Hayyoonni seenaa dhalootaan Oromoo tahan (those who teach History in Western universities and able to make influence) seenaa qaroominaa Oromoo fi hortee Kush durdurii (Oromo and Kushite civilizations antiquity) irratti qorannoo xiyyeeffate jabaa tokkollee yoo hojjetanii maxxansan an hin agarre
( Boruu Burraaqaa)
Hayyoota seenaa keenya irratti qeeqa kanin dhiheessuu jalqabe bara 2010 irraa qabee natti fakkaata. Dhimma kana irratti xalayaa banaa tokko OSAf akkan barreessee ture nan yaadadha. Komiin koo ifaa ture. Hayyoonni seenaa dhalootaan Oromoo tahan (those who teach History in Western universities and able to make influence) seenaa qaroominaa Oromoo fi hortee Kush durdurii (Oromo and Kushite civilizations antiquity) irratti qorannoo xiyyeeffate jabaa tokkollee yoo hojjetanii maxxansan an hin agarre. Akka seensaa (intorduction) qofatti kaasanii dhimma seenaa boodanaa irratti xiyyeeffachuun gahaa hin tahu. Yeroo baay'ee Professor Asmaroom Laggasee dinqiiifanna, galateeffannas. Kun dhugaa dha, tahuus qaba. Anis piroofesora kanaaf galata guddaan qaba. Nama Oromo yeroo duraaf TV sagantaa Afaan Oromoo irratti isa dubbise tahuu koofis gammachuu guddaan qaba.
Kan biraa Professor. Shamsaddin Megalomatis. Bara 2015-2016 keessa Prof. Shamsaddiin Megalomatis waliin email walii barreessaa turre. Profeserri kun qorannoo isaatiin yeroo baay'ee akka seenaan Oromoo fi Kuushotaa Habashootaan saamame/hatame barruuwwan qorannoo isaa babal'aa keessatti kaasaa ture. Marii keenya keessattis kanuma natti kaase. Oromoo keessaa namni qorannoo seenaa durdurii kana irratti specialized tahe hojjetu mul'achuu qaba yaada jedhu natti kaase. Namni kun dhalootaan Turkii yoo tahu yeroo dheeraaf yuniversiitii biyya an jiru kanaa keessa seenaa qaroomina ummata Kuush barsiisaa ture. Yeroo dheeraaf Aswaanii fi Meroe (Sudan)tti deddeebi'ees qonna archeology geggeessuun agannoo mataa isaa dhiheesseera. Dhimma qorannoo Kuushotaa kana irratti wayta xiyyeeffatutti warra biyyanaatiin dhiibbaan irra gahee akka biyyanaa bahe naa ibse. Hawwiin Cairo keessatti qaamaan wal arginee dubbachuus sababa kanaaf jecha hin milkoofne.
Oromoo keessaa anthropologistoota akka jara kanaa tokko illee hanga ammaatti horachuu dhabuun gaaffii namatti taha. Qorattoonni seenaa keenya waa'ee seenaa Jabana Giddu Galeessaa (the Middle Age) booda jiru, keessattuu seenaa weerara Habashootaa irratti xiyyeeffatu. Kun ammoo gahaa miti. Yeroo Habashoonni 'nuti seenaa waggaa 3000 qabna' jedhanii seenaadhuma keenya hatanii kan ofii godhatanii as deebisanii ittiin lola qorqalbii nurratti banan, nuti yoo baay'aate Gada Civilization qofa qabannee ittiin ofirraa qolachuu yaalla. Qaroominni keenya dur durii Gadaa qofa miti. Qaroomina ummata Kuush durii (Nubian Civilization) keessatti qoodni Oromoon qabu Suudaanii ka'ee hanga Kibba Masrii (Aswan) akka gahu firas diinas hubachiisuu irratti qorannoon jabaan hayyoota seenaa keenyaan hojjetamuu qaba.
Hanga ammaatti, akka hubannoo kootti, namni dhiiga Oromoo of keessaa qabu seenaa qaroomina Kush durdurii irratti xiyyeeffatee irra deddeebi'ee barreesse Laureate Tsagaayee Gabramadin qofa natti fakkaata. Barruuwwan looreeta kanaa yoo qoranne nama qaroomina Kuush lallabuudhaan hawatame tahuu isaa agarra. Garuu inni hayyuu hogbarruu fi teyaateraa malee hayyuu seenaa waan hin turiniif, laalchi isaa kun ganda Habashootaa keessatti dhukkee kaasuu hin dandeenye. Qaroomina Kuushii fi Abyssinia walitti araarsee golgaa maqaa 'Ethiopia' jettu jalatti waan dhiheessuuf ilkaan jaraa jala seenuu irraa hafe. Hayyoonni seenaa keenya, keessattuu warri umrii dargaggummaa keessa jirtan mee hojii guddaa kanaaf of kaadhimaa.