Sunday, March 26, 2017

Mootummaan naannoo oromiyaa (OPDOn) jijjirama dinagadee fiduuf dhabbilee daldalaa #Odaa_Bus fi #Kenya_Beverage ka jedhaman hundeessuuf jira

 Mootummaan naannoo oromiyaa (OPDOn) jijjirama dinagadee fiduuf dhabbilee daldalaa #Odaa_Bus fi #Kenya_Beverage ka jedhaman hundeessuuf jira


                                                                                          ( Motuma Tura Giraba irra )
Warraqsa Dinagdee" odeefamaa jiru ilaalchisee Dhuguma, rakkoolee oromoo hedduu wallxaxaa ta'e keessa dinagdeen dubatti hafuun, humna dhabuun isa tokko. Mootummaan naannoo oromiyaa (OPDOn) jijjirama dinagadee fiduuf dhabbilee daldalaa , #Odaa_Bus fi #Kenya_Beverage ka jedhaman hundeessuuf jira. Garuu jijjirama guddaa kan barbaadamu dhaabbilee daldalaa tokko ykn lama ijaaruun fiduun hin danda'amu. Asi irratti, dhaabilee ijaaramaa jiran kana mormuu koo miti. Garuu jijjirama fiduu hin danada'an jechuu kooti malee. Jijjiramni bu'uuraa karaa dingadeetiin akka dhufu yoo barbaadamee mootummaan bakka uummataa bu'ee warshalee bu'uressuu irraa haalaa mijeessu irratti xiyyeefachuu qaba. Haala mijataa argatnaan uumatni mataa isaa warsha ykn dabbilee daldalaa lama miti kuma lama ijjarachuu ni danda'a. Haalawwan mijjachuu qabaniis 
 1. Mirga demokaasii fi dhala namaa mikaneessuu:

Sabani yoo bilisa ta'e, wanjoon gabrummaa yoo irraa ka'e, mirgi isaa yoo kabajame hojaatee wan hin soromneef hin qabu. Namni bilisummaa qabu yaada harawa ni madessiisa, teknolojii harawaa ni uuma, Sammuu/garaa isaa gutuun, yaaddoof dhiphina tokko malee waan hoojjatuuf akkuma salpahatti jijjirama dinagdee fida. 

2. Leenjii oggummaa daldalaa kennuu. Ummatnii keenya ilaalchi innii daldalaaf qabu xiqqaa dha. Kana malees dandeettiin isaa illee gabbataa miti. Kana immoo lenjii dhaan gabbisuun ni danda'ama. 
3. Dandeettii hojii uumtummaa(Entrepreneurship) dagaagasuu;
Uummataa keessaa warra hojii uumuun beekaman adda baasuu gargaarsa barbaachisu gochuufii

4. Uummatnii liqii maallaqaa akka salphatti akka argatuu gochuu.
Rakkoo uummata keenya innii guddaan hanqinaa mallaqatii. Hojjachuu ni fidhu garuu mallaqa argachuu hin danda'an. Warrii mallaqa liqqeessan bankilee QABDII guddaa (mana, lafa, konkolaata kkf) gaafatu. Oromoo hedduun immoo kana hin qabu. Samameera. Kanaafu mootumma hala ittiin dargaggotni oromoo halduree tokko malee ykn qabdii malee liqii maallaqaa argachuu akka danda'an haala mijeessu qaba. Akka yaada kootiti mootummaan warshaalee ykn dhaabbilee adda adda dhaabuu irraa bankii tokko osoo dhaabee, dargagoota hojii daldalaa irratti bobba'uu barbaadaniif liiqii osoo dhiyessee gaarii ta'a.
Yoo kanneen armaan olitti caqafaman ta'an warraaqasa dinagdee jedhamu kana akka salphatti fiduun ni danada'ama,

Wednesday, March 22, 2017

Odaa Bus: Tarsiimoo Oromoo itti humneessan moo tooftaa haraaya saba itti saaman ?

Odaa Bus: Tarsiimoo Oromoo itti humneessan moo tooftaa haraaya saba itti saaman ?
                                                                                      (  jawar Mohammed irra )
Daadheessaan  OPDOn  kubbaaniyyaa  geejjiba ummataa  ODAA  jedhamu  dhaabuuf  bobeessaa jirtu  dhimma  falmii  tahee  jira.   Gariin  akka  waan  kubbaaniyyaan  kun  qabeenya  Oromoo kan  kubbaaniyyaalee  Tigree  kan  akka  Selam Bus  waliin  dorgomuuf  yaadameetti  dhaadhessaa  jiran . Gara  kaanin  ammoo  Selam Bus  santu  Oromiyaa  keessa  socho'uun waan  rakkiseef  maqaa  Oromoo  baafte  dhufe  jedhu.  
Mee  kanuma  OPDOn  jettu  dhugaadha jennee haafudhanuu. ODAA Bus Oromoo humneessuuf kan dhaabbate jennee haa fudhannu. Kubbaaniyyaan geejjibaa akkanaa gara galiitiin milkii ( profitable) akka argatu shakkiin hin jiru. Gaafiin ka'uu malu, kubbaaniyyaaleen amma dura maqaa Oromootiin dhaabbatan maalif kufan? ODAAn hoo haaluma saniin maallaqa hiyyeessi itti dhangalaasu fudhatee cilee bishaan buute akka hin taane wabiin maali? Fakkeenyaaf DINSHO fi kubbaaniyyaaleen isa jala turan akkamitti kufan. Rakkoo bulchiinsaa ( management) moo kan tarsiimooti? Rakkoo bulchiinsaa akka hin jedhamne kubbaaniyyaaleen sun namottaa OPDO keessatti sammuu qaban jedhaman kan akka Dubbaalaa Jaalleefi Abdishuu Huseenin bulfamaa ture. Tarsiimoo gabayaatis yoo taate Oromoon garagalee invest itti gochaa irraayis bitaa ture. Maarree maaf kasaaran? Yoo yaadattan bara hoggansa Dubbaalaa Jaallee kubbaaniyyaa geejjibaa ummataafi fe'uumsaa dhaabatee ture? Kubbaaniyyaan sun yoosuu kufee meeshaan isaa Trans Ethiopia fi Selam Bus fa'aan dhaalame. Bifuma saniin daldalli jimaatis cufamee Azeeb fudhatte. Kana jechuun ifatti DINSHO akka kasaaru kan taasise tarkaanfii siyaasaa TPLF fudhateedha. Maarree ODAA Bus carraan warra isa duraa akka hin mudanne wabii maltu jira?
Warri ODAA Bus dhaadheessuun ummanni akka aksiyoonii bitatu barbaadan kubbaaniyyaaleen amma duraa maalif akka kufan qoratanii beeksisuu qaban. ODAA Bus tarsiimoo akkamiitiin geggeeffamuu heda? Boordiin eenyu? Gareen bulchiinsaa ( management) hoo muuxannoofi barnoota akkamii qabu? Dabalataanis kuni dhimma daldalaa waan taheef ogeeyyotaan malee dabballoota paartiitiin dhaadheffamuunis ta'ee buluun miidhaa malee faaydaa akka hin qabne beekuun barbaachisaadha. Hammasiifuu ummanni keenya hawwiidhaan maallaqa isaa akka hin qisaasne gorsina.

Saturday, March 18, 2017

FACE THE CONSEQUENCES OF YOUR CHOICES, OR DIE OUT: WE PROMISE NOT TO HELP YOU!

FACE THE CONSEQUENCES OF YOUR CHOICES, OR DIE OUT: WE PROMISE NOT TO HELP YOU!

                                                                                       ( Tsegaye Ararssa )
If you have failed to speak for your people for 26 years; if, in fact, you caused a destruction of untold proportions on the people siding with TPLF; if you invariably chose to please TPLF in every single policy measure including the most innocuous of all; if you brutally murdered the generation that voiced your own dream of liberation from the TPLF oppression; if you continue to smear that same generation that called your attention to the suffering of the people in whose name you served TPLF as stooges; if you fail to realign yourself with your people because you thought your alliance with TPLF fascists would last forever; then face the consequences when the monstrous TPLF machine turns against you.
Don't run around mindlessly seeking this generation of Oromos to save you. No amount of borrowed insinuations such as "narrow nationalist" (the most recent phrase used by one of your most "educated apes" is "narrow democracy"!) will save you from the popular anger or from the TPLF killing machine. Stop the nonsense about "economic revolution", the revolution that never was, to suppress the simple popular aspiration for peace, human security, and the dignity thereof.
No economic empowerment can happen while you yourself as leaders of the OPDO (let alone the people) are under TPLF repression in your own Oromo-speaking ghettoes. (Yes, the word used by the current OPDO leader, rightly, is gabrummaa, i.e., slavery, making himself a Slave President!) For you to lead a "revolution" of any sort, first free yourselves from slavery.
Else, hold your peace. Or die out. There is time for everything: a time to kill, a time to heal. A time to live, a time to die. You have killed more than your share, OPDO. You have killed for far too long. Perhaps, it is time for you to die. Yes, die out before you are consumed by a fire raging against you from two directions. Iffirraa du'a, dhiiroo!!! (Perhaps Girma Woldegiorgis's death is the last signal reminding you of the end of an era for opportunists.)
)

Jaarmiyaalee siyaasaa garaagaraafi Aktivistoota Oromoo naannoo teessoo tokkootti walitti fidanii waliin mariyachiisan malee falli hinjiru.

Jaarmiyaalee siyaasaa garaagaraafi Aktivistoota Oromoo naannoo teessoo tokkootti walitti fidanii waliin mariyachiisan malee falli hinjiru.

                                                                                          
                                                                                                 (Beekan G Erana irraa )

Yeroo ammaa kana aktivistoonni Oromoo Jaarmiyaalee Oromoo bira kutanii waa'ee Oromoo dalaguu barbaadu; haata'u malee gufannaa hamaafi kufaatii badaa keessa seenuusaanii argaa jirra. Jaarmiyaaleen siyaasaa warreen uummanni isaan jaallatuufi gatii gurguddaa saba Oromoof kaffalanis aktivistoota kanaatti amananii aabboo jiran hunda itti kennuuf amantummaa irraa dhabaa jiru. Kottaaga akkas goona.
1. Miidiayan dhugaan Oromummaatti amanu hunda isaaniif gaafannoo walirraa hincinne dhiyeessuufiin rakkoo jiru adda haabaafatu.
2. Uummanni Oromoo qabsaa'ota Oromoo duraaniif kabajaa laatee aara galfachiisuufi arraba dhiisuun hojii qabsoo harkaa fuudhee hojiirraa aara galfachiisee teessisee haasooru, gorsaafi muuxannoo isaanii ammoo haagargaaramnu.
3. Aktvistoonni Oromoo ammoo jaarmiyoota siyaasaa, keessumattuu maqaan utuu hintaane hojii gurguddaan uummata isaanii keessa jiraniif kabajaa kennee waliin haa hojjetu.
 4. Kana booda ooggansi qabsoo namoota amanamoo, sabboonummaa qabaniifi muuxannoo qabsoo qaban dargaggeeyyii Oromoo dantaa dhuunfaatti halagaatti saba isaanii hingurgurannetti haakennamu.
-
Yoo akkas ta'eef uum
manni Oromoo maallaqasaa mitiiti lubbuusayyuu kennee biyyasaa nibilisoomsata!!

Friday, March 17, 2017

"NAMA SHILINGII BACHIISEE DUNGOO QARSHII BITEE BARBAADU HIN TAANU."

"NAMA SHILINGII BACHIISEE DUNGOO QARSHII BITEE BARBAADU HIN TAANU."
                                
                                                                                     ( saphaloo Kadiir irra )
Tooftaan OPDO akka waan humna murteessumaa qabduu fakkeessuun diddibanii ummata Oromoo isii balfe keessatti deebisuuf yaaluu akkuma itti fufetti jira. Yeroo gabaabaa booda ammoo OPDO'n bakka lamatti bahuuf kan jirtu tahuu mallattooleen amma agarru ni mul'isa. Opdon takka akkuma diraamaaf qopheessanitti tan dhungoomfachuuf fiiydu, takka ammoo akkuma dur san intalashee godhaatnii hamashaa kijibaa irratti hidhanii deemaanii jiran. Hundarra garuu kan nama dhibu miidiyaan wayyaanee TV Oromiyaa (TV Boqqolloo) kan akkuma OPDO afaan Oromoo dubbatu dhiheenya kana waan jarumaa waliin humna arkate fakkaata. Yeruma takkatti akkuma aanga'oota OPDO ooyruu keessaa bahee magaalaa keessatti galuun isaa kuniis nama hedduu ajaa'ibsiisuun hin oolle. Ji'uma tokkotti ooyruu keessaa magaalaa walakkaa dhaquun dhugumatti naman ajaa'ibsiisuu
Haa tahuu garuu wanti dagachuu hin qabne guddaan warri Miidiyaa wayyaanee ykn TVO'n rakkoo ummata Oromoo irra gahaa jiru golga godhachuun rakkoolee akka saamiinsa lafaa, qulqullina naannoofi kkf qoratee akka saaxilu ajajni itti kennamuu isaati. Wanti kana booda jiru ammoo maddoota rakkoo hoggaa irra oliif gad deemee qoratee ibse booda rakkoo saaminsa lafaa fi qulqullina naannoos warreen federaalaa naanneessanii gama aanga'oota naannoo Oromiyaatti achi micciraanii tooftaan harcaasanii, OPDO isaaniif taatu kalaqachuudha. Amma tooftaan jiru wayyaaneen akka waan harka keessaa fudhattee fakkaattee, akka waan OPDO'n aangoofi murteessummaa qabdu fakkeessuun isaanuma warra opdo kana waliin macalaasuufi. Kun marti diraamaa wayaanee dur irraa opdo mataa isii hojjachisuun sirna tortoraa kana keessa itti if hulluuqsisaa as geeysee dha. Kanaaf kun ummata Oromootiif bu'aas tahee gatii tokkollee hin qabu. Akka namni gariin OPDO keeysaan wanti Oromoon barbaadu san ni dhufti ja'ee kajeelu sanii miti dubbiin.
Gama biraatiin yeroo biraa caalaa weerarri daangaa Oromiyaa keessattuu kan gama Soomaaleen wal daangeessu hammaachuun kaayyoo if danda'e kan qabu tahuun waan dagatamuu miti. Labsiin yeroo muddamaa bahuufi weerarri liyyuu poolisii Oromotti hammaachuun wayyaaneef galii if dandahe qabaachuu namni hin tilmaamne waan jiru natti hin fakkaatu. Mootummaan wayyaanee bakki inni duruma irraa ifirraa sodaatu guddaan naannoo horsiisee bulaan Oromoo jiru kana. Sababniis horsiisee bultoonni hidhannoo waan qaban qofaaf osoo hin taane humniti biraa isaan kana keessaan hulluuyxee na seenti ja'uus waan firraa shakka. Kanaaf liyyuu poolisii kanneen gama tokkoon waardiyaa godhachuu Oromiyatti bobbaasa. Gama kaaniin sabni wayyaaneen ifirraa shakkituufi sodaattu Oromoo waan taheef naannoo yeroo mara ifirraa shakkaa jiraatu tana qulqulleessuu madditti nagaya waaraa silaa kajeeltu san arkachuuf Oromoo lafa tanarraa buqqaasuu akka furmaataa godhatte.
Hanga achiin liyyuu poolisiifi federaalli Oromoo daangaa irraa buqqisan ammoo walakkaa Oromiyaa tan sababa master pilaaniin birxeen irraa kaate tana tuttuqee, rakkoo jirtu mul'isee akka nama furmaata itti laachuu deemuutti qalbii ummataa hatuu qofaaf kan fayyadamaa jiru tahuu isaa hubachuun dirqama. Akka waan Oromoon falmachuun haqa isiiti ja'ee murteessuu fakkeessee, rakkoo ummanni Oromoo duraan irraa iilkaa aadaa ture san hooysuudhaan akka sabni kun if dagatee rafu godhuudhaafi. Sabni kun rakko dhugaa qabaachuu gaafa tuttuqu ammoo keeysa keeysa ammoo akka hawaasni kun yoo haqa isaa dubbataniif akka if dagatu wayyaaneen qorannoo yeroo dheeraatiin sirritti bartee jiraachuus dagachuun hin barbaachisu. Madaa duraan ifumaaf fottooysaa turan san amma hooysanii raffisuu, san booda ammoo tarkaanfiin itti aantu abbaafi mala kaa.
Hundumaafuu garuu shururuu sobaa tan wayyaanee tana amanuun, gara OPDOtiiniis jijjiiramni Oromoon barbaadu ni dhufa ja'aanii abdachuun waan gur'uun gad guddatte qofaaf gaangee irraa dhala eeggachuu dha. OPDO'nis dhaloonni Oomoo kan ammaa kun akkuma dhaloota duraanii laaftumatti kan sobaman yoo sehan dhugumatti halusa garaa malee waa surriin keeysa hin jirtu jara. OPDO'n bakka lamatti fottoquu deemtuus imala injifannoo keenyaa kan qabsoo hadhooytuu bira geenye kana nu jalaa qancarsuu yoo taate malee bu'aa biraa suldii caphxuu takka Oromoo hin qabdu, Nyaanni harka namarraa fuudhaa wayyeeyfattullee nama hin quubsu. Harka wayyaaneetiifi opdo irraa waan takka hin eeggannu, eegganullee gatii takkallee hin qabdu. Hubadhaa! Yoo amma imala keenya jalqabne kana irraa kan meeynu tahe, yookaa ammoo jaratti kanarraa kan waa eeynu tahe gatiin keenya nama halkan shilingii bachiisee dungoo qarshii bitee barbaadu tahuu keenya akka tahe. shilingiin mul'attullee dungooniis dhume waan taheef gatiin wal hin baaftu.
Saphaloo Kadiir | Abdulbasit
Bitooteessa, 2017

Goolaba Gumii Hoggansa Oromoo 2ffaa

Goolaba Gumii Hoggansa Oromoo 2ffaa

                                                                                       
Akkuma hundi keenya dhageenyetti Gumiin Hoggansa Oromoo marsaan 2ffaa akkuma kana duraa haala miidhagaadhaan xumurameera. Gumiin kuni rakkoolee heddu keessa dabree akka as ga'e hundi keenyayyuu sirritti ni beekna. Haat'u garuu gufuuwwan sana hunda bira dabarree akka sabaatti walcinaa teenyee, waldhageeffannee, wal sirreeffannee, wal eebbisuu danda'uu keenyaan gammachuu guddaatu nutti dhagayama.
Labsii hoggansa gumii sanaa irraa akka hubannetti gumiin kuni haala milkaa'en xumurameera. Akka dhuunfaa koottis gumiin kuni haala barbaadamuun goolabamuu isaatiin gammachuun koo guddaadha. Keessattuu yaadolee haarawa; Dubartootafi Dargaggoo Oromoo cimsuu jedhan baay'en jaaladhe. Kuni Qabsoon Uummanni keenya gaggeessaa jiru har'a qofaaf osoo hin ta'in hamma yeroo dheeraatti kan milkaa'u akka ta'uuf gumaacha guddaa godha. Koonfaransiin Dargaggoota Oromoo Adduunyaa ofdura ni gaggeeffama jedhamee kaayyeffame Qeerron Oromoo daran akka gurmaa'ufi haala qindaawaa ta'een qabsoo akka tumsuuf hedduu fayyada jedheetin amana. Dhaloonni kaleessaas Qeerrowwan kanaaf haala waaltawaa ta'een muuxannoofi beekkumsa isaanii akka qoodaniif carraa guddaa ni ta'a. Gama biraatiin xiyyeffannaan Dubartoota Oromoo aangessuuf kenname daran akka cimaniifi waan amma irra jiraniin ol akka hojjataniif karra kan saaqudha.
Dhumarratti caasaan deeggarsa sabaaf godhamu kallattii qindaawaa tokkoon akka hoggananuuf ijaarame kan baay'ee nama gammachiisudha. Qisaasama maallaqaa, yeroo akkasumas deeggarsa biroo haala faffaca'oo ta'een sabaaf kennamaa turan kallattii tokkotti deebisuun komii Diyaaspooraan Oromoo yeroo dheeraadhaaf kaasaa ture kan furuudha jechuun ni danda'ama. Deeggarsi Uummata biyya alaa jiruun walitti qabamee uummata bira gahuu dadhabe bifa qindaa'en eddoo barbaadame akka ga'uuf faaydaa guddaa qaba.
Walumaagalatti gumiin akkanaa kuni uummata keenya daran akka walitti dhufu, akka wal dhageeffatuufi garaagarummaa yaadaa jidduu keenya jiru akka dhippatu gochuudhaan galmi sabaa akka galma gahuuf faaydaa guddaa qaba. Kanaafuu hundi keenyaa eddoo jirrutti kaayyoleefi wantoota lafa kaawwaman hunda gama dandeenyu hundaan haa tumsinu jechaa hamma barreeffama biraatiin walitti deebinutti nagaadhaan naaf turaan amaanaa kooti.
Naa Jiraadhaa!

Wednesday, March 15, 2017

Yaa'iin Hoggansa Oromoo akkam ture? Maalin gadi bahe?

Yaa'iin Hoggansa Oromoo akkam ture? Maalin gadi bahe?
                                                                                        ( jawar mohammed irra )
Gaafilee jedhaniin inbox kiyya guutaa turtan. Yaroodhaan akka isiniif hin deebifneef cabbiifi dirsaan naannawa Baha Ameerikaa haguugee qabe karoora imala keenyaa waan waliin dhaheefi. Haala yaa'ii sanii ibsa koreen qindeessituu baaseefi gabaasaalee miidiyaa irraa ni habattan jedheen abdadha. Gabaabaatti wanti ta'eefi murtaaye akkan armaan gadiiti.
Akeekni yaa'ii 2ffaa kanaa waan lama ture. Kan duraa murtiilee yaa'iin tokkoffaa kan Atlanta sun murteesse hojitti hiikkamuu isaa hordofuun murtii dhumaa kennuu. Kan lammataa ammoo ajandaalee haaramya mariif barbaachisan dhiheessun mariin fala itti barbaaduudha. Haaluma kanaan;
1) Yoo yaadattaan yaa'iin Atlanta Dokumantiilee bu'ura tokkummaa Oromoo ( declaration of Oromo Unity) fi Irbuu Oromoo ( Chartara Bilisummaa Oromoo) jedhaman irratti erga mari'atee booda koree ogeeyyotaa filate daran akka gabbisan ajajee ture. Koreen hayyootaa kun ji'oota afuriif erga bilcheessanii booda fidanii jila yaa'ii lammataatif dhiheessan. Jilli kunis galmeelee kanarratti erga mari'atee booda wantoota ammas fooyya'uu qaban eeruun, waliigalteen kun marii hawaasa baldhaatif akka dhihaatuufi hojitti akka hiikamuuf Komishinii Chaartara Oromoo itti dhaabee jira.
2) Yaa'iin Atlanta barbaachisummaa qindoomina diplomaasiin Oromootifi gargaarsi hawaasni biyyaa alaa godhu irratti baldhinaan erga mari'atee booda koree jaarmaya diplomaasiifi gargaarsaa dhaabdu ramaduun ni yaadatama. Koreen sun ji'oota afuriif qorannoo erga godhanii booda caasaa, tarsiimoofi adeemsa jaarmayoota saniif tahu qopheessuun jila yaa'ii lammataatif dhiheessan. Jilli kunis kurfii isaaf dhihaate erga madaalee booda, dhaabbata gargaarsaa HIRPHA International jedhamu ijaaree jira. Boordii bulchiinsaatis itti ramadee jira. Akkasumas jaarmaya diplomaasii Oromoo qorannoofi qindoonimaan gargaaru ODAAHA jedhamu dhaabuun boordii itti ramadee jira.
( Jaarmayoonni lamaan armaan olitti tuqaman kun yeroo dhihotti karooraafi tarsiimoo isaanii ummatatti dhiheessan jennee abdanna)
3) Yaa'iin Hoggansa Oromoo ajandaa haara "Qooda Dubartoota Oromoo" ilaallatu erga marii baldhaa godheen booda, Jaarmaya sadarkaa addunyaatti dubatoota Oromoo humneessuf propozaala qopheessitoonni agandaa kanaatin dhihaate irratti mari'atee raggaasisee jira. Jaarmaya jaararmuusfis jilli yaa'ii kanaatifi hawaasni baldhaan deeggarsa barbaachisaa akka laatuuf waliif galameera.
4) Haaluma walfakkaatuun "Qooda Dargaggoonni hawaasa Oromoo keessatti qaban" ajandaa jedhu irratti qorannoofi propozaala dhihaate irratti erga mari'aatee booda karoora Kora dargaggoota Oromoo ( Oromo Youth Leadership Conference) qopheessuuf, akkasumas Waldaa Daragaggoo Oromoo Addunyaa daran jabeessuuf dhihaate raggaasisuun tumsa barbaachisaa hunda gochuuf waadaa galee jira.
5) Guyyaa dhumaa fuulduree Yaa'ii Hoggansa Oromoo irratti yaanni baldhaan mana keessaa ka'ee irratti mari'atamee ture. Yaadota ka'an keessaa yaa'iin akkanaa waggatti yeroo muraasaaf magaalota fagoo keessatti godhamuun dabalatee sadarkaa hawaasaatti akka godhamuu qabu akeekamee jira. Yaa'ii sadaffaa irratti ajandaalee adda dureen dhihaachuu qaban keessaa dhimmi waraana jaaruu akka tahus eeranii jiran.
Waliigalatti wannin yaa'ii kanarraa hubadhe, bilchinni ( maturity) nama keenyaa daran cimaa dhufuu isaati. Dhimmaa falmisiisaa kamirrattuu hulaa cufatee wal waqaree ejjannoo tokkofi murtii walootin bahuu akka danda'u ifatti muldhatee jira. Kana jechuun hoggansi siyaasaa, hawaasaa, diinaggee, amantiifi sivikii Oromoo saba bilisoomsuu qofaaf osoo hin taane biyya ijaaruufis qaamaa qalbiin qophaayuu isaat agarsiisa.

Monday, March 13, 2017

Jawar Mohammed Ilma Oromoo ta'ee qawwee takka malee diina Oromoo nafxanyootaaf woyyaanees hirriba dhoowwuun qofti ummata Oromoo hunda boonsa

Jawar Mohammed Ilma Oromoo ta'ee qawwee takka malee diina Oromoo nafxanyootaaf woyyaanees hirriba dhoowwuun qofti ummata Oromoo hunda boonsa

                                                                                     ( Bekna Rabira irra )
Jawar Mohammed Ilma Oromoo ta'ee qawwee takka malee diina Oromoo nafxanyootaaf woyyaanees hirriba dhoowwuun qofti ummata Oromoo hunda boonsa. Jabaadhu yaa Leenca Oromoo . Gadaaf ummatni Oromoos daangaa hanga daangatti harkaa si qaba. Siif fakkaatotni kee Daandiin hayyootaaf humna barate gola Oromiyaa hunda irraa walitti qabdanii deemaa jirtan bilisummatti nu haa geessu. Sabni biyya keessaaf alaaniis gurra gadi qabee waan guddaa sirraa eegaa jira. Amma yeroo kan humna barateef kan dhaloota qubeeti.
Eeyyen hogganootni jaarmiyaalee siyaasaa walitti hin dhufan taanaan, Oromoon isaan qofa hin qabu.
👉 yoo gootota ta'es Oromoon kan harka duwwaa diina hanga funyaanitti hidhate ajjeesaaf dura dhaabbataa jiran kumaatamaan qaba.
👉 yoo humna barateef hayyoota ta'es kumaatamaan qabna
👉 yoo qabeenya ta'es ummatni Oromoo hogganaa Kutataa lolee lolchiisu, hidhatee hidhachiisu, kan bilisummaa ummataa dursu qabaatnaan, qabeenya qawwee mitii taankii ittiin bitee lolchiisu qaba.
Kanaaf hogganootni jaarmiyaalee Oromoo yoo dhugaan ummataaf qabsaawaa jiran ta'e, gandaaf kutaan wal qooduu, aangoof faayiidaa dhuunfaaf saba gabrummaa jalattu tiksuu, maqaa jaarmayootaa akka suuqii(dukkaana) dhuunfatti itti fayyadamuu dhiisanii Mooraa qabsoo Oromoo tokko taasisuu, hoggansa dhaloota qubeen bakka buusuu qabu. Ta'uu baatnaanis Oromoon filannoo hedduu qaba. Ofumaa yeroo Ummatni Oromoo kabajaan tokko ta'aa jedhee Isin kadhatu diddanii Seenaa boonsaa dalagdanitti dhoqqee hin Laaqinaa.

Friday, March 10, 2017

Gaaffiin Mirga Wabii Dr Mararaan Dhiyeessan Fudhatama Hin Argatin Hafe.

Gaaffiin Mirga Wabii Dr Mararaan Dhiyeessan Fudhatama Hin Argatin Hafe.

                                                                                     (Nagessa Oddo Dube )
Doktar Mararaan mirgi wabii mirga heera
mootummaan laatame waan ta’ee fi ragaa qabatamaa malees waanan hidhameef
mirgi wabii naaf yaa kabajamuun gaafatanii
turan.
Abbaan Alangaa "himatamaan yakki ittiin shakkaman heera biyyattii humnaan diiguun waan ta’eef, wabiidhan yoo ba’an
ragaalee dhoksuu waan danda’anii fi biyyaayis
ba’uu waan malaniif mirgi wabii isaan gaafatan
eeyyamamuu hin qabu" jedheera.
Manni Murtii Federaalaa dhaddachi 19ffaa Lidataa gama lachuu erga dhaggeeffateen booda "shakkamaan himannaa isaanitrratti banameen adabbiin hidhaa waggaa 15 olii, umrii guutuu yookin du’aan waan adabsiisuu dandeessisuuf mirgi wabii isaaniif eeyyamamuu hin qabu" jechuun murtee laatera.
"Himannaan keeyyata seeraa isaan ittiin himataman adabbii hanga du’aa
murteessisuu waan danda’uufi gaaffii mirga
wabii isaanii hin fudhatamu" jechuu dhaan manni murtii kijibaa jala- murtii dabarse baayyee nama gaddisiisa. #NoRuleofLaw #Ethiopia
Himannaa guutuusaa dhaggeeffachuufis Ebla 16, 2009f beellama jijjiirramaa qabeera.
#FreeMerera #FreeGerba #OromoRevolution

Friday, March 3, 2017

Jaarraa Abbaa Gadaa bu’ureessitota qabsoo Oromoo kanneen tarree duraarratti maqaan ka’u keessaa tokko. Jaarraan maalif qabsoo hidhannotitti ciche?

Jaarraa Abbaa Gadaa bu’ureessitota qabsoo Oromoo kanneen tarree duraarratti maqaan ka’u keessaa tokko. Jaarraan maalif qabsoo hidhannotitti ciche?


                                                                                                   ( Jawar Mohammed )
Jaarraan maalif qabsoo hidhannotitti ciche?
( Barruu yaadannoo Jaarraa Abbaa Gadaa tan Waxabajjii 11, 2013 magaalaa Atlanta irratti dhihaatte)
Jaarraa Abbaa Gadaa bu’ureessitota qabsoo Oromoo kanneen tarree duraarratti maqaan ka’u keessaa tokko. Gumaachi addaa Jaarraan qabsoo tanaaf godhe maali yoo jenne amna Waraana Bilisummaa Oromoo jaaruu keessatti carraaqqii godhamteefi milkii argamteef shoora duraa tapahcuu isaati. Roorroo saba isaatirra gahuuf joollumamaan laalachuun qabsaa’ota barbaadee dirree falmaa Baaleetitti makamee, lolee lolchiise. Barbaachisummaa meshaafi leenjii lolaa kan ammayyaa hubachuun gargaarsa barbaacha gama Somaaliyaa, boodas Galaana Diimaa cehee Adan dhaqe. Akeekni Qeeyroo Ganamaatiin qabsoo hidhannoo eegaluu milkaayuu dhabdus, hidhaan waggaa shanii muranno inni diina Oromoo qabsoo hidhannootin cabsuuf qabu hin laafiifne. Bara 1976, yeroo haalli Warraaysaa biyyattii haguugee hamilee qabsoo hidhannoof jirtu laamshesse sanitti, sirni jiruu hiddaan buqqa’u malee Oromoof furmaanni hin jiru jechuun, qawwee lameen Elemoo Qilxuu fa’arraa hafte baasee daggalatti gale;WBOs humnaafi caasaanis ijaarutti seene. Erga gaafa dura Asabootitti Minishir bitateetii hamma gaafa du’uutitti dawaan cunqursaa qawwee ta’uu nama amanaa turee, sabaa isaatinis hidhadhaa jedhee osoo waywaatuu jiraate.
Barruu tana keessatti sababoonni Jaarraan barbaachisummaa qabsoo hidhannoo aakka fardeeyfatu goadhan maal fa’a akka ta’an xiinxaluuf yaala. Akka hubannaa kiyyaatti wantoota afurtu ilaalcha Jaarraan qabsoo hidhannootiif qabu qare. Tokko seenaa warraa isaatiifi kan Oromoo naannawa sanii tan inni joolummaa dhagayaa guddate. Kan lammataa, hariiroo Oromoofi nafxanyoota jidduu tan inni joollumaa arke. Kan sadaffaa araga dhageettii gocha gootummaa ‘shiftoonni’ Oromo kan Habiibifi Hamidoo faa Oromoo nafxanyaarraan gaya turaniiti. Kan afraffaa hirmaannaa lola Baalee keessatti godhe. Armaan gaditti sababoota kana takka takkaan gabaabsinee haa laallu.
Seenaa abbootii
Jaarraan nama warra akkanaatirraayin dhaladhe jedhee maqaan of dhaadu hin turre. Kanaafuu hamma dhihoo kanaatitti waa’ee warra isaa, wanni beeynu xiqqaa ture. Kanarraa kan ka’e seenaan inni abbootii isaatirraa dhaale ilaalcha isaatirratti dhibbaa isin qabdu hedduu hin xiinxalamne. Dubbii tanaaf fooddaa kan nuuf bane barruuleefi haasaya Jaafar Aliitifi Abdurashid Abdurahmaan nuuf dhiheessani. Abdurashiid seenaa abbootii Jaarraa gabaabsee akkanatti kaaye
�“Walakkaa bara 1876, gaafa Ibroo Shaxaa, akaakayyuun [ abaabayyuun] Jaarraa Abbaa Gadaa, lola Cirrachaatti waraana Misraa kan Ra’uuf Baashaa tiin hoogganamuun odoo loluu wareegame, ilmi isaa, Haamid, dardara ture. Lola Calanqoo booda, bara 1889 keessa, gaafa Minilik, summii buna keessatti naqeen, Haamid Ibroo galaafatu, ilmi isaa, Ibraahim, joolle. San booda, bara 1936 keessa, gaafa Ibraahim Haamid, nafxanyoota hawaasa Baha Oromiyaa sirna gabrummaa hoonga hin-qabneen araraasaa bahan, adamuun, hijaa irraa bahaa ture, ilmi isaa, Abdukariim hoggaas dhalata.”
Kanarraa wanni salphatti hubannu abaaboo, kaakoofi abbaan Jaarraa weerara dhuma bardhibbee 19ffaatifi jalqaba bardhibbee 20ffaa keessa Oromoo mudatan, kan boodas alagaa jalatti isa oggolchiisan keessatti warra suduudaan hirmaataa ture ta’uudha. Akkuma kaa’imman kamuutuu seenaa warra isaa kana dagaayaa guddachuu akka malu tilmaanmna. Kanaf ragaa kan nuuf ta’u waa’ee qabsoo Oromoo yoo haasayu Jaarraan yeroo hedduu seenaa abbootiin isaa keessa dabran akka fakkeenyaatti dhiheessa. Seenaa abaaboo isaa Ibroo Shaqaatifi akaakoo isaa Ibraahim Haamid irraa garaagarummaa qawweee qaachuufi dhabuu, akkasumas sadarkaan ammayyummaan qawweefi jaarmayni waraanaa lola keessatti qabdu waan hubate natti fakkata.
Osoo warraani Masrii kan Ra’uuf Paashaa Oromiyaa bahaatin hin bayin dura Oromoonni naannawa sanii heeraafi seera sirna Gadaatin walbulchaa, loltuu ofii Raabaa Dooriin jaaruun daangaa biyya isaanii ittifataa turan. Weerara olloonni isaanii itti bananis ofirraa qoluun, of kabajiisanii, ormanis hanga walbeekanii kabajaan waliin bulaa turan. Waranni Masrii kan Ingilizootaan meeshaa ammayyaa qeensaa hanga rifeensaa hidhate diina Raabaa Doooriin takkaahuu hin argini. Akkasiinuu Murti Guuto gootummaa onneen guutamteefi tokkummaa sirna Gadaatiin taligamteen eeboo, mancaa, wanteefi xiyyaa isaatin dura dhaabbate. Waraanni Ra’uuf rasaasa ammayyaa itti robsee qaawwa xiqqoo takka banatee magaalaa Adaree Biyyoo qabatus, waggaa kudhaniif dallaya keessaa bahuu kutanii, kaayoo biyyaa Oromoo kolonii Ingilizii jalatti galchuu hoongessanii, injifannoo goonfachuun biyya ofiitii baasan.
Haa ta’uu ammo lolli Masri waliin godhame kun injifannoodhaan goolabamus, akka Professor Mohammed Haasaniifi Jilchaa Hamid katabanitti, humna waraanaa Oromoo akka maleedha laafffise. Tokkoffaa, qondaalonni Raabaa Doorii heeduun, Ibroo Shaqaa dabalatee, ni wareegaman. Lammaffaa, lola dheeraa kanarraa kan ka’een ka’een cibirraaleen faradoo (cavalry) beelladaaleen rasaasa, beelaafi dhukkubaan dhumuu isaatin guututti diigame. Sadaffaa lolli dheeraan kun leeccalloo ummataa dhiiga xuuxuun humna diinaggee biyyaa laaffise.
Osoo Oromoon daadarkaa tanarraa reefu dandamachaa jirtu , weerarri diina haarayni, Masri baatee waggaa sadihiitti, bara 1887, calanqoon as bahe. Warraanni Minilik kan Oromoo naannawa biraa cabsee injifannoon machaawee, diinaggeen of gabbise qawwee ammayyaa shammadatee, ogeessota waraanaa faranjiitin tarsiimoo baafatee Murti Guutotti lola bane. Gaafa Oromiyaa Bahaa weeraru waraanni Minilik qawwee….. qaba. Oromoon qawwee dullatti dhibba hin geenye kan Paashaarraa buufatan, sanuu ta rasaasni waa xiqqasho keessa jiruun dura dhaabbatan. Muraasni fardaa waan laamshayeef mancaa, eeboofi wantee isaa qabateeti lafoo dura dhaabbachuuf dirqame. Akkasumaanuu waraanni Murti Guutoo, humna waraan Minilik kan lafoo( infantry) qaawwedhaan caalamanis gootummaadhaan bobbaa hedduu ofirra faccisuu danda’anii turan. Booda garuu madaafa tabba fagoo, eeboofi mancaan hin dhaqqabne dhaabaniin duubbee Raabaa Dooriin loltuu irraa bobbasuufi madoo itti wal’aanatu ibidda itti roobsan. Bifa saniin qawween sodaattuun hidhatte mancaa gootaa moohattee, nafxanyaan akkuma Oromiyaa biro dachii Humbannatis qabate. Qondaalota Raabaa Doorii kanneen gaafa Calanqoo Calii baraaran, kanneen akka Hamid Ibroo ( akaakoo Jaarraa) kopha qophatti galaafatanii ummata hoggana silaa bakka caphanii isaan kaasu dhabsiisan.
Gaaga’amni weerarri Masriitif kan Minilik Oromootarraan gahee biyya teenya qofatti osoo hin taane addunya guututti gaafani injifannoon lolaa gootummaa loltootaatifi fi qaruuxummaa tarsiimootiin walcaaluun murtaawu sun akka dabarte dhawwaaqe. Fakkeenyaaf lola waraana Sudan kan Darbuush jedhamuuf, kan Abdullaa Al-Taashitin hogganamuufi waraana Ingilizi jiddutti, bara 1898, dirree lolaa Umdurmaanitti godhamerratti waanuma Calanqotti ta’etu raawwatame. Winston Charchil, kan booda muumicha ministeera Ingiliz ta’ee, warrana san keessatti akka loltuufi gabaafutti hirmaate, gama isaa jajuun akka gabaasetti lolli gaafasii keessatti warraana Darbuush 52,000 ta’utu kan Inglizi 8,200 moo’ame. Iccitiin injifannoo tanaa garuu akkana. Warri Suudan qawwee dullattii takka nyaatteefi meshaa harkan kanuma akka Oromoon qabuu saniin itti baye. Warri Ingiliiz ammo madaafa ammayaa gurguddaa, qawwee otomaatikaa, akkasumas loltuu uffata raasaasafi eeboon laafutti hin dirre ( body armour) uffateen dhihaate. Yeroo lolli ganama subii banamu, osoo lultuun Suudan meetira 2750 bira as hin dhihaatin muraasni madfii (artillery brigade) kurkurruu ibiddaa itti gadi roobse. Qawwee warri Suudan hidhatee keessaa kan akkam jabduu rubuu fageenya kanaa deemuu hin dandesssu ture. Waraanni Darbuush gootummadhaan reeffarra waltarkaanfataa mukatti dahataa ori’us osoo meetira 50 wuu dahoo Ingilizitti hin dhihaatin dhukkaawan. Lola sa’aa jaha qofa ture kana keessatti, Darbushoota nama 10,000 du’aan, 13,00 modoon, kuun ammo qabamuun moo’amuu mudatan. Gama Ingilizii garuu nama 47 qofatu du’e, madoon 382 ture. Darbushoonni Suudaan, akkuma Raabaa Doorii Oromoo, guutummaafi tarsiimoo lolaatiin diina caalanis, qawwee ammayyaatin moo’amanii bitta alagaatiin oggoluuf dirqaman.
Akka xiinxala kiyyaatti Jaarraan abba isaatifi manguddoota naannawaatirraa seenaa gootummaa Murti Guutoo dhagayaa guddachuun, murni akkasitti gootaa akkamiin alagaaf jilbiiffate gafin jedhu waan mataa keessatti uumame natti fakkata. Seenaa abaaboofi akaakoo isaatti dabaltee kanummaan abbaa isaatuu yaada kana cimsuu mala. Abbaan isaa Ibraahim Haamid, nama hayyummaa isaatitti fayyadamuuf mootummaan Haylasilassee ofitti dhiheessee aangoo keennef ture. Garuu beekkomsi isaa safarmaee hin dhumne suniifi aangoon alagaan kenniteef hamma fedhees laalatu roorroo ummata isaatirraa gayaa ture irraa ittiisuuf isa hin dandeessifne ture. Kanaaf ammo deebiin isii; luynaafi jegna onneen , hayyuufi harsama sammuun adda bahuun hafee, qawween luyna jegnoomsitee, doofaa mootii godhuu waan hubate fakkata.Kanaaf Oromoon deebi’ee mirgaafi kabajaa isaa goonfachuuf falli kophaa ‘ibidda alagaan itti nu gubu san nutis horachuudha’ yaanni jedhu ganamumaan sammuu isaa keessatti habaqaalte. Kanaafuu hubannoon seenaa sababoota Jaarraan qabsoo hidhannootti umrii isaa guutuu cicheef keessaa tokko jechuuf kan nu dandeessisu raga jabaadha.
Fakkeenyummaa Finciltoota Oromoo
Erga humna qawwee ammayyaattin caalamee alagaa jalatti buluuf dirqamee boodas Oromoon gandaantummaa fudhatee roorroof jilbeeffatee akka hin jiraatin ragaan hedduu. Bakka takka takkatti hogganoonni hawaasaa hambalaa sirna Gadaatifi tan Raabaa Doorititti fayyadamuun ummatan gurmeessanii finciluun yeroo gabaabafis taatu nafxanyaa offiraa buqqaasu yaalaa turan. Bakka biraatti ammo matayyoonni Oromoo cunqursaan itti hammaate mataa bowwaafachiise, finciluun gaaratti galanii ‘shiftaa’ ta’an. Oromoota bifa kanaan fincilanii maqaa horatan keessaa Salaaletti kan akka Hagarii Tulluuti, Muluu Wasanuutifi Asaffaa Shaaroo Lammii, Arbaa Guugutti Tuntunaa fa’a tuquun ni dandaya. Baha Oromiyaatti ammoo Hamidoo fi Habiib----------- namoota fincilli isaanii hidda nafxanyaa raase keessaa warra hangafaati. Jarri kun maqaa ‘shiftaa’ jedhuun haa beekkaman malee, shiftoota Habashaatirraa adda akka ta’an hubachuu feesisa. Shiftoonni Habashaa sabani gaaratti galaniif ummata saamuu dalagaa godhachuufi. Seenaa ‘shiftoota’ Oromoo bebbeekkamoo ta’n yoo qorannu ammoo, wanni manaa isaan baase roorroo nafxanyoonni irraan gayan ifachuudhaan akka fincilan agarra. Hedduun isaanii nafxanyoota biyya bulchan ajjeesuudhaan qawwee irraa fudhatanii gaaratti galan. Kan saamanis nafxanyoota midhaan ummataa fe’an malee ummata nagayaatii miti. Fakkeenyaaf waan Haamido fincilsiise Abdurashiid kitaaba ‘Raammisoo’ keessatti bifa armaan gadiitiin kaaye:
�“Haalli Haamidoo fincilaan gaye roorroo nafxanyaan Weeyzaro kaasaye ja’amtu, obboleessa isaatirraan geesse. Gaafa tokko sababa saffarrii irbootiin itti dallantee, qaallitti obboleessa irra guddaa Dashoo Ibroo, xilaan garaftu Haamidoon arke. Intalti dhalaa ilma dhiiraa tokko warra isaa duratti harka itti laachuun onneen Hamidoo fudhachuu didde. Coraan suukannaawe. Golcha qaallitti tuffii tuffii olitti fudhate. “haalli kun narra numa hin geenye” ifiin je’ee bara 1942 keessa umrii diiydamii shaniitti, Albeen “caphaa tokkoon gara gaara seene. Odoo hin bubbulin , Xuullo keessa idoo Khadee Ashee ja’amutti nafxanyaa ganda hiraarsu tokko galaafateItti aanse, Aanaa Masalaa, naanno laga Xuuxxootti kan biraa tokko dhabamsiise. Oduun warra gatamanii, nafxanyoota baadiyyaa keessa aka fedhan sossohan dallansiifte. Kanaaf, isaaniifi askaroonni gaaraafi dakhatti barbaaduu jalqaban. Gaafa kaan , haamidoofi waraanni isa barbaadaa deddeemu, Eeldhaaye gam agama dhihaa, irkata Boortee Dhuuggootii ol, iddoo qalaya jedhamutti wal afaan dufan. Haamidoon, Shaalaqaa waraana if duuba tarrisee boonaa dura deemu halaalaa adda keessa dhawee gaangeerraa lafatti darbe. Qaallichi lafa dhooynaan waraanni isaa dheefa dhukkee kaasan. Mootummaan haala ashkaroota isii mudate, raadiyootti ibsullee baattu, gurra ummataa seenuu dhoorkuu hin dandeenye. Ummanni gama isaanitiin
“Haamidoo Ibroo dhaa leenca haati deeyse
Mataa malee hin dhawuu mangistiin dhageeyse”
Tarkaanfilee gootummaa Haamidoo tun nafxanyoota dhiiga ummataa bahaa-gala dhoorkuu, Oromoota ammoo ni onnachiisuun gara gaaraa qaceelchee,
“…cifroonni isaa yeroo gabaabaa keessatti dhibba caalan. Kun nafxanyaa gibira guurtu bira dabree mootummaa guddittiihuu baarayse . Haala kanaan “Ilmi Ibroo Haamidoon, waggaa diigdamii afuriif mootummaa Habashaaa-tti lubbuu guraaraa bahee , bara 1966 keessa, seenaa dhaloonni naannoo sanii ittin boonuu qaban dhiisee, umrii 49tti kute. Seenaan Haamidoo, haawsni keenya yoo akka isaatti ifirratti lolan bulchiinsa Habashaa jalaa walaboomuuf yaroo dheertuu akka irraa hin fuune buhachiise,” ( Raamiso, f xxx)
Jedha Abdurashiid seenaa Haamidoo bifa gabaabduun dhiheesse yoo goolabu.
Oromoota dalagaa Hamidoo tanarraa waa hubatanii, booda faana isaa dhahanii qabsoo bilisummaa saba Oromoo hidda gadi dhaaban keessaa tokko Jaarraa Abbaa Gadaati. Gaafa Haamidoon gaaratti galu Jaarraan daa’ima waggaa jahaati, gaafa inni wareegamu ammo, dargaggeessa waggaa soddomaati. Kanaafuu umurii sammuun isaa waa qabattu ( formative years) keessatti Jaarraan dalagaa guutummaa Haamidoo dhagayaatifi argaati guddate. Hojii finciltoota akka Haamidootirraa, hubannoolee ilaalchaafi tarkaanfilee booda fudhateef bu’ara ta’an jajjaboo gaafas horate jechuun ni danda’ama.
Hubannoon duraa, garaagarummaa nama qawwee qabuutifi hin qabne jidduu jirtu. Namni qawwee qabuufi itti fayyadamee alagaa rukute, mirga ifiitifi kan fira isaa kabachiisuu akka dandayu. Kan lammataa ammoo namnummaan tokko onnatee qawweedhaan fincillaan nafxanyoota ol’aantummaa argatanii oftuulani waaqaan if qixxeessan akka weerarsuufi sirna mootummaa isaani ‘waaqarraa kennameef’ san akka daddaaysuu dandahu. Akkasumas namni qawween diina hangas raase, ummata isaa kan hamileen cabdee, jiruun laamshoytee, gabrummaa qaama godhate yeroma gabaabdutti akka dammaysituufi onnee itti hortu hubate.
Hubannoon Jaarraan seenaa finciltoota Oromootirraa joollummaa qomatti qabatee kun muuxannoo sirna nafaxanyaa keessatti matuma isaatiifu isa mudataniin daran jajjabaatan. Seenaa Jaarraa kan caalatti beekamu kanuma warraaysaa keessaati. Haa ta’aa ammo Jaarraan Abbaa Gadaa akkuma Oromoota hedduu, osoo warraaysatti hin seeninin dura mootummaa jirtu keessaan dantaafi mirga saba isaa kabachiisuu yaalee ture. Manguddoon biyyaa paarlaamaa Itoophiyaatti filamee akka dantaa isaanii mootummaa biratti eegsisuuf itti waywaannaan, nama nafaxanyaa tokkoon waliin dorgome. Garuu ummanni buqqa’ee Jaarraa filuus, sagaleen isaanii bakki buuta dhabamee namichi kuun moohate jedhanii deebisanii irratti shuuman. Kanarraa Jaarraan, filannon mootummaa sanii tan dharaatifi dantaa nafxanyoota ummataa xuuxaa jiraatanii ‘halaal’ (legitimize) fakkeessanii tursuu tan godhamtu ta’uu hubate. Namni haqaan ummata isaatif falmuu barbaadu filamuu akka hin dandeenyeefi ummanniis hamma fedhe bahee yoo filate nama ifii barbaadan bakka buufachuu akka hin dandeenye raga harkatti qabate.
Muuxannon dhumaa tan Jaarraa qabsoo hidhannootif garaa murachiifte yaalii haqa intala Oromoo takkaa gara mana murtiitin argamsiisuuf godhe. Mudannoo ilma jireenya Jaarraatiifi seenaa Oromoo jijjiiruuf teeysu tana Abdurashiid bifa armaan gadiitiin kaaye.
“…Guyyaa tokko , niitii jaarsi mana hidhaa Asaboot keessatti irraa ajjeefame , tan hulaa foolis xaabiyaa duraa boochu takkaan walitti dhufe. Kan warri arkan marti bira kutan, Jaarraan, nahuufii bira dabree, akkuma amala isaatti, gargaarutti seene. Tattaafanni niitii bira dhaabbachuu kun Jaarraafi ajajaa foolis xaabiyaa, Shaambala, tooyanna isaa jalatti namichi du’e, wal afaan buuse. Jaarraan dhiiga namichaa baasuuf Shaambalticha mana heeraatiif dhiheeysuu murteeffate. Haa ta’uu malee , Jaarraan Adareefi Asaboot jidduu deddeebi’ee, Amaarticharraa wahuu siiysuu dadhabe. Waraqaa yaamicha mana heeraa tan Adaree itti fidu , Shaambaltichi, ija isaa duratti cicciruu bira dabree “ aante Gaallaa aselechihaallehu” ( yaa Gaallicha siin hifachiisa) jechuuniin heeraa ol tahuu isaa irra deddeebi’ee mirkaneesseef. Gama biraatiinis , doginyoota haala kanarratti gargaarsa gaafatu keessaa, “dubbii tana yoo dhiifte irra siif wayya,” warra ja’uun malee kan tin’isa laatuuf dhabe. Ijibbaanni Shaambalticha mana heeraa dhiheessuuf godhu , guyyuma guyyaan Jaarraa rakkaa dhufe. Dubbii if dura dhiibuu dadhabuun , guyyaa bira taree, halkan hiiriba isa dhoorke. Kana keessa seenaan Haamidoofi Habiib sammuu boo jihan.”
Muuxannoon tun yaada Jaarraan joollummaarraa kaasee mataa keessatti bilcheessaa turte gadi jabeessiteef. Kunis warri qawween angorratti bahe hanga fedhees ummanni jibbu, akka tolaan sireerraa gadi bu’eef hin teenya daran ifatti baateef. Sirna qawween jaaramee, qawween ittifamaa jiru kun qawwumaan diigamu malee mirgaafi dantaan sabaa akka walarkuuf hin teenye mamii takkalee garatti hin hambifne. Gaafasii kaasee Jaarraan sirna san qabsoo hidhannootin hiddaan buqqisuuf tarkaanfii fudhate.
Lola Baaletitti Hirmaachuu
Wanni Jaarraan finciltoota akka Haamidootirraa hubate bu’aa isii qofa osoo hin taane hanquu isiitisi. Finncilli matayyoonni hiraar jalaa bahuuf kophaatti yookin nama muraasaan godhan nafxanyoota naannawa sanii hagbsee mootummaa san shoorarkeessus, sirna cunqursaa hiddaan buqqaasee ummata bilisummaa goonfachiisuuf akka hin dandeenye arge. Walsimannaan qawweefi gootaa jijjirama waaraa fiduu kan danda’u yoo ummata gurmeessee fincila waloo geggeesse yaanni jedhu mataa seenuun tarkaanfi kanatti aansee fudhaterraa hubachuu dandeenna. Kunis qawwee bitate qabatee kophatti gaaratti galurra, ilmaan Oromoo bifa gurmaayeen fincila geggeessaa jiran iyyaafatee gara Baalee qajeele. Gaafa Oromoon malkaa xiqqaa gamattuu walwallaalchisame san keessatti, gosaafi naannawa isaa keessaa bayee, Waabe gamatti, warra loqonni isaanituu qaceellotti hin galleef waliin wareegaaf of qopheessuun isaa barbaachisummaa qabsoo hidhannoo bifa gormoofteen godhamtuu hangam takka hubate ragaadha.
Lola Baalee keessatti hirmaachuun kun ammo hubannoo biroo kenneefi. Kunis akka nam tokkouutti fincilaa gaaratti galurra ummata dammaysanii loluun wayyus, leenjii waraanaa ammayyaatiifi caasaa sirna qabuun jaaruumuu baannan bakka yaadamu gahuu akka hin dandeenyee arguu isaati. Fnficilli Baalee ummataa guutuu sochoosee, nafxanooya dachirraa buqqasee nnaannawa san dhuunfatuus, jaarmaya waraanaafi ititaafi tarsiimoo ammayyaa dhabuurraan kan ka’ee sadarkaa sirna mootummaa san fonqolchuu danda’urra ga’uu hin dandeenye. Kanaaf, Jaarraan waraana bifa ammayyaatiin leeji’eefi caasaa turuu danda’u ( sustainable) injaaruuf gara Adan qajeele. Akkuma yaadettis qabsaa’ota akka isaa walitti qabuun, Qeeyroo Ganamaa, nama 41 of keessaa qabdu, kan leenjii gahaan qaramteefi bifa ammaatiin jalaa-olitti jaaramteen Oromiyaatti as qajeele. Mootummaa Soomalee harka bu’uun akeekni Qeeyroo Ganamaa akka yaadametti fiixa bahuu baatus, erga hidhaa waggaa shaniitii bayee booda, hubannoo seenaa abbootii isaa , shiftoota Oromoofi fincila Baaletirraa argate osoo hin dagatin, bara 1976tti Waraana Bilisummaa Oromoo gadi dhaabuu danda’e.
Goolabbii
Barruu tana keessatti mooyxannoon Jaarraan joollummaadhaan keessa dabre qabsoo hidhannoo Oromoo jaaruuffi boodas itti cichuuf akka murteessaa tahan agarsiisuun yaalameeti jira. Jaarraadhaaf Oromoon kan caphee qawween caalameeti, kan oggolee jiraateefis qawwee dhabaafi, kanaa furmaanni qawwee barbaaddatanii, diina ibiddaan namatti roorrisu ibiddaan dura dhaabbachuudha. Mooyxannoon tun kutannoo bara dukkanaa tan abdiin bilisummaa hin jirre san keessatti ifitti abdannaadhaan qabsoo hidhannoo akka eegalu kan dandeessifte yoo ta’u, waldhibdee booda isaafi jaallan qabsoo biro waliin uumamteefis hanga tokko saba jedheetin yaada.
Sabboontonni qabsoo Oromoo bu’eerressan akeeka Oromoo sirna cunqursaa calaa baasurratti waliif galtee qabaajaa turan. Ta’us, tarsiimoo, tooftaafi bifa jaaramayaa akkamiitin akeeka kana galmaan gayuuf irra fayyada kan jedhurratti ilaalcha adda addaa akka qabaataa turan beekkamaadha. Wantoota garaagarummaa kana uuman keessaa tokko akkaataa namoonni kun itti dammaqanii qabsoo Oromootif ka’ani jedheen yaada. Akkaataa bu’ureessitoonni kun itti dammaqan, dimshaashumatti, bakka lamatti qooduu dandeenya. Gareen tokko warra jiruma ofii keessatti roorroo mataa isaa yookin saba isaatirraa geessen dallanee kan ka’e yoo ta’u, kan lammataa, akkaataa Oromoon bittaa alagaa jalatti itti kufeefi waan irra gahe, akkasumas siyaasaa addunya, manneen barnootaa keessattifi kitaabotarraa waan dubbisaniifi dhagayan irraa kan dammaqani. Akkaataan sabboontonni kun qabsoo itti seenan kun qabsoo bilisummaa Oromoo ijaaruu keessati maaltu dursuu qaba (priority) waan jedhurratti yaada ilaalcha gargaraa akka qabaatan godhe.
Warri mana barnootaatitti dammaqe yaada ( ideology) bilcheessuuf dursa kenna. Tartiibni qabsoo jabduu jaaruuf dandeessisu dura barnootaan dammaquu, itti aansee gurmutti jaaramuu, dhumarra ammo hidhachuudha. Akka ilaalcha kanaatti sababni guddaan Oromoon cunrsaa jala jiruuf wallaala. Sabi diinaafi fira addaan hin beeyne, wal hin beeku, kanaaf waliin qabsaa’uu hin danda’u. Yoo mirgaafi dirqama isaa addaan hin baafanne, mirgaa isaatiif hin dhabbatu, dirqama isaatis hin bayu. Kanaaf saba tokko cunqufama jalaa baasuuf seenaa isaa, haala jireenya isaa, diina isaa, barbaachisummaa qabsootif tarsiimoo qabsoo barsiisuun dirqama. Namni akkanaan dammaqe jaaruufis laaftuudha, hidhatus bu’aa buusa. Namni hin dammaqin hidhatus bu’aa hin buusu yaada jedhu qaban. Kanaafu qabsoo hidhannoo labsuu dura, qabsoo siyaasaatitu barbaachisa jedhan.
Warri, mooyaxannoma ofiitirraa dammaqe qabsoo eegale yaada ummata dammaqsuufi jaaruu kana jibbu baatanis, akkaataa qabsoon itti eegaluufi guddachuu qabdurratti ilaalcha biraa qaban. Mooyxannoo isaanii keessatti wanni argan maddi humnaa guddaan qawweedha.
��Jaarraan warra mooyxannoo mataa ofiitin dammaqee qabsotti dabalame keessaa tokko yoo ta'u, ilaalcha dammaquu, jaaramuu, hidhachuu jedhu kana jibbuu baatus, hidhachuudhatanii falmuuf haal duree kaayuun hin barbaachisu nam jedhu ture. Inumaatu, akka ilaalcha isaatti, dammaqiinsifi jaaramuun yoo hidhannoon jiraate saffisaan galma gayuu danda'an. Sababni isaatis wanni ummata tokko akka cunqorfame usu taasisaa sodaafi abdi kutannaa humnaan caalamuuti. Ummanni onneen keessatti duutee abdii kutate hanga fedheewuu itti lallaabaa oolan kan keessaa dammaqu nama muraasa. Hangi xiqqaan kunis wallaalarraa osoo hin taane qawwee dhabarraayi osoo keessi gubatuu diinaaf oggolamee taa'a. Irra jireessi yoomiyyuu humna bilisummaa horannuun hin arkannu jedhee waan amanuuf wanni gorsan gurra tokkoon seenee kaaniin yaa'a. Kanaafuu ummata akkasii dammaqsuuf namni isaatis qawwee diinni qabu san qabaachuu akka danda'uufi hidhatee dura dhaabbachuu akka dandayu qabatamaan agarsiisuu barbaachisa. Humna hidhatetu ummata dammaysa, ummata dammaqe sanis of jalatti hiriirsee diinarratti bobboosuuf dandeettiifi qophaa'ina qaba jedheetin yaada. Kana ammoo kaka'uumsa ummataa kan dabballee takkaan maletti gaafa Haamidoon faan nafxanyaa karaa dabruu dhoorkan saniitifi , akkasumas fincila Baaletirraa sagantaa siyaasaa takkaan maleetti ummanni guutuu biyyaa diinarratti bobba'e sanirraa ragaa qaba.
Ilaalcha addaa Jaarraan hurate kana waan bara 1976 yeroo inni Finfinnee dhufe san ta'erraa ifatti mul'ata. Gaafas sabboontonni jaarmaya qabsoo jaarurratti bobba'anii turan hirii jijjiirmuu mootummaa saniitin hiree argamtetti fayyadamanii Oromoof waa buusuu yaalaa turan. Kanaafuu yaanni qabsoon hidhanni haa eegaltu jettu hangas mara dhageettii akka hin qabaatin ifa. Akka Jaarraan jedhetti namoonni hidduun yaada inni ammuma qabsoo hidhannoo haa eegallu jedhu san mormuu baatanis si'aa'ina guddaa hin qaban ture. Irra hedduun isaanii ummanni sirritti waan hin dammaqiniif, qophiin leenjiifi hidhannoo gahaan waan hin turreef qabsoo hidhannoo eegaluuf yeroo isii hin geenye yaada jedhu qabaachaa turan. Gariin inumaatuu mootumma haaraya jaaramtu tana keessa harka naqannee tooftaadhaan angoo harka Oromootti galchina jedhanii abdachaa turuutu himama.
Jaarraan garuu osoo oollee hin bulle jaaramaya waraanaa jaaruu qabna ejjannoo jettuutti ciche. Sababni inni dhiheessuus, kan duraa, mootiin dullachi kufus humni qawwee ammas harkuma alagaa waan jiruuf sirni cunqursaa hiddaan hin buqqaane, roorroon Oromorra geessu yeroof laaffattus, hanga nuti humna hin jaarrannetti deebitee dhufuun waan hin oollee. Kan lammataa ammoo, qabsoo hidhannoo eegaluuf hanga ummanni guututti dammaquu, qawweefi hidhannoo gahaa argannuu eeguun barbaachisaa miti, kanaaf namaafi meeshaa hanga qabnuun eegallee taan dhawaataan itti jabeeffachaa deemna yaada jedhu. Ejjannoo tanaan Harargetti deebi'ee qawwee lameen Elelmo fa'arraa hafte baasee Mul'is Abbaa Gadaa fa'a wajjiin qabsoo hidhannoo Gobeelleetti saaqe. Akkuma yaada isaattis tooftaa qawwee takka nama lamatti hidhuutiin, loltoonni isaa askaroota nafxanyaatirraa guyyuma guyyaan qawwee buufataa, saglirraa buttaa, buttarraa muraasatti guddatan. Gaafa lolli Soomaleefi Itoophiyaa banamee qawween lafa guutte,Waraanni Bilisummaa Oromoo qawwee matamatatti hidhatee ummataafuu raabsuu eegale. Gaafa Darguun barattootaafi barsiiftota duguguutti ka'u, WBOn humna magaalatti namaa dirmatu, dahoo ilmaan Oromoo itti baqatanii afaan buneensaatirraa itti baqatan jabaa ta'e. Qabsoon Oromootis loltoota goototatti, ilmaan isii qarayyoo waa baratan dabalatte. ��Cichi cimaan Jaarraan qabsoo hidhannootiif qabu bu'aa yeroo muraasa keessatti argamsiifteen dhugaan galteef. Osoo hanga sirritti qophayamutti waraana jaaruun tursiifamee, hiree lolli Soomaleefi Itoophiyaa uumetti fayyadamuun hin dandayamu ture. Dura ummanninuu kaka'uumsa Soomaleerraa hidhatanii deebi'uu san qabachuun isaa ni shakkiissa. Erga hidhatanii dhufaniihis caasafii hagganni duratti qophaaye osoo jiraachuu baatee dafanii faca’uu malu.
Haala qabsoon Oromoo gaafa Jaarraan Waraana Bilisummaa Oromoo dhaabeefi haala ammaa jidduu walakkeenya hedduutu jira. Gaafasis qabsoon hidhannoo hin barbaachiftu, qawwee hin argannu, qawwee yoo kaafne diinaatu nutti baay’ata, qophii gahaa hin qabnu, dirreen qabsoo kennattuun hin jirtu, ummanni sirritti hin dammayne, dura murnoonni jiran tokko ta’uu qabaniifi yaadota kana fafakkaataniin qabsaa’onni Oromoo wal atakaaraa turan. Haala kana keessatti Jaarraan kutannoodhaan qabsoo hidhannoo eegaluun, sabboontonni Oromoo atakaaroo dubbiin mataa waldhukkuubsuurra gara hojii qabatamaatti akka seenan, akka carraa bane. Akkuma yaadettis ummanni Oromoo humna waraanaa diinni isaan cabsee itti bitaa jiru san akka horatan godhe. Har’a yeroo maraamartoon gaafasii deebitee Oromoota dhuunfattee jirtu kanatti dhaloonni tarkaanfiin atakaaroo dhiisanii Oromoo tarknaafii humneessuu kan Jaarraan fudhate sun fakkeenya guddaa, qabsoo tana sadarkaa itti aantutti ceesisuuf irraa barannu.
Jawar Mohammed