agamsaa dasoo kan ture -yeroo ammaa kana TPLF waliin kan hidhamanii fi kan ajjeefamanii mana geessee agarsiisee kan ajjeesiisuu isa kan ta’ee -
18. Geetaachoo /Yosan/Beqala
D.A kan ture -bara 2008 barataa tokko magaalaa tokkee irrensaa jedhamutti AGZin Ajjechiseera - Sana booda yeroo ammaa itt/aanaa Bulchiinsa lafa Guder - Sana booda itti/bulchiinsa lafa Aanaa Libaan jawwee(Baabbicha)
D.A kan ture -bara 2008 barataa tokko magaalaa tokkee irrensaa jedhamutti AGZin Ajjechiseera - Sana booda yeroo ammaa itt/aanaa Bulchiinsa lafa Guder - Sana booda itti/bulchiinsa lafa Aanaa Libaan jawwee(Baabbicha)
19. Shibiru Celchisa-Barsiisaa mana barumsaa Gooroo soolee kan ture -Achuma magaalichaa tti barataa Obboleessa Deseleny Fayera jedhamuu AGZIN ajjechisee ture bara 2008 -yeroo ammaa kana Aanaa Guder tti guddisanii w/DH/D/U/O keessa hojechaa jira -AGZI waliin yeroo amma kana hojii basaasummaa isa itti fufee jira Kanaafuu jarreen kana waliin baayyeetu jira.garu akka qabatamaa tti wa’ee jara kana raga guutu qabina.
Tuesday, December 27, 2016
WAREEGAMAN MALEE BILISUMMAA WAARAAN HIN ARGAMU!
WAREEGAMAN MALEE BILISUMMAA WAARAAN HIN ARGAMU!
Mudde, 2016
Itti citan citaan biddeena buusan!" Jedha Oromoon gaafa murannoofi kutannoo waan tokko hojjachuuf qaban maakmaaksaan himan. Yoo hidhii ciniinnatanii ittuma cichan waan mara hojjachuun ni danda'ama, fiinxa baasuuniis numa hin oolle jechuu isaaniiti. Dhugaa dha! Namni imala tokko eega jalqabe daandii isaarratti gufuuf gufaanni mudatuus, beelaaf dheebuun halawwatuus, qeeyraafi tabbi itti baayy'atuus mudhii jabeeffateetuma amna isaa goolaba malee of duuba hin deebi'u. Keessattuu Oromoon uumama namaa keessaa kutannoon isaanii adda. Eega imalaaf miila manaa baasan balaan kamuu yoo isaan mudatellee sodaafi bir'uun of duubatti hin deebi'an. Maakmaaksichi kuniis ejjannuma keessa isaanii kana bifa haqaarameen ol baasee arraata jechaatiin guduunfee sagaleen ibsa. Itti citan malee ciisanii hin nyaatan. Caphanii baqan malee, dhiiga facaasan malee, diinaggee itti dhaban malee bilisummaan bilisaa hin jiru jedhan warri qabsaa'ootaas yoo adeemsa qabsoo ibsan. Humna, qabeenya, yeroo, beekumsaafi lubbuu itti wareeganii itti citanii, itti cichan malee qabsoo fiinxa baasuun hin danda'amu jechuudha.
Eeyyee! Kun maakmaaksa dhugaa kan gannaaf gadaa naanna'uu dha. Jechi gabaabaan kun murannoo dubartoonni qaban ibsuuf kan jedhamu fakkaatullee garuu yeroo ammaa kana haala warraaqsa qabsoo waliin yoon walitti akeeknu kan miira keessoo keenya nuuf ibsuu dha. Keessattuu anaaf hedduu gara na ga'ee na qabbaneessa. Namoota keessoon isaanii kiyyatti dhiyaataniis akkasumatti ibsaaf jedheen yaada. Gariin immoo mamuun "akkamitti?" gaaffiin jettu keessoo isaaniitti dhandhaaramtuus wahii dhabamaaree? Dubbiin maakmaaksichi ibsu akkumaan jedhe taligaa dubartootaan kan wal qabatu tahuus haadhooliin ykn niitiiwwan keenya roobuus caamuus guyyaa tokko bobeessaa dhabne jedhanii maatii agabuu akka hin oolchine kan mirkanneessuudha. Qoraan gahaa dhabaniis citaa hobob je'ee dhaamuun laaqana maatii hojjachuun isaanii murannoo guddaa qabaachuu isaanii mirkaneessa. Hubadhaa! Dhihana hojjatanii maatii isaanii quubsanii bobbaasuun qabsoo yoo tahu, bobeessaa faalkaa hin qabne citaan biddeena buusanii maatii guutuu quubsuu danda'uun isaanii immoo adeemsa qabsoo keenyaa kan hidhannoo dhabee murannoon gaggeeffamaa jiru kana tahuu isaati. Imala qabsoo kanaas erga jalqabnee walakkaa daandii biraan dabarree goolabuu geenyee lafatti hin gannu, ammallee daran cininnannee itti fufna malee if bir'annee, dadhabnee, hifannee karatti hin dhaabnu waan jedhu naaf ibsa fakkaata. Oromiyaa keessattiis immoo "Itti cinnee citaan biddeena bilisummaa buufna!" dhaadannoo jedhuun qeerroonwarraaqsa marsaa biraa kaasuuf kan qophaa'an tahuufi mallattoon warraaqsaa iddoo garitti mul'achaa jira odeeffanni jedhuus gama mirgaatii as balali'uun ni mul'ata.
Dhimma adeemsa qabsoo yeroo ammaa akka duumeessa gannaatti wal maree roobuuf qaqawwisuutti adeemsa qabsoo jalqabuuf miilarra if ta'aa jiraachuun ummata Oromoo mallattoon mul'isu danuu tahuus garuu qabsoo gosa kam akka gaggeessuuf deeman irratti immoo yaadoota sadarkaa ilaalchaan wal miliqan akka jiranillee odeeffanni kun irra diba. Gari gariin namaa akka waan qabsoon tun galma dhabdee, akka waan bu'aa malee qancarteetti kan fudhatan fakkaatu. Kaan immoo akka waan Oromoon waa jalqabuu malee xumuruu hin beekneetti yaadan. Tokko tokko immoo waan abdii kutuu bira gahaniis ni fakkaatu. Hangi tokko keessattuu warreen tooftaa adeemsa qabsoo hubataniifi sammuu si'ooytuu qaban immoo imalli qabsoo akkuma deemsa itti fufetti jirachuu hubatanii garuu ibidda daaraa keessatti dibameen wal fakkeessan. Murni gariin immoo shakkii dur warraaqsi sirgigaatee itti kufeefi dogoggora kaleessaa kan godaannisa sammuu tahee keessatti hafe san qaxaph je'ee tan dabarte tan arraatiin wal bira fidee "Arraas laata karaan keenya sanuma tahinnaa?" je'ee girrisa shakkiitiin xaxamuus ni mul'ata.
Haa tahuu garuu dhugaan akka biiftuutti calaqqiftee mul'attu kan ija namoota gariif akka biiftuu duumeessi furdaan haguugeetti itti gaaddiddaa'u jiraachuun numa beekkama. Kun immoo namni marti waan tokko wal qixa hin hubatu, bifa wal fakkaataaniis hin ibsatu waan taheef heera uumamaa keessa kan yakkatee miti. Gariin dafee hubatee dafee hojiirra oolchuuf jarjarfata. Wayta sardamni isaa dafee hojiirra ooluuf dhabe immoo deebi'ee aaraafi dallansuun oodee ta'a. Akkuma saffisaan hubatan waan fudhatan san saffisaan hojiirra oolchuuf warri barbaadan kun amala dafanii hifachuufi waan godhuuf ka'an san gaafa namni isaan waliin gochoomsu dhibaa'e ammaas tasa deebi'anii balfuu warra filatuudha. Isaan kun dilas hin baayy'atan. Garuu yaadaafi tarkaanfiin isaanii humna waan qabduuf akka buuloo xiqqoo bishaan guddaa balanceeysituutti sagaleen isaaniilleen hanguma xiqqatti yaada sammuu namootaa shoorarkeessuu qabdi. Kanneen dafanii waan tokko hubachuu irratti saffisa jiddugala qaban baayyeen jiraataniis garuu yaada warreen dafanii waa hubatanii kanaan waan haguugagamaniif sagaleen isaanii ol ka'ee hin dhaga'amu. Waca warreen saffisa guddaan waan hubatanii kanaan liqimfamee hafa jechuudha.
Gariin immoo dhibaa'iinsa suuteen adeemsa dheeraa keessa kan hubatu yoo tahu jarri kuniis akkuma warra saffisoo san lakkoofsaan muraasa. Isaan kun eega ganni naanna'e booda, eega wanti karoorfamee hojjattamee bu'aan isaa argamee booda bu'aa argame kana ilaalanii hubatu. Isaan kun eega dubbiin cirotti dhumte booda kanneen akka nama amma dammaqeetti baaraganii dha. Warraaqsaaf qabsoon kamiyyuu makaa namoota kanneen maraatiin gaggeeffamti waan taheef ilaalchoonni wal habaabuufi yaadni saffisa wal fakkaataan deemuu dhabuun mul'achuun dirqama taha jechuu dha. Keessattuu yeroo ammaa qabatama qabsoo Oromoon gaggeessaa jirtu irraa yoo hubannu akka sabaatti Oromoon guutuun ilaalchoota walitti dhihaataafi olloomaa surrii horatanillee akka dhaaba qabsootti buburraa'uu mul'atu kanaatu qalbii namoota garii cabsee, hamilee isaan harkatti qancarsaa jira. Haalli kun immoo sadarkaa warraaqsi itti tarkaanfachuu qabu dhibeeysuun qaawa dinni harganuun waan uumeef jarri baraagan akka hawaasatti hafuura kutan haala mijjeesseef. Gama kaniin hawaasni gahee bahuu qabanii ol waan bahaniif, qabsoo sadarkaa guddatti ol siqsuun imaama isaanii bira dabranii kan dhaaboota qabsoollee waan walakkeessaniif jaarmaya qabsoo kan arraata wal butu malee kan diina laaffate kana hobbaasuuf sossoo'u dhabnaan hifanni itti dhufee, dallansuun keessatti ita'e.
Gaafa hawaasni yaada isaa haqaaree ibsatu, yoo fedhiifi hawwii isaa dhawwaaqu, wayta imaama keenyaa ol baanee mee isiniis keessan bahaa jedhu jaarmayooni siyaasaa keenyaa immoo akka ijoollee gaafa haati ergattu walitti deddeebiftuutti "Ana hin baantu si baantii" mormii jedhuun wal afaan deebi'uu malee wal tahanii diinarratti xiyyeeffachuun hafe. Wayta kana hawaasniis akkaataa mooraa qabsoo keessatti uumamee ture, kan carraa silaa milkaa'an deebisee harkaa futtaase san yaadachiisee sammuu wareersa. Gaafa akkaataan dur nu hoongeesseen wal fakkaatu san ammaas mul'atu yaadda'uufi dallanuun yoom hafaree? "Namni guyyaa bofa arke halkan......!"
Tan dur yaadatee carraan gurraachi akkasii deebi'ee akka hin mudanneef yaadda'uun ummatichaa sirrii tahuu hubatanii jaarmayni qabsoo kulkula san irraa malaasuu osoo qabanii daran madaa isaanii fottooysuun kun yoo hin hafne ammaas taanaan ummataa waliin araarama akka hin qabne beekuu qaban ture. Silaa isaan marti wanti godhuu qabaniifi ummanni irraa eeggatu roguma jiraniin, akeekaafi kaayyoo bu'ura dhaaba isaanii irra dhaabbachuun qeerroo bifa bittinnaa'een qabsaa'aa jiru, onnattoota dhagaan qawwetti duulanii arra sadarkaa tana gahan kana ijaaranii qabsoo humna diinaan wal gittu horatanii waraansa wal madaalutti seenanii gaariidha tan jettu qaban.
Tan dur yaadatee carraan gurraachi akkasii deebi'ee akka hin mudanneef yaadda'uun ummatichaa sirrii tahuu hubatanii jaarmayni qabsoo kulkula san irraa malaasuu osoo qabanii daran madaa isaanii fottooysuun kun yoo hin hafne ammaas taanaan ummataa waliin araarama akka hin qabne beekuu qaban ture. Silaa isaan marti wanti godhuu qabaniifi ummanni irraa eeggatu roguma jiraniin, akeekaafi kaayyoo bu'ura dhaaba isaanii irra dhaabbachuun qeerroo bifa bittinnaa'een qabsaa'aa jiru, onnattoota dhagaan qawwetti duulanii arra sadarkaa tana gahan kana ijaaranii qabsoo humna diinaan wal gittu horatanii waraansa wal madaalutti seenanii gaariidha tan jettu qaban.
Kan tahaa jiruufi qabatamaan arginu garuu faallaadha. Keessattuu jaarmayoonni gara hidhannoon qabsoon gaggeessa jedhu marti xibaaraan wal afaanfaajjeessuu malee, kijibaafi cubbuun miseensoota isaanii walitti diinoomsuun ala afaan isaaniifi kan qawwees diina irratti deebisuuf waan hayyaman hin fakkaatan. Naatu si caalaa jecha malee gochi maddii hin mul'anneen ham walitti jechuu malee, naatu abbaa qabsootii ragaa qabatamaan tokko itti hin argamneen walitti guunguumuu malee kan irra wayyaa tahee yeroo murteessaan amma jedhee xumaashaa takka gara kallattii diinaa furgisu hin agarre. Kun kan mul'isu immoo isaan marti dadhaboofi saansakka dhablee tahuu daran lafeen daandii qabsoo kana irratti hanga ammaa dhaga tuulii tahaa turteefi dhiigni laga qabsoo guutee akka galaana gannaatti yuusaa ture maraaf naasuufi hadooddiillee waan hin qabnees isaan fakkeessuu hin oolle. Kana maraatu sammuu ummataa xaxee, yaada surri isaanii faxee, aaraan garaa xiilleeysee dallansuun bokoka xil godhee jira. Haalli shorroqiinsa dhaaba qabsoo Oromoo irratti shirri diinaa guyya guyyaan hammaachaa dhufe marti walitti dabalamanii yeroo ammaa ummata keenya kan biyya keessaa warraaqsatti turan yaada qasamaa fiinxi bade keessa galchee akka waan abdiin isaanii reeqqiftuu fakkeessuus garuu ammallee duraa hin dukkaneessine. Kan galgala xibaara warra jaarmayoota siyaasaafi minnaaga warra duruu sodaaf baqateetti aaree "Teenya tun...." jechaa bule ganama ka'ee yoo miidhaa diinaa argu garuu "lubbuun gaafa dhalatte duute" jedhee haala itti murtii galgalaa fashaleesse yaada isaa jijjiiruutu mul'ata. Kana jechuun Oromoon yaadaafi fedhii of duuba deebi'uu eenyulleen akka hin qabne mirkaneessa.
Hundaafuu walumagalatti qabsoon Oromoo amma didirrisaa jirtu kun akkuma iddoo garitti qacacuu jalqabe kun guutuu Oromiyaatti yoo dhoo'e jiraachuu mootummaa wayyaaneef carraa dhumaati jedhamee yaadama. Garuu haalli qabsoon itti deemamuu qabu kan duraanii irraa jijjiirama tooftaa guddaa horachuutu irra jiraata. Kanaafuu ilmaan oromoo marti akkuma kanaan duraa ejjannoo tokkoon hiriiree badii sanyii baalleeessi wayyaanee ofirraa xumuruu qaba jedheen yaada. Yeroo ammaa qabsoon adda durummaan barbaachiftu qabsoo hidhannoo tan dhaaboolii siyaasaa Oromoon godhamuu qabdu yoo tahu isaan hidhannoon Oromoof qabsoofna jedhan marti yeroo xumuraaf akka qabsoo hidhannoo uunkaafi bifa qabdu taasisuuf ka'an gaafanna. Carraan ammaa kun isaan dabarraan ilmaan Oromoo isaan mara tufuuf arraba irraan jiran matagalee ofirraa tufuun isaanii hin hafu. Kana yoo jennu immoo ummanni Oromoo akka hawaasaatti qabsoo irraa ni dhaabbatan jechuu miti. Haaluma jiruufi rakkoo mudatu irra dhaabbachuun tooftaafi mala qabsoo tarsiimoon qajeelfamu haarawaafi saffisaa uummachuun dirqama taha. Gama biraatiin immoo mala qabsoo miidhaa diinni nurratti raawwatu xiqqeessuu danda'u fayyadamuun dirqama taha. Kana immoo eenyullee eeggachuu osoo hin taane qeerroon Oromoo sadarkaa mara keessatti bifa kurfaaa’eefi qindoomina qabuun of ijaaree waanuma dhihoo isaatti argamuun naannoo isaanii bilisa taasisaa deemuuf of qopheessuun dirqama taha. Haaluma tahe maraan kana booda qabsoon Oromoo mamii tokko malee gara hidhannootti akka seenu godhuuf eenyulleen hojjachuu qaba. Yoo jaarmayoonni qabsoo yeroo gabaabatti gara hidhannoo qabatamaan seenuu baatan immoo dirqama qeerroon akka hidhatu taasisuun ummanii akka duubaan isaanitti hiriiru godhaa deemuun filannoo dhumaati. Humna qabeenya, yeroo, beekumsaafi lubbuu keenya mara itti wareegnee, itti cinnee qabsoo keenya fiinxa baasuun dirqama. Barruu koo goolabe. Horaa bulaa deebanaa!
Mudde, 2016
Sunday, December 25, 2016
"NAMNI OROMOO TAHE MARTI JAATANII AFAAN OROMOO IRRATTI HIRMAACHUU QABA!
"NAMNI OROMOO TAHE MARTI JAATANII AFAAN OROMOO IRRATTI HIRMAACHUU QABA!
"Grand Afaan Oromoo Project:"
Yeroo afaan Oromoo dubbattan mara wanti yaadachuu qabdan guddaan tokko afaan kana jiraachiisuuf lubbuun gootota kuma meeqaa kuufuufi wareegamuu isiiti. Warreen afaan Oromoo kana jiraachisuuf ofiif lubbuu takkittii dhaban kun dhiigaan dheengiyyanii, lafeen miggaaranii, copha dhiigaatiin qubee barreessanii nuun gahan. Nuti immoo qubee copha dhiigaatiin taraaramte, afaan bu'urri isaa lafeen ijaarameefi goonni meeqa ofii lubbuu dhabee lubbuu itti hore kana afaan teknooloojiifi saayiinsii, afaan qorannoofi qo'annoo godhuuf waan nurraa barbaachisu mara gumaachuun dirqama taha.
Eega barannee barreessuufi dubbisuu dandeenyee afaan kana kabajaafi ulfina goottan laataniif san laachuuf nurra jiraata. Qubee guunnee, seera qubeessuu sirneessineefi seer-luuga afaan keenyaa miidhagsinee hojjachuu qabna. Afaan keenya baayyina dubbattootaa, baayyina loqodaafi badhaadhina jechootaan afaan gararree afaanootaa akka tahe namni hin beekne hin jiru. Osoo afaan keenya garba hin dhumne kun fuula interneetii kan akka googlee fi facebook hin seenin afaan warreen nu hin geenyee meeqa interneet irraa dhawwaaqaa jira. Afaan bal'aan qabeenya saba guddaa tahe kun garuu akkuma yeroo dheeraaf ukkamamee ture san eega lubbuu goototaan lubbuu horate boodaas afaan saayinsiifi teknooloojii tahuu irratti hanqinootaatu jira. Silaa afaan kana afaan saayinsiifi teknooloojii taasisuuf hojiin kun mootummaa biyya bulchaa jiruun hojjatamuu qaba ture. Mootummaan kun immoo kan lubbuu Oromootiifuu dantaa hin qabne afaan Oromoof dantaa qabaataaree?
Hundaafuu rabbiin guddisee hayyootaafi beektootaas nuuf kenne waan taheef afaan kaleessa gootoonni lubbuu itti dhabanii lubbuun jiraachisan san afaan saayinsiifi teknooloojii taasisuuf, marsariitiin gurguddaan akka afaan Oromoo dubbachuu danda'an godhuuf, goboo (kuusa) jechootaa guddaa loqod-danuu toora marsariitii irratti Oromoofi kan biroollee fayyadu, kan afaan Oromoo gara ingiliffaafi afaanoota addunyaa gurguddatti hiiku qopheessuuf jahatanii addaatti jiran. Hojiin kun immoo namoota muraasa qofaan kan hojjatamu osoo hin taane nama qubee lakkaawe maraan hojii hojjatamuu dha. Eeyyee! akkuma afaan waliin qabnu walumaan afaan keenya afaan saayinsiifi teknooloojii godhuufiis dirqama marti keenya waliin hirmaachuu qabna.
Afaan gootonni lubbuu isaanii itti dhabanii lubbuun jiraachisan, afaan lafee danuun bu'uramee dhiigaan taraaramee afaan barruu, afaan baruuf barsiisuu godhan kana nuti immoo dhaloonni ammaa yeroo, beekumsa, qabeenyaafi humna isaanii itti wareeganii afaan saayinsiifi teknooloojii, afaan qorannoof qo'annoo taasisuun dirqama taha. Namni oromoo tahee barreessuufi dubbisuu danda'u marti jahaatanii guddicha Afaan Oromoo irratti hirmaachuu qaba. Kun ajaja oromummaati.
Gara marsariitii (website) hiikkaa afaan Oromoo seenuuf link kana tuqaa:
http:// afaanoromo.eajn.org/
Saphaloo Kadiir | Abdulbasit
Mudde, 2016
Yeroo afaan Oromoo dubbattan mara wanti yaadachuu qabdan guddaan tokko afaan kana jiraachiisuuf lubbuun gootota kuma meeqaa kuufuufi wareegamuu isiiti. Warreen afaan Oromoo kana jiraachisuuf ofiif lubbuu takkittii dhaban kun dhiigaan dheengiyyanii, lafeen miggaaranii, copha dhiigaatiin qubee barreessanii nuun gahan. Nuti immoo qubee copha dhiigaatiin taraaramte, afaan bu'urri isaa lafeen ijaarameefi goonni meeqa ofii lubbuu dhabee lubbuu itti hore kana afaan teknooloojiifi saayiinsii, afaan qorannoofi qo'annoo godhuuf waan nurraa barbaachisu mara gumaachuun dirqama taha.
Eega barannee barreessuufi dubbisuu dandeenyee afaan kana kabajaafi ulfina goottan laataniif san laachuuf nurra jiraata. Qubee guunnee, seera qubeessuu sirneessineefi seer-luuga afaan keenyaa miidhagsinee hojjachuu qabna. Afaan keenya baayyina dubbattootaa, baayyina loqodaafi badhaadhina jechootaan afaan gararree afaanootaa akka tahe namni hin beekne hin jiru. Osoo afaan keenya garba hin dhumne kun fuula interneetii kan akka googlee fi facebook hin seenin afaan warreen nu hin geenyee meeqa interneet irraa dhawwaaqaa jira. Afaan bal'aan qabeenya saba guddaa tahe kun garuu akkuma yeroo dheeraaf ukkamamee ture san eega lubbuu goototaan lubbuu horate boodaas afaan saayinsiifi teknooloojii tahuu irratti hanqinootaatu jira. Silaa afaan kana afaan saayinsiifi teknooloojii taasisuuf hojiin kun mootummaa biyya bulchaa jiruun hojjatamuu qaba ture. Mootummaan kun immoo kan lubbuu Oromootiifuu dantaa hin qabne afaan Oromoof dantaa qabaataaree?
Hundaafuu rabbiin guddisee hayyootaafi beektootaas nuuf kenne waan taheef afaan kaleessa gootoonni lubbuu itti dhabanii lubbuun jiraachisan san afaan saayinsiifi teknooloojii taasisuuf, marsariitiin gurguddaan akka afaan Oromoo dubbachuu danda'an godhuuf, goboo (kuusa) jechootaa guddaa loqod-danuu toora marsariitii irratti Oromoofi kan biroollee fayyadu, kan afaan Oromoo gara ingiliffaafi afaanoota addunyaa gurguddatti hiiku qopheessuuf jahatanii addaatti jiran. Hojiin kun immoo namoota muraasa qofaan kan hojjatamu osoo hin taane nama qubee lakkaawe maraan hojii hojjatamuu dha. Eeyyee! akkuma afaan waliin qabnu walumaan afaan keenya afaan saayinsiifi teknooloojii godhuufiis dirqama marti keenya waliin hirmaachuu qabna.
Afaan gootonni lubbuu isaanii itti dhabanii lubbuun jiraachisan, afaan lafee danuun bu'uramee dhiigaan taraaramee afaan barruu, afaan baruuf barsiisuu godhan kana nuti immoo dhaloonni ammaa yeroo, beekumsa, qabeenyaafi humna isaanii itti wareeganii afaan saayinsiifi teknooloojii, afaan qorannoof qo'annoo taasisuun dirqama taha. Namni oromoo tahee barreessuufi dubbisuu danda'u marti jahaatanii guddicha Afaan Oromoo irratti hirmaachuu qaba. Kun ajaja oromummaati.
Gara marsariitii (website) hiikkaa afaan Oromoo seenuuf link kana tuqaa:
http://
Saphaloo Kadiir | Abdulbasit
Mudde, 2016
Friday, December 23, 2016
RAKKOO HOOGGANTOOTAA MAALTU FIDA?
FURMAANNI UMMATARRAA EEGGAMUHOO MAALI??
(Kamaal Aloo irraa )
FURMAANNI UMMATARRAA EEGGAMUHOO MAALI??
Rakkinna gidduu hooggantootaatti kan fidu ilaalcha gabrummaan turte guyyaa keessa hooggansatti fidduudha.
Gabrummaan argamuudhaaf waa lamatu argamuu qaba.
Qaamonni lamaan gabrummaan irraa argamu kunniinis :-
1)Qaama gabroomsaa (qaama gabroomfataa)
2)Qaama gabroomfamaa (qaama gabroomee) ta'a.
Qaamni mirga uumaan namaa laates ta'ee mirga namoonni wolii galanii labsatanis sarbee ykn mulqee roorroo mirga namaa keessaan faaydaa jireenyasaa guuttachuurratti bobba'e qaama "Gabroomfataa "yommuu jedhamu,
Qaamni mirga uumaan isaaf laates ta'ee kan namootaan woliif galee tumate akkasumas fedhii mataasaarraa lugaamamee jiruu keessi isaa hin feenetti humnaan maxaqee jiraatu ammoo qaama "Gabroome"ta'a.
Gabroomfataan namoota hedduu wolitti dhufee garee tokko ta'uudhaan garee isa biroodhaa gabroomfatuurratti wolii galee gabroomfatu akkuma ta'etti,
Nama dhuunfaadhaa akka nama tokkootti nama biroo gabroomfatus ta'uu danda'a.
Qaamni gabroomes faallaa isa kanaati jechuudha.
~~Mee miidhaa (dhiibbaa) gabrummaan
akka hedduu turtuun namoota gabrummaa falmatan irratti fidduufi keessumattuu hoogganoota qaamota gabrummaa falmatanii irraan gahuu dandeessu haa ilaallu.
-----------------------------------
Dhalli namaa kamuu gabroomee ykn isa jala aanfamu ta'ee jiraachuu akka hin jaalanne beekkamaadha.
Hawaasni gabroome tokko gaafa sababa gabroomuu isaatiin akka miidhame arge irraa kaasee dhoksees ta'ee ifa baasee gabrummaa san falmachuu ni eegala.
Ummata gabrummaa jibbe keessaallee kan murannoodhaan lafaa ka'ee gabroomfataa dura dhaabbachuudhaan gabrummaa falmatu hundaa miti.
Namootuma muraasatu dura ka'ee gabrummaa falmachuu eegala.
Namoonni muraasni kunniinis tarsiimoodhaan gabroomfataa cabsanii irra aanuudhaaf nama isaaniin deemu (Hoogganaa) uf keessaa filatu.
Hoogganni isaan uf keessaa filatan kunis jalqabarratti hawwii bilisummaa innumtuu ummatasaa wojjiin ittiin lafaa ka'e wojjiin amanamaafi murataa ta'ee jaalala miseensaafi ummataas bifa horatuun hojjachuu ykn qabsaayuu mala. Akkuma gabrummaan irra turaa deemtuufi qabsoon dheerattee isa hifachiisaa deemtuun garuu yeroo hedduu amalli hooggansaa jijjiiramaa yeroo deemutu muldhata.
Hogganni gabrummaan irra turtee bu'aa bayiin qabsoodhaa hifachiiste hedduunis hooggansa qaama gabroomee ykn qaama jala aanfamee ta'uu jibbee hooggansa qaama gabroomfataadhaa ykn qaama irra aanfamee ta'uu hawwuu eegala.
Mataa ufiis ta'ee ummatasaa bilisoomsee gabrummaa dhabamsiisuu kaayyeffatee lafaa ka'e dagachuu eegala.
Gabroomfataa ufirraa kuffisee mataa ufii fi ummatasaa bilisoomsee qaama biroo ykn qaama isa gabroomsuu ture irra aanee gabroomfachuudhaaf hawwuu eegala.
Hoogganni kun akka hawwii isaatti gabroomfataa ufirraa buusee irra aanee gabroomfachuun daddaffii inni barbaadutti isaaf mijjaawuu akkuma dadhabuun yaada haaraa isaa kana namootuma isa jala jiran irratti muldhisuu jalqaba.
Dura qondaalotuma isa jala jiran irratti amala gabroomfataadhaa muldhisuu jalqaba.
Miseensotattis bifuma kana garsiisuu eegala.
Yeroo kana jidduu Hoogganaa, qondaalotaa fi miseensotaatti wontoonni qabsoo gufachiisanii fuula duratti deemuu sakaalan hedduun dhalachuun dhufti.
Jaalalatu jidduu isaaniitii dhabama.
Wol amantiitu bada.
Iftoomina dhabamuu eegala.
Wolirratti ololuufi wol mormiitu heddumminaan muldhachuu jalqaba.
Dabarsanii diinaaf wol laachuufi sadarkaa lubbuu wolii harka diinaatiin balleessuufi kaayyoo ganamaa gufachiisuurra gahu.
Yeroo kana Qondaalonni hoogganticha jala turan fottoqanii bahuutu dhufa.
Qaamni fottoqee hoogganticharraa bahes Dhaaba biroo uummatee miseensotaaf ummata qoqqooddachuudhaaf jecha diina irraanfatee ijaarsa hooggana irraa fottoqee wojjiin olola wolirratti oofuu akkuma eegalaa deemuun ajiitii keessa gamaaf gamanaallee fofottoquufi humana guddaa iddoo tokko ture bittanneessuudhaan gabroomfataa irratti jalaqaba lafaa ka'aniif umrii dheertuu kennuun dirqama taati jechuudha.
Ummanni (Hawaasni )baldhaan gabrummaa keessa jiru ammoo gad aantummaa gabrummaadhaa keessaa bahuudhaaf qaamota (hooggantoota) dhaabaa isaaniif falmachaa turan summiin akkanaa akka seente erga hubataniin booda ijjannoon isaan baasu tokko qofatu jira.
Qaamota (Hooggantoota) sababa garagaraatiin adda fofottoqanii faffaca'an kana wojjiin ummanni (hawaasni )faffaca'uun bu'aa tokkollee ummatichaaf akka hin qabne beekuu qabu.
Ijaarsa faffacaatuu Hooggana summiin seentee wojjiin faffaca'uurraa uf qusatee hawaasni humna oowwaa summii tanaan hin faalamin uf keessaa baafachuudhaan jala hiriiree falmachuu qofatu hawaasicha gabrummaa jibbe jalaa baasee bilisoomsuu danda'a.
SEENAA GABAABAA OBBO BAQQALAA MOKONNON
SEENAA GABAABAA OBBO BAQQALAA MOKONNON
(Bilile Ali irraa )
SEENAA GABAABAA OBBO
BAQQALAA MOKONNON
Obbo Baqqalaa Mokonnon abbaa
isaanii Qanyi
Azimaachi Mokonnon Wasanuu fi haadha isaanii
Adde Abbebbechi Ejersaa irraa akka lakkoofsa
Itiyophiyaatti Sadaasa 28,1922 naannoo
Oromiyaa, konyaa Salaalee, ona Wacaalee, ganda
Boolee jedhamee beekamutti dhalatan. Obbo
Baqqalaa Mokonnon haadhaa fi abbaa isaaniif
mucaa jalqabaa; obboleessaa fi obboleettii
isaaniifimmoo hangafa turan.
Obbo Baqqalaan abbaa isaanii fi haadha
isaaniitiin, keessattuu adaadaa isaaniitiin
kunuunfamanii guddatan. Afaan Amaaraas
baratan. Akkuma ijoollee naannoo isaanii farda
gugsii, bishaan daakuu, xiyyaafannoo qawwee,
kollee/qillee xapahchuu jaallatu ture. Barnoota
afaan Amaaraa erga fixanii booda mana
barumsaa Tafarii Mokonnon seenanii barnoota
sadakaa lammaaffaa xumuratan. Sana booda,
yeroo sanatti haarawaa banamee kan ture
koollajjii hujii daldalaa ( Commercial College)
seenanii waggaa afuriif barnoota isaanii
hordofan. Barnoota isaanii xumuranii hojjetaa
herregaa ta’anii Baankii Daldaala Itiyoophiyaaf
( Commercial Bank of Ethiopia) waggaa 13
hojjetan.
Obbo Baqqalaan amala gaarii, miidhagaa,
uffatnaa bareedaa fi walumaa galatti
ofeeggannoo fi of-babbareechuu dhan
dargaggoota yeroo isaanii turan keessaa
dinqisiifamaa turan. Haa ta’u malee, haala
jireenya isaanii fi jireenya saba isaanii,
keessattuu rakkinaa fi badaddina ummata
Oromoo, yeroo walbira madaalanii ilaalan jireenyi
isaanii nama qullaa karabaataa hidhatee adeemu
isaanitti fakkatte. Jireenyi isaaniis hiikaa dhabe.
Kanaafis umurii dargaggummaa irraa jalqabee
hanga lubbuun isaanii dabartutti waan dandahan
gochaa turan. Gochaa kana keessatti- jalqaba
jireenya firaa fi saba isaanii foyyeessuuf akka
nama tokkootti waan tokko tokko gochuu
eegalan.
Waan dalagan keessaa hanga xiqqoo maqaa
dhahuuf: baankii hojjetan keessaa horii baasanii
namoota rakkatoo Waajuu keessaa fi naannoo
jiraataniif hiranii akka hoolaa, handaaqqoo,
dhadhaa fi kkf nagadanii bu’aa argatan; horii
liqeeffatanimmoo akka baankiitti deebisan
gochaa turan. Abbaan isaanii, Qanyi Azmaachi
Mokonnoo, mana barnootaa Waajjuu fi Dabre
Tsigee keessatti bananii turan. Obbo Baqqalaan,
namootni naannoo sanaa ijoolleen isaanii akka
mana barnootaa kanatti geessanii barsiisan
gochaa turan; bakka nagadaa (gabaa) abbaan
isaanii Dubar keessatti dhaabaanii turan
namootni akka dhimma itti bahanii jireenya
isaanii fooyyessan carraaqqii guddaa godhaniiru.
Kun hundi jireenyaa fi mirga ummata isaanii,
akka isaan barbaadanitti jijjiiruu akka hin
dandeenye, waan hubataniif haala foyyaheen
ummata isaanii gargaaruuf yaaduu jalqaban.
Utuu kana yaadaa jiranii warra waldaaa Maccaa
fi Tuulamaa bu’uuressaan, Obbo Hailemariam
Gammadaafaa, waliin wal quunnaman. Marii
isaani wajiin godhetan. Kuni obbo Baqqalaa
hedduu gammachiise. ‘ ‘Dhuguma Waldaa kana
keessatti qooda fudhadhee fedhii fi kaayyoo
kiyyaa bakkaan gahuun nan dandhaha’’
jedhanii waldaa kana dhaabuu keessatti qooda
guddaa taphatan.
Akka lakkoofsa Itiyophiyaatti bara 1955 waldaan
Maccaa fi Tuulamaa ifatti erga dhaabbatee
jalqabee geggeessitoota kaan waliin onnee fi
murannoo dhan guutuu Oromiyaa keessa
naannawanii ummata dammaqisuu fi ijaaruu dhan
bakka hedduutti damee Waldaa Maccaa fi
Tuulamaa dhaaban. Akka lakkoofsa Itiyophiyaatti
bara 1959 waldaan Waccaa fi Tuulamaa
guddatee guutuu Oromiyaa keessa sochoosuun
waan sodaachiseef mootummaan yeroo sanaa
obbo Baqqalaa dabalatee hoggantoota waldaa
Maccaa fi Tuulamaa irratti hidhaa waggaa 10
hanga adabaa du’aa isaanitti murteessee gara
mana hidhaa ‘Alem Beqqanyi’ jedhamutti
darbataman. Obbo Baqqalaan hidhaa isaanii
xumuranii erga bahanii booda intala- intala
bulchaa (Baalabbaata) wallaggaa, Kumsaa
Morodaa, kan ta’an adde Atsede Habtemariame
fudhanii ilma isaanii Kumsaa Baqqalaa dhalchan.
Obbo Baqqalaan bara 1991 yeroo mootummaa
cehumsaa dhaabbatee ture Adda Bilisummaa
Oromoo simatanii qubsiisuurraa eegalanii koree
manguddootaa qindeessuu dhan naannoo adda
addaa deemanii ummata barsiisaa fi ijaaraa
turan. Obbo Baqqalaan akka lakkoobsa
Awurophaatti bara 1992, biyya isaanii keessa
jiraachuu irratti rakkina waan taheef biyya Ingilizi seenanii, magaalaa London keessa waggaa 24 jiraatan. Biyya Ingilizi yeroo jiraatan firoota fi ilmaani firoota isaanii walitti sasaabuu dhan
maatii guddaa uumanii; firaa baayyee horatanii jireenya hedduu nama gammachiisu dabarsan.
Obbo Baqqalaan erga biyya Ingilizi seenanii hujiin isaaniii inni guddaan QBO jabeessuu, ummata Oromoo tokkoomsuu, gorsuu fi barsiisuu ture.
Obbo Baqqalaan dargaggoota hedduu qabsoo
bilisummaa Oromootti fiduu, qaruu fi jajjabeessuu
keessatti gahee guddaa taphachaa turan.
Kallattii dhan koree ABO biyya UK keessatti
qooda fudhatanii Abbaa Dinagdee tahuu dhan
qabeenyaa dhaabaa amanamuummaa fi
qusannoo dhan qabanii hujii dhaabaarra oolchaa kan turan amanamaoo turan. Kanatti dabalee sagalee Oromoo ukkamfamee ture mootummaa Ingilizii fi biyyoota kaanitti dhageessisuuf hiriira ummataa qindeessuu fi keessatti qooda fudhatuu dhan utuu hin hifatiin waggaa 24 falmaa turan.
Obbo Baqqalaan qorra, cabbii, bokkaa fi aduu
utuu hin sodaatiin hiriira bahuu, hawaasa Oromoo
ijaaruu, gorsuu, ebbisaa kan turan hangafa
Oromoo ti. Akkasumas waajjira mootummaa
biyya Ingiliziitti deddebi’anii rakkina Oromoo
ibsaa turan. Itti dabalees walgahiilee Oromoo
biyya Norway, Germany, Belgium fi USA irratti argamanii barnootaa fi gorsa bal’aa ummata Oromoof kennaa kan turan abbaa fi barsiisaa guddaa turan.
Obbo Baqqalaa kan isaan dheekkamsiisuu fi nama waliin walitti isaan buusu waan tokko qofaature. Innis firaa fi sabni isaanii yeroo miidhaman arguu ture. Kanaaf umurii isaanii guutuu mirga lammii fi saba isaanii falmaa turan. Hujii Obbo Baqqalaa kan adda taasisu keessaa inni guddaan cichoomina kaayyoo kan hin dhumne qabu ture.
Amanamummaa fi qulqulluummaan sabaa fi lammii isaaniif qaban daangaa hin qabu ture.
Akkasumas, yeroo hundaa hamilee guutuu qabaachaa turan Hanga daaqiiqaa lubbuun isaanii baatuutti dararama Oromoof quuqamaa, ilmaan Oromoo yeroo ammaa ajjeefaamaa jiraniif yaaddawaa turan.
Obbo Baqqalaan bara jireenyaa isaanii rakkina,hidhaa fi baqattummaa obsaan keessa darban;kaayyoo dhabbataniif daqiiqaa tokkofillee utuu hin irraanfatiin, sodaan Waaqayyoo utuu isaan irraa adda hin bahiin kan jiraatan qabsaawaa Oromoo jabaa fi goota turan. Mirgaa fi kabaja
sabaaf jecha lubbuu isaaniillee yoo kennan hin jibban ture. Firaa fi saba isaaniif gaachana guddaa kan turanii dha. Yeroo gaddaa fi gammachuu maatii isaaniif; guddaa fi xiqqaaf;
kuni fira dhihoo, kuni fagoo utuu hin jedhiin nama hundaaf walxiqa dhaqqabaa turan. Yeroo rakkinaa yoo dandahan kan qaban irraa hiranii, yoo dadhabanimmoo fira irraa fuudhanii nama
gargaara turan.
Obbo Baqqalaa Mokonnon baatii lamaaf mana yaalaa (hakiimaa) St. Thomas jedhamee London keessatti beekamutti tajaajila irra turanii dhalatanii waggaa 86 itti Dilbata, Amajjii 15, 2008 (akka lakkoopsa Itiyoophiyaatti) adunyaa kanarraa du’aan boqotan. Guyyaa dhukkubsatan irraa jalqabee hanga lubbuun isaanii dabartutti
ilma isaanii, obbollaa isaanii fi firoottan isaaniitiin akkasumas ummata Oromootiin marfamanii guyyaa tokkollee utuu dhukkubni isaanitti hin dhagayamiin utuu taphatanii fi kolfanii nagaa dhan adunyaa kanarraa godaanan.
Obbo Baqqalaa of biraa dhabuu keenyaaf gaddi guddaa akka nutti dhagayame ibsachaa ilmi isaanii fi maatii isaanii bal’aaf jajjabina akka argatan hawwina. Akkasumas, ummatni Oromoo beekaa fi goota akka Obbo Baqqaalaa of gidduu tii dhabuu irraa gaddi guddaan akka itti dhagayamu hubatamnaa dha. Garuu mul’ataa fi kaayyoon Obbo Baqqalaan ilmaan Oromoo gidduutti dagaagee mirga Oromoo gonfachiisuu yeroo itti belbelaa jiru kana waan isaan umurii ijoolluummaa irraa jalqabanii itti dadhabaa turan bakkaan akka geenyu abdii qabna.
Obbo Baqqalaan seenaa Oromoo keessatti bakka guddaa qabatanii bara baraaf jiraatu.
Qabsawaan ni kufa
qabsoon itti fufee bakka gaha!
Injifannoo ummata Oromoof!
TA'E "GALAASAA DILBOO"
TA'E "GALAASAA DILBOO"
(Kamaal Aloo )
TA'E "GALAASAA DILBOO"
-------------------------- ------------------
Seenaan gootaa hin badu
ufumaan uf dubbataa,
marfee gootee awwaaltu
gaara ta'ee muldhataa.!
-------------------------- -------------
Hooggana firaaf malee
diinaaf tasa hin hadoonne ,
Isa kaan maxxanfatee
isa kaaniin ka hin oodne ,
Amantii ,kutaaf gandaan
oromoo kan hin qoodne ,
Hardhas taanaan Galaasaa
kunoo wojji qophoofne.!
-------------------------- --------------
Worri gaafa bosonaa
ijaan arge galaasaa
Goota hin qabne jedhu
sodaa gama rasaasaa,
Waan hedduu siif odeessu
imimmaan dhangalaasaa.!
-------------------------- ----------------
Micciiraa dubbii hin hiiknu
akka dunquqquuf hibboo
Oromoos waan tokkoomsuuf
TA'E "GALAASAA DILBOO"
(Kamaal Aloo )
TA'E "GALAASAA DILBOO"
--------------------------
Seenaan gootaa hin badu
ufumaan uf dubbataa,
marfee gootee awwaaltu
gaara ta'ee muldhataa.!
--------------------------
Hooggana firaaf malee
diinaaf tasa hin hadoonne ,
Isa kaan maxxanfatee
isa kaaniin ka hin oodne ,
Amantii ,kutaaf gandaan
oromoo kan hin qoodne ,
Hardhas taanaan Galaasaa
kunoo wojji qophoofne.!
--------------------------
Worri gaafa bosonaa
ijaan arge galaasaa
Goota hin qabne jedhu
sodaa gama rasaasaa,
Waan hedduu siif odeessu
imimmaan dhangalaasaa.!
--------------------------
Micciiraa dubbii hin hiiknu
akka dunquqquuf hibboo
Oromoos waan tokkoomsuuf
TA'E "GALAASAA DILBOO"
Thursday, December 22, 2016
Gaazaxeessituu Yashawuul_Mangistuu beektuu?
Gaazaxeessituu Yashawuul_Mangistuu beektuu?
(Oromo Graphya )
Gaazaxeessituu Yashawuul_Mangistuu beektuu?
Bara Abuubaker Muussaa faan Raadiyoo Harar keessa hojjachaa turan san Abuubaker'faa wajjiin gaazexeessituu Raadiyoo Harar qophii afaan Oromoo hojjachaa turte Yashawul Mangistuu akka taate hedduun keenya niyaadanna.
Gaazexeessituun Yashawul Mangistuu akkuma Abuubaker Muussaa Wadaayitti Dhabaa 'EHPAN' Bara 1970 keessa ajjeefamte. Sababni isaa Nafxanyoota Keessatti Misseensa hin Ta'uu Waan jetteefi .
YashawulMangistuu gaazexeessitu qofa osoo hin taane akkuma Abuubakar walaleessituufi barreessituu walaloo sirboota Oromoo turte.
Yashawul walaloo sirboota danuu kan barreessite yoo tahu san keessaa kan akka wallee :-
"Akkam naguma
Hiriyaan qabuu kophuma
Dhuftee na laaltu gaaruma" jedhu kan wellisaa Tilahuun Gassasaan weellifame barreessite. Kana malees wallee:
"Way hobii hobii hobi hadasoon libaanata fi biyyoo Adaree biyyoo magaalaa" jedhu kan Dr. Ali Birraan weellifame fi kan biraa walleelee hedduu barreessite. Walliftoota sirba isiin barreessite itti sirban heedduu keessaa kan akka Abdi Buuh, Himee Yusuuf faa tuquun ni danda'ama. Kana malees kanneen biraa danuuf walaloo sirboota barreessa akka turte seenaatu dubbata.
Yashawul Mangistuu fi hayyoota keenya diinni dhidhimse mara seenaan haa yaadatu.
Bara Abuubaker Muussaa faan Raadiyoo Harar keessa hojjachaa turan san Abuubaker'faa wajjiin gaazexeessituu Raadiyoo Harar qophii afaan Oromoo hojjachaa turte Yashawul Mangistuu akka taate hedduun keenya niyaadanna.
Gaazexeessituun Yashawul Mangistuu akkuma Abuubaker Muussaa Wadaayitti Dhabaa 'EHPAN' Bara 1970 keessa ajjeefamte. Sababni isaa Nafxanyoota Keessatti Misseensa hin Ta'uu Waan jetteefi .
YashawulMangistuu gaazexeessitu qofa osoo hin taane akkuma Abuubakar walaleessituufi barreessituu walaloo sirboota Oromoo turte.
Yashawul walaloo sirboota danuu kan barreessite yoo tahu san keessaa kan akka wallee :-
"Akkam naguma
Hiriyaan qabuu kophuma
Dhuftee na laaltu gaaruma" jedhu kan wellisaa Tilahuun Gassasaan weellifame barreessite. Kana malees wallee:
"Way hobii hobii hobi hadasoon libaanata fi biyyoo Adaree biyyoo magaalaa" jedhu kan Dr. Ali Birraan weellifame fi kan biraa walleelee hedduu barreessite. Walliftoota sirba isiin barreessite itti sirban heedduu keessaa kan akka Abdi Buuh, Himee Yusuuf faa tuquun ni danda'ama. Kana malees kanneen biraa danuuf walaloo sirboota barreessa akka turte seenaatu dubbata.
Yashawul Mangistuu fi hayyoota keenya diinni dhidhimse mara seenaan haa yaadatu.
Wednesday, December 21, 2016
Ibsa Ejjannoo Gumii Rogeeyyii Oromoo (Oromo Activists Summit) irraa Kenname
Ibsa Ejjannoo Gumii Rogeeyyii Oromoo (Oromo Activists Summit) irraa Kenname
(Nagessa Oddo Dube irra)
Ibsa Ejjannoo Gumii Rogeeyyii Oromoo (Oromo Activists Summit) irraa Kenname
Nu rogeeyyiin Oromoo Muddee 17 fi 18 bara 2016 gumii teenne irratti ciminnaa fi laaffinna Fincila Oromoo (Oromo Protests) fi gahee rogeyyummaa marsaalee interneetii (online activism) madaallee kallattii fuuldura isaalle akeeknee kaaneerra.
Gumiin kun miira jaalalaa fi obbolumamaatiin kan gaggeeffame yo ta’u, gumii kana irratti adeemsa rogeyyuummaa madaluu, qeequu, of-qeequu fi of-ilaaluun bakka ciminna qabnu jajjabeeffachuu fi bakka laaffinna qabnullee irratti-hojjachuu fi cimsachuudhaaf murteeffanneerra. Marii taasifne cunfinee ibsa qabxii kudha lama (12) qabu kan armaan gadii kana baafneerra:
1. Rogeeyyi Oromoo jiddutti wolitta dhufeenya cimaa ijaaruuf; gumii akkanaa tana yeroo yeroodhaan bifa iiti-fufiinsa qabuun gaggeessuuf; leenjii gara garaatiin of-cimsaa deemuuf wolii gallee murteessinee jirra.
2. Yakka daangaa hin qabne kan sirni abbaa-irree Woyyaaneetiin saba keennaa fi sabaafi sab-lammoota Itiyoophiyaa irratti gaggeffamaa jiru jabessinee balaaleffataa, yakka kana dhaabsisuuf gama hojii dippiloomaasii, hariiroo saboota Itoophiyaa biroof (solidarity) fi mootummoota biyyoota biraa woliin qabnu cimsuu irratti hojjachuudhaaf akeekkanne jirra.
3. Akkaataan fayyadama midiyaa hawasummaa bifa naamusa, safuu, seeraa fi sirna qabuun akka deemu, marii fi falmiin dhimmoota adda addaa irratti Oromoo kessattis ta’ee saboota biroo waliin godhamu ijaaraa, kan kabajaa ilma namaa eegee fi furmaata irratti xiyyeffate taasisuuf walii gallee jirra.
4. Dantaan saba Oromoo akka sirritti ibsamuu, hubatamuu fi tikfamuu qaamoota mirga Oromo kabachiisuuf qabsaa’aa jiran waliin, wal-hubannoon fi kabajuun hojjachuun barbaachisaa akka ta’e akkasuma qabsoo Oromoof fira guddisuu irratti akka hojjatamu murtii irra geenyee jirra.
5. Humni Oromoo adda faffaca’insaan sochii adda addaa godhaa jiru kun haala qabsoo kanaaf bu’aa buusuu danda’uufi gaaga’ama hin barbaachifne hiri’isuun walitti qindeessinee walitti dhufnee waliin hojjachuudhaa fi gurmaayina bilchaataa fi tarkaanfataa murannoo fi saffisa barbaadamuun qabsoo fuulduratti deemsisu ijaaruudhaaf nuti rogeeyyiin Oromoo murteeffannee kaanee jirra.
6. Marii bal’aa godhamee irraa sochii qabsoo Oromoo deemaa jiru kana bakka barbaadamuun gahuuf, ijaarsaa fi tokkummaa sirritti cimee akka itti fufuu fi qamooti ijaramanii jiranis sochii isaan godhaa jiran akka jabaatan tin’isuun barbaachisa akka ta’ee hubannoo irra geenye jirra.
7. Sirna cunqursaa fi hojii isaa beekuun, wal’ansoo qabsoo deema jiru galmaan gahuuf murtessa dha. Haaluma, kanaan adeemsa, shira, odeeffannoo fi karoora sirnicha haala dursinee saaxiluu akka nu dandeessisu qorannoo fi qorqortii gadi fagoo godhuudhaan hojii sirna abbaa irree gufachiisu irratti hojjechuuf nuti rogeeyyiin Oromoo murteeffannee jirra.
8. Tarsiimoo yeroo dheeraa fi gabaabaa qabaachuu fi tooftaalee tarkaanfattuu sirna abbaa-irree mancaasan fi haala adeemsa qabsoo murteessan baafachuudhaan hojiirra oolchuuf wolii galleerra.
9. Warraqsa sabaatiif gurmaayinni, dadammaqinni, fi sochiin warraaqsaa wal-simatee deemuu akka qabu cimsinee hubanna. Bakka kanatti, dadhabinni cimaan akka jiru nuti rogeeyyiin Oromoo gumii Muddee 17-18/2016 taasifne irratti sirnaan xiinxallee jirra. Kanaafis tooftaan/tarsiimoon warraaqsaa yeroo fi haala adda addaatti rogeeyyii Oromootiin qophaayaa akka ummataaf labsamu irratti murannoodhaan hojjachuuf rogeeyyiin Oromoo murteeffannee kaanee jirra.
10. Oromoon Saba tokko. Afaan tokko, aadaa tokko, seenaa tokko, rakkina waloo fi lafa woloo tokko qaba. Diina waloo qaba. Kaayyoo fi dantaa tokko qaba. Nuti rogeeyyiin Oromoo walitti gara gallee gosaan, qubsummaan, amantiin fi ilaalcha siyaasaatiin walirratti duuluu hojii diinaatiin adda baasnee hin ilaallu. Diinas ta’e fira warra saba tokkocha addaan diigee wal-shakkii fi jibbansa jiddutti uumuuf yaalii godhan hunda cimsinee balaaleffanna. Karaa danda’ameenis namoota Oromoo dogoggoranis haa ta’u beekkaan gocha diinaa tumsu hojjatan gorsa firoomaa kennuudhaaf asumaan waadaa galla.
11. Nuti akka rogeeyyii Oromootti jaarmiyaaleen Oromoo akka tokkooman, jabaatan, ititan fi injifatan barbaanna. Jaarmiyaalee siyaasaa qofa osoo hin taane jaarmiyaaleen hawaasummaa fi mirga namoomaa marti gama dande’ame maraan akka ijaaraman jajjabeessuu fi bira dhaabbachuuf woliif galleerra.
12. Dhumarratti, sochii rogeeyyii Oromoo kana bifa waalta’e, tooftaa fi tarsiimoo qabu akkasumas marii fi qindoomina qabuun gaggeessuuf, gumiin rogeyyoota Oromoo kan rogeyyoota digdamii tokko(21) of kessaa qabuu fi koree afur(4) of jalatti qabatu ijaaruuf waliigaltee irra gayamee qaamni bakka bu’ummaan ijaaru bakka-buufamee kora buufannee jirra.
Injifannoon cunqurfamtoota hundaaf!
Gumii Rogeeyyii Oromoo
Muddee 18, 2016
Minneapolis, Minnesota
Muddee 18, 2016
Minneapolis, Minnesota
Subscribe to:
Posts (Atom)