Tuesday, February 28, 2017

Waldaa Wal-gargaarsa Maccaa fi Tuulamaa waldaa mirga ummata Oromoof qabsaawuf dhaabbate dha

Waldaa Wal-gargaarsa Maccaa fi Tuulamaa waldaa mirga ummata Oromoof qabsaawuf dhaabbate dha




                                                                                                            (Jaalata Lammii irraa )
 Dhaabbanni kun leellistoota Oromummaa kan akka Maammoo Mazammir, Hayila maariyaam Gammada fi Taaddasaa Birruu faatin dhaabbate. Waldaan kun maqaa kan kan argate gosoota Oromoo gurguddoo lama kan Maccaa fi Tuulama jedhamanirraayi. Waldaan Macaa fi Tuulamaa kan dhaabbate bara 1960n keessa yoo ta'u kaayyoon isaas eenyummaa Oromoo gabbisuu fi mirga Oromoof qabsaawuuf ture.

Seenaa

Waldaa Wal-gargaarsa Maccaa fi Tuulamaa magaalaa Finfinnee keessatti Gullalleetti Amajjii 24, 1963 hundeeffame. Hundeeffamee waggaa tokko booda Caamsaa 1964tii akka waldaa gargaarsaatti akka socho'u mootummaa fiwudaalarraa eeyyama argate. Koloneel Alamuu Qixxeessaa pirezidaantii waldichaa fi hogganaa boordii, Baqqala Nadhii itti-aanaa pirezidaantii, koloneel Qadiidaa Gurmeessaa itti-aanaa pirezidaantii lammaffaa fi Hayilamaaraam Gammada barreessaa waliigalaaaldaa waldichaa ta'anii filataman.

Koree seera ittiin-bulmaata waldichaa baasu kan hooggane abbaa seeraa kan ture Hayilamaaraam Gammada yoo ta'u maqaa waldaa kanaas Maccaa fi Tuulma akka jedhamu isatu moggaase. Kana malees, odaan asxaa waldichaa akka ta'us Hayilamaaraam Gammadatu murteesse. Waldaan kun koree adda addaa torba yoo qabaatu namoota himaammata baasan kudha-sadi'i qaba ture.

Jalqaba Waldaan Maccaa fi Tuulamaa jalqaba kaayyon inni dhaabbateef:

Mana barnootaa ijaarudhaan Oromiyaa keessatti barnoota baballissuu
Buufata fayyaa ijaarudhaan rakkoo fayyaa Oromiyaa keessa ture furuu
Daandii geejjibaa baasudhaan ummata Oromoo walqunnamsiisuu
Namoota qaama miidhamtootaa fi hojii hin qabne gargaaruu
Boodarra garuu hacuuccaa ummata Oromoorra ga'urraan kan ka'e waldaan kun gara sochii siyaasaatti jijjiirrame.

Walga'iin ummata wajjinii kan jalqabaa konyaa Jibaati fi Maccaa magaalaa Giincitti geggeeffame. Itti aansunis aanaa Jalduu keessatti walga'iin walfakkaataan geggeeffame. Achirratt koloneel Alamuu Qixxeessaa lafa hektaara 10,000 hojii misoomatiif akka itti fayyadamu waldichaaf kenne. Sochiin misoomaa waldichi godhe waan isa gammachiisef, koloneel Alamuun, ogeessota waraanaa bebbeekkamoo Oromoo ta'an miisensa waldichaa akka ta'an affeeruf murteesse. Namoota akkaataa kanaan affeeraman keessaa tokko jeneraal Taaddasaa Birruu ture. Leellisaa Itoophiyummaa fi Hayilasillaaseef amanaa kan ta'e Taaddasaan waldaa gosaan hundaa'e keessatti hinhirmaadhu jedhe dide. Hogganaa Dubbisuu fi Barreessuu Biyyaaleessaa waan tureef, hojii waldichi barnootarratti hojjaturratti garuu gargaaruf waadaa seene. Barnoota baballisuuf cichee hojjachaa kan ture Taaddasaan, gaaf tokko Muummichi Ministeeraa Itoophiyaa Akliluu Habtawaldi wajjin wayita haasa'an, Akliluun akkas jedheen "baradhaa baradhaa jedchuu guddifteetta. Kuni gariidha, garuu eenyu akka baratuu gargar baaftee beeku qabda. Nuti Oromoo jaarraa tokko duubatti akka hafu goone bulchina. Ummanni Oromoo galaana waan ta'eef yoo barate nu liqimsa" jedheen. Akliluun Taaddasaan Oromoo akka ta'e hinbeeku ture. Daba sirna fiwudaalaa ummata Oromorratti hojjatu kan baree fi kananis hedduu kan aare Taaddasaan dhaqee Waldaa Maccaa fi Tuulamaatti makame. Waldichis beekkamtummaa jeneraal Taaddasaan qabu keessattuu hariiroo cimaa inni Hayilasillaasee wajjin qabu fayyadamee hojii waldichaa gufuu tokko malee baballisuu barbaade. Yeroo gabaabaa kessatti Oromoonni ogummaa adda adda keessa hojjatan hedduun miseensa waldichaa ta'an.

Maccaa fi Tuulamni ummata misoomaf dadammaqsuu fi qarshii misoomaf oolu walitti qabuuf, walga'ii gurguddaa ummata wajjin geggeessuu jalqabe. Walga'ii kana kan ispoonserii godhu Oromoota qabeenya fi mirga fooyya'aa qaban kan akka Kabbadaa Buzunash faatin geggeeffama ture. Kabbadaa Buzunash lafa hektaara 50,000 waldaan kun misoomaaf akka itti fayyadamuuf kenne. Yaa'ii seenaa qabeessa keessa tokko Yaa'ii Itayyaa kan Caamsaa 1966 dureessa Arsii keessaa Hajii Roobalee Tureetin qophaa'e yoo ta'u kunis Oromoota bahaa fi dhihaa, kiristaanaa fi islaama walitti fiduun tokkumaa Oromoo mirkaneessuu keessatti iddoo olaanaa qaba. Hajii Roobalee Turee yaa'icharratti yoo dubbatu "burqaan walitti dabalamtee laga taati, ummannis walqabatee biyya ta'a" jedhe. Hajii Roobaleen namoota muraasa waldichaa kan Oromoon biyya mataasaa akka qabaatu yaadan keessa isa tokko. Yeroo sana Afaan Oromootin yaa'ii kamiyyuu geggeessun seeran dhorkaa ta'uyyuu yaa'iin Itayyaa kun kan geggeeffame Afaan Oromootin ture. Yaa'icharrattis Oromoonni kiristaanni foon islaamni qale nyaachun, Oromoonni islamnis foon kiristaanni qale nyaachun tokkummaasaanii agarsiisan. Kun kan isaan naasise bulchitoonni Amaaraa, waldaa warra waaqa hinbeekne jechuun maqaa balleessuu jalqaban. Walga'ii wal fakkaatan ittuma fufuun kan geggeeffame yoo ta'u, kan keessa tokko Bishooftuutti Lammaa Guyyaatin (kaapiteenii umna qilleensaa) kan qindeeffame tokko ture.

Damee Adda Addaa Banuu

Waajirri Finfinnee dhaabbatee erga hojii eegalee booda, damee Waldaa Maccaa fi Tuulamaa kutaa-biyyaa addaa keessatti akka banamu sochiin jalqabame. Akkaatadhuma kanaan damee Arsii banuuf, Usmaan Sheek, Galatee Xaddachoo fi Ahmad Bunaa filatamanii sochii jalqaban. Maanguddoon Oromoo Arsii Hajii Roobalee Turoo (Guutamaa Hawaas) waajira Finfinnee dhufanii walga'ii Fulbaana 1966 irratti hirmaatanii sochii naannoo Arsii jiru warra waajira muummetti beeksisan. Hoggantoonni waajira muummes Dheeratti dhufanii ummataan akka walbaran walii galan.

Warri bulchaa kutaa-biyyaa Arsii , waa'ee walga'ii kanaa erga dhaga'anii booda akka hin geggeeffamne waan hin barbaadneef Haaji Roobalee Turoo fi namoota walga'ii kana qindeessan hidhan. Haa ta'u malee, hoggantoonnii muummee kan Finfinnee jiran haaluma beellamaatin Dheeraa deemuf kutatan. Haaluma kanaanis koreen hoggantootaa Dheeraa seenan. Ummanni Arsii hedduunis ba'anii jila Finfinneedhaa dhufe kana haala hoo'adhaan simatan. Walga'ichis haaluma karoorfameen adeemsifamee kaayyoon waldaa kanaa ummataaf ibsame.

Bulchaa Arsii kan ture namni Saahiluu Difaayee jedhamu ummata walga'ii kanarraa ba'ee gara manaatti deebi'aa jiru kanaratti dhukaasa banuun namootarraan miidhaa geessisan. Lafa walga'iin irratti geggeeffamee fi naannoo san jiru hunda mootummaan waan dhaalee nama biraatif waan kenneefi ummanni irraa akka ka'u ajaja dabarsan. Ummanni lafarraa buqqa'e aanaatti, konyaatti, bulchiinsa kutaa biyyaatti iyyatanillee murtiin lafarraa ka'aa jedhu ittuma fufe. Dhumarratti Baqqalaa Nadhii gara mana murtii Hayila Silaasetti akka ol iyyatan gorsan. Hayila Silaasellee murtii gara gadiitti sinirratti murtaa'e cimseera jedhe. Ummanni lafti jalaa dhaalames ol ka'anii 'u u u u u, yaa waaqa sitti iyyanna' jedhanii iyyan. Hayila Silaasenis yaadasaa jijjiiree laftisaanii akka irraa hin fudhatamne murteesse.

Damee Wallaggaa dhaabuu keessatti Aadde Atsadee Habtamaariyaam, Qana'aa Gumaa, Tasammaa Nagarii, Bayyanaa Abdii, Abdiisaa Moosisaa, Ol'aanaa Baatii fi Taasisoo Eebbaa fi namoonni biroo qooda guddaa qabu ture.

Damee Harargee akka dhaabbatu Abdulaziiz Muhammadii fi Abdulrahmaan Laazimaa sochii guddaa godhan. Waajira Sidaamoo dhaabuu keessatti Tasfaayee Dagaagaan kan hoogganamu yoo ta'u namoonni Oromoo hin taane kan akka W/Amaanu'eel Dubbalaa faa akka itti hirmaatan himama. Waajirri Jimmaa ammoo Abbaa Biyyaa Abbaa Joobirii fi Dr Moggaa Firrisaatin hoogganame. Waajirri Iluu Abbaa Booraa Balaachoo Dhaabaa fi Dr Jamaal Abdulqaadiriin akka geeggeeffame himama. Waajirri Yererii fi Karraayyuu ammoo Adaamaatti hunda'ee Baqqalaa Waldee, Daadhii Fayyisaa fi Gammachuu Taffasaa faatin geggeeffame. Waajirri Baalee Sheek Huseen Muhammad (Huseen Suraa) fi Haaji Aadam Saaddootin hoogganame.

Hidhamuusaanii

Sochii waldaa kanaa kan sodaate mootummaan gabroomfata Hayilasillaasee, waldaan kun akka hinsochoone bara 1967 dhorke. Hoggantootaa fi miseensota waldaa kanaa kan Finfinnees ta'e kan kutaa-biyyaarra jiran qabee mana hidhaatti naqe, mana murtiittis himannaa irratti bane. Galmeen himannaa hoggantootarratti baname bakka sadi'itti qoodama. Gareen tokkoffaan: Jeneraal Taaddasaa Birruu, Ajajaa dhibbaa Maammoo Mazammir, Seefuu Tasammaa, Daadhii Fayyisaa, Lammeessaa Boruu, Qanyaazmaach Mokonnin Wasanuu, Hayilamaariyaam Gammadaa, Koloneel Alamuu Qixxeessaa, Birgaader Jeneraal Daawit Abdii fa of keessatti qabata.

Garee lammaffaan ragaa sobaa ta'anii garee tokkoffaa keessa namoota jiranirratti ragaa akka ba'an mootummaan yaalee ture. Garuu isaan kana fudhachuu didnaan isanirrattis himanni baname. Gareen kun Taaffasaa Gammachuu, Tasfaayee Dagaagaa, Baqqalaa Mokonnin, loltuu Hayilamaariyaam Dimaanaa, fiixumaa Hiikaa faa of keessatti qabata.

Garee sadaffaan jalqaba mana murtii Baaletiin himataman. Boodarra garuu gara mana hidhaa Finfinneetti ol dabarfamana. Gareen kun Fitawuraarii Ahimad Imaamaa, Haaji Aadama Saaddoo, Giraazmaach Umar Huseen, Qanyazmaach Abuubakar Dargaa, Aliyyii Ahimad, Qaasim Huseen, fi Hasan Jimaa faadha.

Manni murtii mootummaa fiwudaalaa ilaalcha diinummaatin, Jeneraal Taaddasaa Birruu fi Ajajaa Dhibbaa Maammoo Mazammir adabbii du'aa yoo itti murteessu, koloneel Alamuu Qixxeessaa, Baqqalaa Makonnin, Seefuu Tasammaa, fi Daadhii Fayyisaarratti hidhaa cimaa waggaa kudhanii murteesse. Qanyaazmaach Mokonnin Wasanuurratti hidhaa waggaa torbaa, Lammeessaa Boruu hidhaa cimaa waggaa shanii, fi Daawit Abdiirratti hidhaa waggaa sadi'ii murteesse. Kana malee, qabeenyi himatamtootaa kan Finfinnee fi kutaa-biyyaa jiru hundi akka mootummaan dhaalllamu murteesse.

Hayilamaariyaam Gammadaa reebichaa fi dararaa isarra ga'erraan kan ka'e mana murtii dhufuu kan hin dandeenye ta'ullee sireedhan baattame akka dhufu ajajame. Kan dhaga'uun Raas Immiruun waan gaddeef Hayilasillaasetti dubbate. Sana booda gara mana yaalaa akka deemu eeyyamameef. Mana yaalaa deemee yaallamaa odoo jiruu baayyee waan miidhameef torban tokko booda Adoolessa 1, 1970 lubbuunsaa dabarte.

Ergaa waldichi akka hinsochoone dhorkamee booda, miseensonni muraasni gara Somaaliyaa deemun mootummaa fiwudaalaa kuffisuuf of ijaaruu jalqaban. Kaan ammoo, kan akka Ejjetaa Fayyisaa, gara Sudaan deemun damee waldichaa achitti banan. Miseensonni waldichaa kan Finfineetti hafan sochii lafa jalaa jalqaban; koree aadaa fi garee waliin qo'annoo adda addaa hundeessan. Gareen kunis barruu ummata dadammaqsu Afaan Oromootin, Amaariffaa fi Ingiliffaan qopheessee rabsaa ture. Barruu The Oromos: Voice Against Tyranny fi Kana Beekta jedhaman hacuucca Oromoo ga'u ibsan maxxansiisun ummata dadammaqsaa turan. Sochii lafa jalaa kana namoota qindeessan keessaa obboleeyyan lamaan waa'ee Oromootif wareegaman luba Guddinaa Tumsaa fi Baaroo Tumsaati. Baaroo Tumsaa sochii lafa jalaa kana qindeessuu qofa odoo hintaane, hundeeffama Adda Bilisummaa Oromoo keessattilee shoora guddaa qaba.

Yeroo ammaa, Waldaan Maccaa fi Tuulamaa erga mootummaan ADWUI akka hinsochoone dhorkamee miseensoni isaa hidhamanii booda biyya keessatti socho'aa hinjiru. Haa ta'u malee, yeroo ammaa deebi'e biyya Ameerikaatti of ijaarudhaan sochii gara agaraa gochaa jira.

Gumaacha

Qabsoo farra diddaa gabrummaa Oromoo keessatti WMT ga'ee guddaa ba'e. Namoonni boodarra Adda Bilisummaa Oromoo hundeessan baayyen isaanii miseensota Maccaa fi Tuulmaa kan turan yoo ta'u hundeeffama ABOf haala mijeesse. Kana malees, Oromoo dadammaqsee aadaa fi afaan isaatin akka boonu gochuun shoora olaanaa ba'e.

Tokkummaa jechuun maal jechudha?

Tokkummaa jechuun maal jechudha?
Waa’een tokkumma yeroo baay’e ni dubbatama, garu hojiitti hin hiikamu maaliif?
Sababiwwan gurguddoo akka kanaa gadiitti kaasuuf ni yaala:-
1. Hiika tokkummaa sirritti beeku dhabuu
2. Faayidaa tokkummaa hubachu dhabuu
3. Qaamotiin tokkummaa ijaaru barbaadan hundee isaani wal-hubachu dhabuu
4. Qaamotiin tokkummaa ijaaruu barbaadan fedhii qofa qabaachu fi dandeetti dhabuu
5. Qaamotiin tokkummaa ijaaru barbaadan Obsa fi wal-danda’u dhabuu
6. Qaamotiin tokkummaa ijaaruu barbaadan wal-amanu dhabuu
7. Dhiibbaa fi tooftalee qaama alaa irra irratti gageeffamu fi kkf
1) Hiikaa tokkummaa sirritti beeku dhabuu
Tokkummaa haala baay’een ibsuuf yoo danda’ame iyyuu ani yaada kiyyaa gabaabinaan ibsuuf haala kanaa gadiitin qoodeen ibsuuf ni yaala.
1.1 Tokkumma namoota dhunfaa
1.2 Tokkummaa garee
1.3 Tokkummaa Sabaa
1.4 Tokkummaa Biyyaa
1.2 Tokkummaa garee
* Namootni dhunfaa fedhii fi dandeettii adda addaa qaban faayidaa dhuunfaa isaaniitiif carraqiin mataa iaani qofa galma isaan barbaadan kan isaan hin geesifne yoo ta’ee namoota biro wajjin galma waliini baafachuun tokkummaa garee uummachuun waliin tarkaanfachu danda’u.
* Galmi gareen tokko baafachu danda’u gamoota namootni dhuunfaan qaban hunda hin hammatu.Galmoota namootni dhuunfaan qaban keessa galmoota hanga xiqqoo ta’ani fi yeroo gabaaba ta’an qofa ta’u danda’a.Kanaafi tokkumman garee yeroo baay’ee diigamu kan danda’uuf
* Fakeenya-Waliin hojjechuu (Shariika daldalaa dhaabbatani waliin daldaluu,Waliin oomishu, waliin waldaa adda addaa dhaabbachu) kkf
1.3 Tokkummaa Sabaa
Tokkumman sabaa tokkummaa namoota dhunfaa fi tokkummaa garee kan of-keessatti hammatu yoo ta’e iyyuu tokkummaan sabaa kan adda isa godhu qabxilee baay’ee kaasuuf ni yaala.
1ffaa:- Tokkummaan sabaa- bu’urri isaa fi hundeen isaa tokkodha. Fakeenyaaf- Hundeen saba Oromo abbaa tokko irra uumame, Innis nama Oromo jedhamu irra madda jechudha.
2ffaa:- Tokkumman sabaa -Sirna bulchinsa mataa isa ni qaba. Fakeenyaaf -Oromon Sirna bulchinsa Gadaa ni qaba.
3ffaa:- Tokkummaan sabaa -Afaan ittiin waliif galu Afaan tokko ni qaba.
– Fakeenyaaf Oromon Kaaba hanga kibbatti fi Bahaa hanga Lixatti Afaan Oromotin waliif ni galaa.
– Loqodaan xiqqoo garagarummaa qabaachuun hundee tokkummaa oromo diiguu hin danda’u.
– Garaagarumman loqodaa Baayina uummataa fi balina qubsumaa irra uumamuu danda’a.
– Garaagarummaan loqodaa xixiqoo jira kun immo miidha osoo hin taane faayidaa gudda akka qabu raga bahama jira.
– Fakeenya gabaaba kaasuuf-Yeroo aadaan sirbaa Oromiyaa mara irra tartiiba tartiibaan waltajjitti yoo dhiyaatan Televishini jalaa hin deemin nama jechisiisa.
– Loqodni adda addaa yeroo afaan Oromotin dhiyaatan akka Nadhii Dammaa ni mi’awaa male hin quufamu.
– Kuni immo Saba oromo qofa biratti osoo hin taane sabootaa fi sablamoota Itoophiaa keessa jirani fi Namoota Biyya alaa hunda hawwataa jira.
– Kun fuula dura irratti hojjetamnaan tuuristoota harkisuun Oromiyaaf galii guddaa akka galchuu danda’u abdii gudda ni qaba.
Walimagalatti “ Hidda malee xannachi hin dhiigu “ akkuma jedhame Oromoon amantaa adda addaa yoo hordofe iyyu wal-male fira bira hin qabu.
* Amantaan kan dhuunfaa fi kan rabbi wajjiniiti
* Oromummaan kan saba Oromoo hunda wal-wajjiniiti.
* Oromumman kan eenyummaa fi kan kabajaati
* Oromumman wabii aadaa, afaan, amantaa, Qabeenya fi Bilisummaan ittin mirkana’udha
* Oromumman mallatto eenyumma addunyaan hundi ittiin nu beeku qabanidha
 Faayidaa tokkummaa sirritti hubachun barbaachisadha  
– Qaamotiin tokkummaa ijaaru barbaadan hundee isaani wal-hubachu barbaachisa
 – Qaamotiin tokkummaa ijaaruu barbaadan fedhii fi dandeetti horachu qaban
– Qaamotiin tokkummaa ijaaru barbaadan Obsa fi wal-danda’u qaban
– Qaamotiin tokkummaa ijaaruu barbaadan wal-amanu qaban
– Dhiibbaa fi tooftalee qaama alaa irra irratti gageeffamu waliiwajjin ofirra ittisu
– Kutannoo qabaachu
– Wal-jaallachu
– Wal-deeggaruu
– Wal-marii’achu
– Dhaamsi kun hundinu Oromof akka ta’e beeku qabdan 
Barri Bara Tokkummaa Nuuf Haata’u

Monday, February 27, 2017

Guutamaa Hawaas (1945-1994) qabsaawaa mirga Oromoo fi hoogganaa Waraana Bilisummaa Oromoo ture




Guutamaa Hawaas (1945-1994) 
qabsaawaa mirga Oromoo fi 
hoogganaa Waraana Bilisummaa 
Oromoo ture.


                                                                                                   (Nazir H Nura)
Guutamaa Hawaas (1945-1994) qabsaawaa mirga Oromoo fi hoogganaa Waraana Bilisummaa Oromoo ture. Guutamaan waraana qabsoo bilisummaaf ABO fi ADWUI gidduutti geggeeffamerratti waan diinan marfameef, ofumaan of ajjeese.
Guutamaa Hawaas maqaan dhalootasaa Jamaal Roobaleeti. Guutamaan bara 1945 keessa abbaasaa Roobalee Daadhii fi haadhasaa Gaashoo Tofoorraa Oromiyaa kibba-bahaa Arsii keessatti, aanaa Gololchaa, ganda Haaroo jedhamutti dhalate. Umuriin isaa barnootaaf akka ga'eenis mana barnootaa Gololchaa seenuun kutaa 1ffaa hanga 4ffaa kan barate yoo ta'u, kutaa 5ffaa hanga 12ffaatti ammoo gara Finfinnee dhaquun mana barumsaa Addis Katamaa jedhamutti baratee xumure. Akk barnootasaa xumureenis waaijira Boordii Bunaa jedhamu keessaan hojii jalgabe. Waajjira kanas damee Finfinnee fi Diillaatti aragmu keessatti yeroo muraasaaf ramadamee hojjate. Wajjirra kana keessatti bulchaa aanota garaa garaa, keessattuu bara 1975-1977tti naannoo Arba Guuguutti ramadamuun bulchaa aanaa Gololchaa ta'ee hojjateera. Itti aansee bara 1978-1979tti konyaa Arbaa Guuguutti itti gaafatamaa dhimma ummataa ta'ee hoijate. Haa ta'uyyuu malee mootummaan Dargii sochii qabsoo bilisummaa Oromoo waliin hidhatan qaba jechuun ba'uu fi galuusaa waan hordofuu jalqabeef, waajira kana gad lakkisuun gara hojii isaa jalgabaatti deebi'ee hojjechuu jalgabe.

Qabsoosaa

Guutamaan yeroo naannoo kana keessa hojii mootummaa kana hojjataa turetti miseensa ABO waan tureef, achuma keessa hojii ABO lafa jalaan hojjataa ture. Kunis, maadhee dhaabaa lafa jalan ijaaruu fi miseensonni dhaabaa karaa saniin gaaratti bahan dabarsuu irratti hojjataa ture. Hojii qabsoo inni lafa jalaan hoijataa fi hojjachiisaa ture waan diinaan jalaa saaxmeef, Guutamaan gara bosonaa seenuu fi guutummaan hojii qabsoorratti hirmaachuun dirqama itti ta'e. Akka kanaan bara 1979 keessa naannoma Arbaa-guuguu, Gololcha kanatti bosona seene. Qabsoon hidhannoo yoosuma sanuu naannoo sanatti eegalamee waan jiruuf, Guutamaan Waraana Bilisummaa Oromoo kan naannoo sanatti ramadamee jirutti makame.

Guutamaan yeroo sanaa kaasee hanga gaafa wareegameetti itti gaafatama dhaabaa kan gara garaarra ture. Kunis bara 1979-1984tti miseensa koree Godina Kibba-Bahaa ture. Yeroo sanatti Godina Kibba-Bahaa kan jedhamu: aalee Diida aa, Baalee fi kutaa Harargee keessaa ammoo aanaa Daaroo-Labuu kan of keessaa qabu ture. Yeroo kana koree keessatti itti gaafatamni isaa dhimma hojii hawaasummaa ture. Bara 1983 jila miseensota ABO Godinoota Bahaarraa yaamamee fi hogganoota ABO kan wareegaman bakka buusuuf kutaa Harargee, Laga Raammis, bakka Raaree Aadam Boruu jedhamutti taa'erratti miseensa koree maatii fi jaallan isaa irraa jidduu ABO ta'ee filame.

Bara 1984 keessa walga'ii koree gidduu-galeessaa 2ffaa kutaa Harargee, Aanaa Daaroo Labuu, bakka Sakattee Billiqaa jedhamutti taa'erratti gaafa waajjirri siyaasaa ABO jalgabaaf ijaaramutti miseensa Waajiira Siyaasaa ta'ee filame. Achumaan hoogganaa Damee Hawaasummaa ABO ta'uun ramadame. Bara 1989 yeroo Korri ABO 2ffaan kutaa Harargee, naanoo Laga Gobelleetti godhamuuf qophiirra jirutti, miseensa Koree Qindeessituu Kora Sabaa ABO ta'ee qindeessaa Itti-aanaa fi diinagdee koree kanaa fudhachuun ramadamee hojjate. Korarratti ammoo, yeroo lammaaffaaf miseensa Koree Jidduu fi Waajjira Siyaasaa ta'ee filame. Achumaan mataa Damee Diinagdee ABO ta'uun ramadame. Bara 1991, yeroo mootummaa ce'umsaa keessa ABOn seene, hirmaata hojii kan hoogganni dhaabaa yeroo san hojii mootummaa fi dhaabaa walitti qindeeffatuuf godhaterratti miseensa mana marii fi itti-gaafatamaa Zoonii Kibbaa ta'ee ramadame. Bara 1992 yeroo mootummaa Ce'umsaa keessaa ABOn ba'etti itti gaafatamummaa kanaan dirree qabsoo Zoonii Kibba Bahaa, kutaa Baalee, naannoo Gadabii fi Dalloo Bunaatti deebi'ee maroo lammaffaaf gaara seene.

Yeroo sanatti waraanni Wayyaanee fi Shaabiyaa humna isaani walitti qindeeffachuun waraana Aadda Bilisummaa Oromoo dhabamsiisuuf lolaa guddaa yeroo isaan itti banan ture. Ebla 12 bara 1994ttis kutaadhuma kana aanaa Dalloo Mannaa, naannoo Laga Dayyuu, bishaan Haxiballaa jedhamurratti Waraanni Wayyaanee fi Shaabiyaa kun lola guddaa WBOrratti bananiin, lola hadhawaa guyyaa sad'iif geggeeffamerratti akka gootaatti lolee lolchiisaa erga tureen booda Ebla 14 naannoo Barraaq bakka Dhukkee jedhamutti lola geggeeffameerratti diinaan marfamee harka diinatti hinkennu jechuun boombii ofitti dhoosanii jaallewwansaa afur yeroo sana isa waliin turan waliin wareegame.

Guutamaa Hawaas qabsoof bosona kan seene naannodhuma itti dhalate waan ta'eef bara 1979-85tti sababaa fi maqaa isaatin maatii inni irraa dhalate dabalate ummanni Oromoo kan naannoo sanii fi hiriyyoonnisaa osoo hinhafin Dargiin ajjeefamanii lafarraa duguugamaa turan. Obboleessasaa Muhaammad Roobalee bara 1980 keessa magalaa Abboomsa keessatti ajjeefame, akkasuma Obbolecttiisaa Lukku Roobalee Bara 1982 ji'a Ramadaanaa keessa bakka Dande jedhamutti bakka looniin godaantetti ganama manaa qabanii kaampi waraanaa Haroo Kambeelaa jedhamutti guyyaa guutuu qaamaa fi qalbi dararaa erga oolanii booda naannoo manaatti deebisuun rasaasaan tumanii biraa deeman. Namoonni ga'eeyyiin, maanguddoonni dhiiraa fi dubartii, dargaggoonni fi shamaran bakka tokko walitti qabamanii rasaasaan ajjeefamaan, mana keessatti ibiddaan gubamanii fi bakkoota gara garaatti ajjeefaman awwaalallee dhabuun bineessaa fi allaatiin nyaate naannoo nama 500 oliiti.

Guutamaa Hawaas intala Biiftuu jedhamtu kan qabu yoo ta'u yeroo ammaa Biftu G. Hawas biyya Awustireeliyaa jiraatti.


Wayyaaneen gaafa muddamte hunda ummata sossobuuf karoora tokkoon maletti dhagaa bu'uraa dhaabbilee misoomaa dhaabdi

Wayyaaneen gaafa muddamte hunda ummata sossobuuf karoora tokkoon maletti dhagaa bu'uraa dhaabbilee misoomaa dhaabdi

                                                                                       (jawar Mohammed)
Wayyaaneen gaafa muddamte hunda ummata sossobuuf karoora tokkoon maletti dhagaa bu'uraa dhaabbilee misoomaa dhaabdi. Kaluu kanas "Yunivarsitii Booranaa" dhaabna jedhanii Haylmaaram faan dhaagaa dhaabanii jiran. Dhugaan jiru garuu "karoorri Tiraansfoormashinii 2ffaa' yeroo kaayametti yunivarsitiilee ni jaaraman jedhame keessa kan Yuniversitii Booranaa hin turre. Dhagaan tibbana kaayan kun karoora tokko malee kaayame jechuudha. Dabalataanis baajtani tokkolleen qabameefii hin jiru. Yeroo amma kanatti kan sobaan karoora malee dhagaa bu'uraa kaayaniif mormii ummataa qabbaneessuufi akkasumas sirna baalli wal harkaa fuudhuu kanatti fayyadamanii ummata gammachiisanii of cinaa hiriirsuufi. Karaan sobaan dabran gala nama dhiba. Wayyaaneen garuu deemuu malee galuuf karoora waan hin qabneef kijibarraan kijiba tuuluu ittuma fuftee jirti.

Thursday, February 23, 2017

OPDOn haqaafis haa tahuu shiraaf, rakkoo dargaggoo Oromoo hiikna jechuun hiree hojii haaraa dargaggootaaf uumaa jiraachuun ifa.

OPDOn haqaafis haa tahuu shiraaf, rakkoo dargaggoo Oromoo hiikna jechuun hiree hojii haaraa dargaggootaaf uumaa jiraachuun ifa. 

                                                                                    (yaya Beshir)
OPDOn haqaafis haa tahuu shiraaf, rakkoo dargaggoo Oromoo hiikna jechuun hiree hojii haaraa dargaggootaaf uumaa jiraachuun ifa. Dargaggoonni Oromoos hiree hojii Oromiyaa keessaa sababa adda addaatiin irraa dhiibamuu fi biyya isaanii irratti halagaan dhufee jaaramee irratti duroomaa jiraachuunis dhugaa dirree jirtu. Dargaggoonni keenya hiree amma OPDOn uumaan jira jettu kana milkoominaan itti fayyadamuun barbaachisaa dha. Jireenyaan of danda'uun caalaattuu akka humna jabeeffatanii mirga isaaniif gurmaawanii falmatan godha malee kan mootummaa Wayyaaneef isaan jilbeenfachiisu hin tahu. Akkuma jaldeessi '' dura mee kan teessuma kootirraa...'' jedhe sani, dura joolleen teenya waan nyaattee bultuu fi uffattee gadi baatuun of danda'uun murteessaa dha. Dhaloonni qabeenyaa biyya isaa irratti abbaa tahaa deemuun irree qabsoo jabeessaa, kan diinaa ammoo huqqisaa deemuuf gumaacha. Dargaggoonni keenyas bifa kanaan of qopheessanii hiree isaaniif dhihaattetti abshaalummaan fayyadamuun murteessaa dha.

Saturday, February 18, 2017

OPDOn dantaan addaa Oromiyaan Finfinnee irraa qabdu haala ittiin kabajamuu qabu mootummaa federaalaaf galchinee jirra jetti

OPDOn dantaan addaa Oromiyaan Finfinnee irraa qabdu haala ittiin kabajamuu qabu mootummaa federaalaaf galchinee jirra jetti


OPDOn dantaan addaa Oromiyaan Finfinnee irraa qabdu haala ittiin kabajamuu qabu mootummaa federaalaaf galchinee jirra jetti. Waan jarri galche hin beeknu garuu dantaan Oromoon Finfinnee irraa qabu kabajame kan jedhamu labsiin bahu yoo xinnaate qabxiileen armaan gadii yoo guutamani.
- Finfinneen handhuura Oromiyaafi magaalaa guddittiii teessoo mootummaa Oromiyaa ta'uu yoo mirkaneesse
- Afaan Oromoo afaan hojii waajjiraalee mootummaa akkasumas afaan barnootaa magaalaa Finfinnee yoo tahe
- Mana mareefi hojii raaw'achiiftuu bulchiinsa Finfinnee keessaa yoo xinnaate walakkaan Oromiyaaf yoo kenname
- Galii diinaggee Finfinnee keessaa Oromiyaan qooda gahaa kan argattu yoo tahe
Labsiin faaydaa kanneenii gadii hammate dantaa Oromiyaa eegsisuu hin danda'u.

Tuesday, February 14, 2017

Qabeenya Oromiyaa Saamsisaa Hoji-dhabdummaa Hir'isuun hin dandayamu

Qabeenya Oromiyaa Saamsisaa Hoji-dhabdummaa Hir'isuun hin dandayamu                                   
                                                                                  ( jawar Mohammed irra  )
Haasawa Obbo Lammaa Magarsaa jidduu kana godhe ijoo marii tibbanaa tahee alaa manattis irraa dubbatamaa jira. Sababni isaa ifa. Hogganaan dhaaba OPDO tokko ifatti ummanni Oromoo gabrummaa jala jiraachuu yeroo dubbatu dhagahuun isaa waan hin eegamne fi haaraa waan taheefi. Lammaa fi OPDOn haasaa akkanaa maalif eegalan? Wayyaaneen hoo maalif itti dhiifti? Qabxiilee kanniinirratti kana jechuun barbaada:
1) Sabboonummaa Oromoo xiqqeessuudhaafi xureessuun Oromoo injifachuun akka hin danda'amne waan hubataniifi. Tooftaan Oromoo xureessuufi xiqqeessuu waan kufeef amma tooftaa filatan, Oromoo faarsuun erga firoomfatanii booda deebisanii too'achuufi.
2) Yeroo dheeraaf Wayyaaneen Hogganoota jibbaafi ilaacha farra sabboonummaa Oromoo qabaniin fayyadamaa turte. Tooftaan sun waan kufeef amma namoota sabboonummaa Oromoo hubataniifi afaan sabboonummaa dubbachuu danda’an as baasan. Yoo hogganoonni haaraan kun haasawa bira darbanii tarkaanfii qabatamaa fudhachuutti cehan humna waraanaa waan harkaa qabnuuf ni rukanna jedhanii daguun eeguuf murteessan.
Waa haalleefuu waan Obbo Lammaan dubbate keessaa waan tokkorratti waa jechuun fedha. Obbo Lammaan xiyyeeffannaan guddaan isaa dargaggoo Oromoo diinaggeen humneessuu akka tahe haasaa isaa yeroo adda addaa irraa ni hubanna. Diinaggee irratti fuulleeffachuun kun qalbii dargaggoo gaafii siyaasaa irraa gara diinaggeetti deebisuun warraaqsa kana dhaamsuufi xiinxalli jedhu dhihaataa jira. Sirri ta'uu mala. Akkasuu ta'ee siyaasaan haa hafuuti yoo dhugaan rakkoo diinaggee kana furuuf barbaade akkaataan amma itti deemaa jiran bu'aa barbaachisaa san akka hin buufne beekuu qaba.
Rakkoo hoj-dhabdummaa yeroof furuuf maallaqa itti facaasanii jiruu yeroo gabaabduu (temporary employment) kumaatamaan uumuun ni danda'ama taha. Hiyyummaa hiddaan buqqisuuf garuu sababa hiyyummaa sanii hiddaan buqqisanii gogsuu barbaachisa.
Hubannoon dogongoraa inni guddaan Ummanni Oromoofi Oromiyaan hiyyeeyyiidha yaada jedhu dha. Lakki ummanni kun ni hiyyoomfame (impoverished) malee uumaan hiyyeessa (poor) miti. Kan hiyyoomfames weerara, saamicha, imaammatafi tarsiimoo alagaatiini. Ammatti OPDO fi Lammaan sirna alagaa Oromoo hiyyoomsu guutumatti haa fonqolchan jennee gaafachuun of hin sobnu. Haaluma keessa jiranittuu tarkaanfiilee madda hiyyuummaa kanatti caama buusaniifi akeeka hojii uumuu kana gargaaran fudhachuu danda'u.
Mootummaan naannoo Oromiyaa rakkoo hoji-dhabdummaa kana sirnaan furuudhaaf hunda dura qabeenya Oromiyaan qabdu guutumaan guututti dhuunfachuu danda'uu qaba.
Qabeenya Oromiyaa yoo dhuunfate hawwii imaammataa hiyyummaa hirdhisuu galmaan gahuudhaaf, imaammata bilisa ta’eefii baajata ni qabaata jechuudha. Itoophiyaan galii waggatti argattu keessaa yoo xinnaate 60% Oromiyaa irraa dhufa.( Warshaaleen biyyattiin qabdu harki 80% Oromiyaa keessa, meshaan alatti ergamu kan akka bunaa 70%, jimaa 100%, albuuda 85%, loon, kal'ee kkf). Faallaa kanaatiin ammoo baajatni Oromiyaan mootummaa federaalaa irra agattu ( budgetary subsidy) kan Itoophiyaa guutuun yoo walbira qabamu 28% caalee hin beeku.
Kana jechuun Oromiyaan madda galii Itoophiyaa taattus qabeenya kana dhuunfachaa hin jirtu. Fakkeenyaaf galiin mootummaan Oromiyaa naannoo san keessaa ofiif fudhatu gibira qonnaatifi daldala xixiqqaati. Kun ammoo galii waggaatti Oromiyaa keessaa argamu irraa yoo guddate 25% taha. Kana jechuun galii waggatti Oromiyaa keessaa argamurraa 75% federaalatu fudhata jechuudha.
Akka seera feederaalizimiitti baajatni naannolee waan lama gurguddaa irratti hundaaye qoodama; baay’ina ummatataatifi gumaata galii naannoon biyyattiif galchuudha. Akkuma statistics mootummaa saniittuu Itoophiyaa keessaa ummanni 35% Oromiyaa keessa jiraata ( dhugaan garuu 50% akka hin hanqanne namuu beeka). Diianagdee biyyatti keessaa ammoo harki 42% Oromiyaa irraa dhufa jedhanii amanu jarrinuu. Maarree shallaggii kamiini Oromiyaan ummata 35%, galii 42% qabaattee gaheen baajata federaalaa 28% kan ta’uuf? Wanni ani asitti kaasuu barbaade qabeenyi Oromiyaa dhuunfannaa mootummaa naannoo Oromiyaa jala waan hin jirreef, hanga wanti kun hin jijjiramnetti Lammaan faan hamma fedhanis yoo wixxifatan rakkoo hoji dhabdummaa furuuf madda galii argachuu hin dandayan.
Dhimma diinaggee biyyatti sanii yeroo haasayamu wanni yeroo baay'ee hin dubbatmane isa kana. Wayyaaneen karaa lamaan Oromiyaa irraa galii argatti. Karaan tokkoon diinaggee Oromiyaa daldaltoota Tigree harka itti galchanii jiran. Kunis daldala naannoo Oromiyaa sadarkaa qabeenya paartii ( EFFORT) akkasumas daldaltoota dhuunfaatiin too'achiisanii jiran. San qofaa miti. Bu'uraalee misoomaa Oromiyaa keessatti jaaraman kontiraanni kubbaaniyyaalee Tigreetiif akka kennamu gochuuni. Karaan lammataa ammoo akkuma armaan olitti tuqame kan mootummaa federaalaa dahachuudhaan maddeen galii ( warshaalee, oyyruu qonnaa, albuudaa kkf) Oromiyaa keessa jiran kallattiidhaan too'achuun galii sassaabbatani. kana jechuun mootummaan federaalaa maddeen galii gurguddoo Oromiyaa keessaa too'chuun bulchiinsa naannoo Oromiyaa hagabsee fudhata.
Bara 1995 yeroo caasaan federaalaa dhaabbatu warashaaleen gurguddaan (kan akka warshaalee sukkaraa, simintoo, huccuu, dhugaatii), qonni midhaanifi bunaa babal'oon, lafti albuudaa, hoteelonni kkf 'qabeenya ummanni Itoophiyaa waliin hore waan ta'eef naannoo tokkoof kennamuu hin qabu jechuun federaala jala galche. Hubadhaa qabeenyi mootummaa (state owned enterprises) kan federalaaf kennaman dhibbentaan 80% Oromiyaa keessaa, muraasni Kibbaa, xiqqoon wayii naannoo Amaaraati. Galii Oromiyaa irraa waggatti galu keessaa enterprise mootummaa federaalaa jala galan kun harka 40% akka tahe ni tilmaamama.
Mootummaa federaalaan kan too'atummaa kubbaaliyyaalee mootummaa qofaa miti. Kubbaniyyaalee dhuunfaa ( private limited Companies LLC, Kobbaaniyyaalee waloo ( share companies) akkasumas kubbaaniyyaalee biyya alaa ( foriegn companies) cufa kan gibira galii irraa guuruu mootummaa federaalaati. Labsii heera mootummaa cabsu baasuun kubbaaniyyaaleen biyya keessaafi alaa mootummaa federaalaa jalatti akka galmaayan gochuudhaan aangoo heeraan mootummaan naannoo Oromiyaatif kenname hoongessanii ofiif too'tan. Bifa kanaan gibirri Oromiyaan guurtu kan qonnaan bulaafi enterpirsii xixiqqaa qofatti daangeffame. Galiin Oromiyaan gibira kanarraa argattu dargaggootaaf hojii uumuu dhiisi mindaa hojjattoota mootummaatuu kaffaluu hin danda’u.
Kubbaaniyyaalee mootummaa fi dhuunfaa kanarraa Oromiyaan gibirumallee waa takka hin argattu. Akkuma namuu beeku kan biraa dhiifnee hojjataanuu naannoo biraatirraa fidama. Afaan hojii isaanii afaan Oromoo miti. Hubadhaa kubbaaaniyyalee kana dhuunfachuudhaaf mootummaan federaalaa bu'ura seeraa tokkollee hin qabu. Sirna federaalizimii keessatti fi akka heera mootummaa Itoophiyaatti mootummaan federaalaa goojjoo naannoleen walitti baasanii jaarratani. Buusii naannoleetin ijiraama.
Wantoota gurguddoo bu'ura seeraatin kannamaniif kanneen akka raayyaa ittisa biyyaa, maallaqa biyyolessaa (national currency) maxxansuu, dantaa alaa qajeelchuu akkasumas daladala alaa too'achuun alatti qabeenya naannoolee dhuunfachuuf bu'urri seeraa aangoo kennuuf hin jiru. Akkuma beekamu kubbaaniyyaalee kana erga dhuunfatee boodaa mootummaan federaalaa maqaa piraayvetaazashiiniitin gurgurataa jira. Kana gochuuf garuu aangoo heeraa tokko hin qabu. Qabeenyi mootummaa Oromiyaa keessa jiru, kan mootummaa naannoo Oromiyaati. Kanaaf qabeenya akkasii gurguruu, kireessuu, girbira guuruuf aangoo kan qabu Oromiyaadha.
Bara 1995 as mootummaan federaalaa seerota qabeenya Oromiyaa suduudaan saamuudhaaf dandeessisu hedduu baafate. Kana keessaa labsiileen gibiraat, kan liiziifi invastimantii warra hangafaati. Bifa heera mootummaa cabsuun kubbaaniyyaaleen dhuunfaa galiin isaanii guddaa ta'e gibirri isaanii mootummaa federaalaatiif akka galu labsiin bahe bu'ura federaalizimiifi heera mootummaa federaalaa kan diiguudha. Akka seera federaalizimitti kubbaaniyyaan tokko galii hamma fedheetuu yoo qabaate gibira galii mootummaa naannoo saniitiif kenna malee mootummaa federaalaafi miti. Seerri liizii kan mootummaan federaalaa lafa naannolee 'moogiziitiidhaan' akka bulchu kennus shira bu'ura heeraa hin qabneedha. Akka seeraatti lafti kan ummataati, mootummaan ummata bakka bu'ee bulcha. "Mootummaan" sun garuu mootummaa naannoti malee kan federaalaatii miti. Mootummaan federaalaa seeraan lafa taakkuu takkas hin qabu. Sababni seeera liizii kanaaf dhihaachaa ture "naannoleen invastaroota hawwatanii keessummeessuuf gahuumsaafi qindoomina hin qaban" kan jedhuudha. Dadhabinni akkasii osoo jiraateyyuu humna naannolee ol guddisuudha malee aangoofi mirga heeraan laatameef mulquun gonkumaa sirrii ta’uu hin danda’u. Sababni dhugaa garuu lafa Oromiyaa akka fedhanitti gurguratanii galii ofii guddifachuuf Mootummaa Naannoo Oromiyaa laafiisuuf yaadameeti.
Kanaafuu Obbo Lammaa faan yoo dhuguma hidda rakkoo hoji-dhabdummaa dargaggoo Oromoo hir’isuudhaaf fedhii qabaatan, tarkaanfiin dura fudhachuu qaban qabeenya Oromiyaa keessa jiru harka mootummaa naannootti galchuudha. Kubbaaniyyaalee kanniin harkatti galfachuun hojii uumuu keessatti Mootummaan Naannoo Oromiyaa waan lama fayyadama. Gara tokkoon gurgurtaafi gibira kubbaaniyyaa kanneenirraa galii naannoo ol guddisuun bajata hojii uumuuf isaan dandeessisu argatu. Har'a birri biliyoona 6 qofaan hojii miliyoona tokko uumna jedhanii wixxifatan. Kubbaaniyyaalee kana osoo dhuunfatanii garuu maallaqa eerame kana dacha dachaan waggatti irraa galfatan.
Faaydaan lammaffaa kubbaaniyyaalee kanniin too'achuun kan gargaaru, kubbaaniyyaaleen sun lammilee Oromiyaa keessa jiran sadarkaa jalaa hamma gubbaatti akka mindeessan gochuun dargaggootaaf hojii haaraa uumuu danda'u. Akkasumas invastaroonni biyya keessaafi alaa mootummaa Oromiyaa jalatti akka hojjatan gochuun galiin Oromiyaaf akka galu gochuu qofaaf osoo hin taane tarsiimoon isaanis dantaa ummataatin akka wal simatu dirqisiisuuf fayyada. Haaluma kanaan lafa Oromiyaa keessaa guututti yoo too'atan miidhaa qonnaan bulaarra gahu hirdhisuuf, dargaggootaaf lafa kennuuf akkasumas invastaroonni bifa ummata naannoo fayyaduu danda'uun akka hojjatan gochuuf isin dandeessisa.
Walumaagalatti rakkoo hoji-dhabdummaa Oromiyaa keessatti muldhatu sababni guddaan tokko qabeenyi naannichaa alagaadhaan dhuunfatamuu isaati. Akka afaanii (afaaniin dubbatan) kana onnee yoo qabaatan heerumaafi seera amma lafa jirutti fayyadamuun qabeenya Oromiyaa dhuunfaa mootummaa naannoo Oromiyaa jala akka galu falmachuu danda'u. Caffeen Oromiyaa labsiilee mirga ofiin of bulchuu (autonomy) heera mootummaa federaalaatiin kaayame diigan hunda labsii mataa isaatiin haquu danda'a. Kun aangoo Caffeeti. Murtii Caffee kana miseensonni Oromiyaa bakka bu’anii mana marii bakka bu’uutaafi federeeshinii keessa jiran sadarkaa federaalaa geessuun falmachuu danda’u. Pirazidatichiifi kaabineen naannoo qajeelfama baasuudhaan kubbaaniyyaaleen Oromiyaa keessa jiran suduudaan biiroolee naannichaatiin akka too'ataman gochuu danda'an. Akkuma Lammaan jedhe aangoon guyyaa muraasaafis taatu harka nama gallaan jijjirama hamma tokkoo fiduun ni danda'ama.
Kun garuu daadhannoon qofa osoo hin taane murannoo gochaan muldhatuun agarsiifamuu qaba. Afaaniin qofa osoo hin taane tarkaanfii qabatamaatiin asitti mirkanaa’uu qaba. Tarkaanfilee armaan olii kana fudhachuun akka dhuunfaafi dhaabaatti gaaga’ama (risk) akka qabu shakkiin hin jiru. Qabatamaan hojjachuuf yoo murannoon jiraate aarsaaf of qopheessunis jiraachuu qaba. Lammaa fi OPDOn aarsaa kana fudhatanii dhaadannoo afaanii kana hojiitti ni jijjiiranii laata? Ana natti hin fakkaatu; garuu haatee bareeddii jennaan….akkuma jedhan ittuu dhufnaa ni agarra.
Hammasiifuu wanni irra deddeebinee ummata keenya yaadachiifnu wabiin mirga siyaasaafi diinaggee isaa, qabsoo isaa qofaa ta’uudha.

Thursday, February 9, 2017

Biyya Xoophiyaa (Ethiopia ) jedhamtu adunyatti kan beeksise atileetota Oromooti.

Biyya Xoophiyaa (Ethiopia ) jedhamtu adunyatti kan beeksise atileetota Oromooti.


                                                                                                                                         (  Beknan Rabira irra)

Oromummaan Kee Qofti Nu Bonsa. Nuti Oromoon waan hunda daandii tokko qofaan ilaaluu Osoo aadaa godhachuu dhiisnee. Oromoon baqaan qofa bilisummaa hin fidu. Biyya keessattis, kan diinagdee qabu, kan barnoota qabu, kan dandeettii qabuuf kkk nu barbaachisa.,Har'a atileetotni Oromoo hedduun sodaa qabaniif saba kana bira akka barbaadamanitti dhaabbachuu dadhabanis, diinagdeen guddatte akkuma tan Dinquu Dayyaas faa boru abdii sabaa taati. Sabboonummaan biyya Ormaa qofa jiraachuun hin mirkanooftu. Waa'ee Atileetota Oromoo hedduu yeroon yaadu sammuun koo akka galaanaa fuudhee naan kuta. Biyya Xoophiyaa jedhamtu adunyatti kan beeksise atileetota Oromooti. Guyyaa isaan moo'anii rekordii Adunyaa Cabsan hunda uff Osoo maqaan Oromoo adunyaa irratti waamamee jiraatee jedha. Haata'uu malee hedduun isaaniis kana yaaduu hin oolle. Eeyyen Ormi afaan qabee funyaaniin dubbata akkuma jedhan sana. Feyisa Lilesas kanuma keessaa obsa fixatee bahe. Har'a Atileetiin Oromoo beekkamtuun #GanzebeeDibaabaa alaabaa minilik lafatti darbachuun diina garaa gubdeetti. Haaluma mijaawaa dhaban malee kan woyyaanees akka kana godhuuf hawwii qaban hedduu isaanii nan amana. Yaaduu hafanis yoo woyyaanee wajjiin gadi bahanii gochaa diinummaa hin hojjatin malee, karaa diinagdeetiin qabeenya boru ummata Oromoof Oromiyaaf hafuuf tajaajilu ijaaranis anaaf isaan hojii sabboonummaa hojjachaa jiran jedheen amana . Eeyyen diinagdeen wirtuu qabsooti. Atileetotniif qabeenyi isaanis gaafa Oromoon bilisoome, kan Oromooti. Atileetotni Oromoo ammaan boodas kumaatamaan dhalatu. Kanaaf atileetota keenya Sirna cunqursaa woyaanee jalatti tuffatamaa, qabeenya egeree boru tajaajiluu danda'u ijaaraa, rikordii adunyaa cabsaa jiranis abaaruuf hamilee cabsuu dhiisnee bakkuma jiranitti saba keenyaa haa jajjabaatan, jajjabeessaa. Ofitti madaksaa, kana keessaa kan akka Feyisa Lilesa faatu baha waan ta'eef. Walumaagalatti Atileet Ganzebe Dibaabaa rikordii adunyaa cabsuuf Alaabaa minilik salphisuu keef galatni keenya daangaa hin qabu. Guyyaa tokko Alaabaa Oromoo akka mirmirsaa Oromiyaa adunyaa irratti waamsiftan abdiin qaba.