Wednesday, August 30, 2017

Qabsoo fakkeessummaa fi dadammaqiinsa sobaatiin (false conscioiusness) Oromoo bilisoomsun ni ulfaata

Qabsoo fakkeessummaa fi dadammaqiinsa sobaatiin (false conscioiusness) Oromoo bilisoomsun ni ulfaata

                                                                                              By Kebede Desissa
Qabsoo fakkeessummaa fi dadammaqiinsa sobaatiin (false conscioiusness) Oromoo bilisoomsun ni ulfaata. Qabsoon dhugaan gatii nama gaafata. Kutannoo barbaada. Waan danda’an gochuu irraa eegalee hanga lubbuutti gatii kaffaluu nama gaafata. Oromoonni hedduun gatii kana kaffalaniiru. Kabajamuu mirga Oromoof jecha lubbuu itti dhabaniiru, hidhamanii irraanfatamaniiru, qaama itti hir’ataniiru, maatiin itti diigameera, itti hiyyoomaniiru. Waan kana garuu baay’ina Oromoon qabu waliin wal bira qabee yoon ilaalu nama meeqatu gatii akkasii kaffaluuf qophaa’aadha jedhee yoon tilmaamu abdii osoo hin taane yaaddoo natti naqa. Namni irra guddeessi fakkeessuu waan jaalatu natti fakkaata. Yoo waan gatii nama baasiftu ta’e itti mul’ate “si hin dhageenye” jedhee kan darbu heddu. Yoo waan gaaga’ama fi wareegama nama gaafatu ta’e lakkoofsi ni xiqqaata. Bakka lallaaftuu barbaaddanna, (nama hundatu akkasi jechaa garuu hin jiru. ). (Kana keessaa yeroo dhiyoo asitti nu baasaa kan jiru galanni kan Qeerroo haa ta’u). Qeerroon hojjechuu malee hedduu hin odeessu, qarshii mitii lubbuu isaafuu hin waakkatu.
Mee waanin gubbaatti kaasef fakkeenyota muraasan kaasa. Bara darbe Oromoo heddu rasaasa mootummaatin lubbuun of biraa dhabneerra. Warra lubbuun dhabaman deebisuu hin dandeenyu. Wanti lama garuu ni danda’ama ture: gumaa isaanii baasuu, maatii isaanii waliin dhaabachuu ni dandeenya ture. Kan qaamni hir’atee hojjetee jirachuu dadhabe manni haa lakka’u. Ani kanin ija kootin arge mucaa dargaggeessa miilli isaa akka malee miidhamee fayyuu dadhabee waan ittiin yaalamu dhabee Ambo keessa deemee kadhatu argeera. Hanna irratti miti, Oromoodhafi. Kan biraa, Oromoon mana hidhaa Mootummaa Federaalaa keessa jiru %80 oli. %90 ol immoo hidhamaa siyaasati. Isaan kana keessaa namni harki guddaan nama waa isaaf godhu mitii nama qaaman dhaqee gaafatu akka hin qabne warruma achi turanii bahan gaafadhaa. Isaan kanaaf Oromoon miiliyoonni 40/50’ni nuti jennu maal gochaa jira? Waan godhuuf dhabemoo kutannoo dhabe? Waggaa lamaan dura Dr Mararaan Yunivesiitii Finfinnee irraa arii’ame. Mindaan isaa dhaabbate. Mana keessa jiraatu keessaa baafame. Namni kun mana ofiif qabu qabsoo Oromootif gurguree oolche. Namoonni Muraasni “Oromoon walakkaan yoo qashii tokko tokko walitti darbate mana heddu binnaaf" jedhanii sochii eegalan. Namni hedduun kanaaf jecha wal baqachuu eegale (lubbuu kaffaluu miti, qarshiidha). Yaadichi osoo hin milkaa'in hafe. Bara darbe Ayyaana Irreechaa irratti lubbuu namoota dhibbaan lakaawamaniitu sirna nama nyaataa kanaan dhume. Maatii jara kanaa meeqa keenyatu quba qaba. Isaan kana keessaa waan garaa nama nyaatu, nama Obboo Dajanee jedhaman kan Sandaafadhaa haadhafi mucayyoo durbaa gaaf tokko dhaban akka dafqaan bulaa ta’an karaa VOA nutti himanii turan. Warra du’e hin galchinu, Ob/ Dajanee namni yaadannu hoo jirraa?
Har’a kana oggantoonni Paartii Oromoo mana hidhaa jiru. Maatiin isaanii nyaatanii, dhuganii, daara dhabanii meeqa keenyatu quba qaba? Of haa gaafannu. Wayyaaneen hiikuu didde, Oromoon hiiksisuu hin dandeenye, humna hiiksisuu dhabe waan ta’eef. Waan isaaniif gochuu dandeenyu keessaa immoo maatii isaanii bira maallaqaan dhaabachuu ture. Kana gochaa jirraa?
Garuu gadi baanee jechoota mimmiidhagoo garaa nama nyaatan dubbachuutti namni hedduun jabaadha. Gatii guddaa nama hin baasisukaa! Dubbachuun barbaachisaa miti jechaa hin jiru. Dubbachuun qofaa isaatti qabsoo fakkeessati (pretentious struggle). Waan tokko yeroo meeqa irra deddeebinee yoo dubbannu maalif? Hangam fayyada? Eessan nu gaha? Galma keenyaa? Jennee of gaafachuu dadhabnee jechootuma fiffilannee haasa’aa yoo feenemmoo arrabsaa oolla yoo ta’e beekumsa ykn dammaqiinsa sobaati (false consciousness).
Walumaa galatti, namni gahee isaa bahe/hu hin jiru jechuu koo miti. Namni hundi waan tokko hin hojjetus, garuu namni baay'een waan gochuu danda'u hin hojjenneedha. Waan lallaaftuutti cicha. Waan hojjechuu qabu irratti ajandaa hin baafatu, kan namni baasef irratti goota ta'a jechaan jira.
Ulfaadhaa!!

Saturday, August 12, 2017

Haala Yeroo Oromiyaa Keessaafi Shoora Diyaasporaa

Haala Yeroo Oromiyaa Keessaafi Shoora Diyaasporaa
                                                                                     ( jawar Mohhamed irra )
Jidduu kana mormii Oromiyaa keessatti deebi'ee dhoo'een walqabatee qubni komii gara diyaasporatti qabamaa jira. Diyaasporaan Oromoo rakkoo hedduu qabaachuun isaa waan haalamuu miti. Komiin dhiyaataa jiru kun sirri moo sirrii miti jechuuf dura qabsoo keessatti shoorri diyaasporaa ( kan diyaasporaa Oromoo qofa osoo hin taane kamiyyuu) maali kan jedhu sirritti adda baafachuu qabna. Falmaan siyaasaa qaama lama qaba;operations and analysis & support. Operation kan jennuun hojii kallattiidhaan hojjatamu; kan akka gurmeessuu, diina irratti tarkaanfii fudhachuuti. Analysis & support kan jennu gargaarsa hojii qabatamaa saniif godhamuudha. Kun hojii xiinxalaa, deeggarsa meeshaa fi hamilee ( logistical and material support) of keessatti hammata.
Kanarraa ka'uun qabsoo biyya keessatti godhamuuf shoorri diyaasporaa kan lammataa san qofatti murtaaya. Jechuunis shoorri diyaasporaa deeggarsa kennuu qofaadha. Deeggarsa kana karaa gurguddaa shaniin godhuu danda'a. Miidiyaa, Qu'annnoofi qorannoo ( Knowledge production), Advocacy, diplomaasifi deeggarsa leeccalloo ( financial and logestical). Shoora deeggarsaa kana bira dabree hojii operational ta'e keessan lixa yoo jedhe milkaayuu hin danda'u. Sababni isaatis hojiiin operation qaamaafi yeroon dirree falmaa san keessatti argamuu gaafatti. Hojii hirmaannaa qaamaa gaafatu ammoo diyaasporaa ta'anii hojjachuun qilleensa irratti bishaan daakuudha. Milkiin guddoon baroota dabran kana argame yoo jiraate dhugaa kana diyaaspooraa irra jireessa hubachiisuun danda'muu isaati. Diyaasporaan shoorri isaa deeggarsa ta'uu hubatee jira, namni ala kana teenyee lolchiifnee biyya bilisoomsinee aangoo qabanna jedhe yaadu hagoodha. Diyaasporaan shoora isaa san hubatee hamma barbaachisaa ta'ettis bahuu baatu fooyyeeffataa dhufee jira.
Ummanni keenya biyya jirus yeroo dheeraadhaaf qabsaa'ota isaa biyyaa ari'atamantu bilisummaan naaf gala jedhee abdachaa ture. Sun ta'uu akka hin dandeenye waan hubateef qabsoo of bilisooomsuu ( self-libration) irratti xiyyeeffachuun injifannoo gurguddaa galmeessisaa jira. Milkiin baroota sadan dabran kana argame ummanni biyyaas ala ilaaluu hirdhisaa dhufuufi kan diyaasporaas shoora isaa sirrii hubachaa dhufuu isaatiini.
Haala waliigalaa irratti hammana erga jenne komii dhiheenya diyaasporaa irratti ka'aa jirutti haa deebinu. Waliigalatti komiin jirtu warri diyaasporaa ummata kakaasuudhaan mormiitti deebisee bulchiinsi Lammaa Magarsaa hojii gaarii eegale galmaan akka hin geenye godhaa jira; akkasumas diyaasporaan mootummaan kun erga kufee booda waan ta'uu qabuuf malu lafa hin keenya kan jedhuudha. Komii lachuufu mee haa ilaalluu.
Diyaasporaatu ummata kakaase kan jedhu kun shoora diyaasporaa akka malee ol kaasuun OPDO irraa komii maqsuuf yoo ta'e malee dhugaa hin qabu. Ummata irratti gibira humnaa olii kan fe'e diyaasporaadhaa laata? Lafti Oromoo taakkuun takka hin tuqamtu jedhanii erga waadaa galanii booda araddaalee 27 muree alagaadhaaf kennuuf kan malleetteessaa jiru diyaasporaadhaa laata? Hogganotaa Oromoo badii malee hidhee akka hattuutti kaateenaadhaan hidhee ummata keessa oofaa kan garaa sabaa gubaa jiru diyaasporaadhaa laata? Diyaasporaan kan godhe roorroo sabarra gahe kana bilisummaa qabuun fayyadamee miidiyaalee garagaraatiin dabarsuudha. Hubadhaa diyaasporaan dubbatee dubbatuu baatee diddaan ittuma fufa. Fakkeenyaaf torban dabre diyaasporaan wantoota hedduudhaan qalbiin isaa biyyarraa alatti garagalee ture. Miidiyaanis xiyyeeffannaan isaa taatewwaan diyaasporaa irratti ture. Mormiin garuu ittuma fufe. Maalif? Kan duraa rakkootu tasgabbii isa dhoorga. Kan lammaffaafi xiyyeeffannaan guddaan itti hin kennamin Oromoota marsaalee hawaasaa fayyadaman keessaa dhibbeentaan 80% Oromiyaa keessa jiru. Kanaaf osoo diyaasporaan useeyyuu humni biyyaa marsaalee hawaasaatiin wal kakaasuu ittuma fufa.
Rakkoo Lammaa Magarsaafaan keessa seenan jedhamuus kan ofitti fide isaanuma. Ji'a jaha keessatti birrii biliyoona 6 oliin dargaggoota miliyoona tokkoof hojii uumna jedhee waadaa galee abdii dargaggootatti horee ji'a sagala boodas miliyoonaaf dhiisi kuma dhibbaafu hojii qabatamaa agarsiisuu kan dadhabe isaani. Gibira humnaa olii ummatatti fe'anii, yeroo ummanni dallanu tole ni sirreessinaa jedhanii achumaan kan dhabaman isaani. Lammaan Waliso dhaqee waadaa kana seene. Ummannis tole jedhee duula gabaa lagannaa dhaabee hojiiitti deebi'e. Torban sadi eegee furmaata dhabnaan diddaa isaa har'a itti deebi'e. Harargee dhaqanii weerarri Liyyu Poolisii amma booda isinitti hin deebitu lafti teessanis taakkuun takka hin tuqamtu, kanas Abdi Ileen mallatteessera jedhanii ummata gammachiisanii gaala kan irraa qalatan bulchiinsuma Lammaati. Hancufti waadaa ittiin seenan sun osoo hin gogin araddaalee lafa gabbataafi seena qabeessa dabarsanii laachuuf mallatteessuun ummatuma kaleessaa isaan qeebale san mormiin akka itti bahu kan godhe isaanuma. Kaleessa gooftaan keenya ummata jechaa turan ( Wayyaanee miti jechuufi). Har'a hogganoota Oromoo kaateenaan hidhee kan dararaa ummata garaa gubaa jiru Wayyaaneedha. Gooftaan isaanii dhugumaan ummata osoo tahee hogganoota kana gadi dhiisuus dadhaban tuffii saba Oromoo irratti guyyaa adiin godhamu kana ni morman ture. Hanga amma qondaalli OPDO dhimma kanarratti waan tokkos dubbate hin jiru.
Haasaan biraa ammoo wantoota ummata muufachiisan kana Wayyaaneefi qaama OPDO Lammaa gufachiisuu fedhutu godhaa jira jedhan. Fakkeenyaaf mallaqa biliyoona 6.6 waadaa galame keessaa bilyoona 1.3 qofatu gahe kanaaf waadaan bakkaan gahamuu dadhabame jedhama. Kun dhugaas of keessaa qabaachuu mala. Maarree ummanni maal haa godhu? Ilmi keenya silaa waadaa bakkaan nuuf gahaa diinatu dhoorge jedhee gaddaa manaa rakkoo isaa haa hoo'ifatu moo qabsoo isaa daran haa finiinsu? Gibira kan dabale federaala ta'uun osoo beekkamuu of dhaaduudhaf jecha lakki ajajni federaalaa nutti kenname hin jiru, numatu galii guddifachuuf murteesse jedhee idaa ambaa kan ofitti fudhate Lammaafi kaabinee isaati. Ni sirreessina jedhee achumaan kan dhabames isaani. Daldalaan maal haa godhuree? Daldalaan kan barbaadu abbaan fedhes gibira irratti fe'us irraa kaafamuudha. Kaafamuu baannaan abbaan fedhe jidduutti macaraafamee qabsoo isaa itti fufuuf dirqama.
Dhumarratti diyaasporaan paartii jabaa tokko jaaruun furmaata fidaa hin jiru waan jedhun dubbisa. Kun shoora diyaasporaa kan armaan olitti kaafame san hubachuu dhabuurraa dhufa. Diyaasporaan biyya alaa kanatti paartii jaaree mootummaa kana kuffisee kursii mootummaa itti aanuu yaabbata jechuun waan hin fakkanneefi hin danda'amnesi. Diyaasporaan roga shanan armaan olitti insaman saniin tumsa qabsoo biyyaatiif gochuu cimsuu qaba. Paartiifi hoggansi bor biyya bulchus achuma jira. Hogganaa akka Marara Guddinaa, Baqqalaa Garbaa, Olbaanaa Lalisaafi Dajanee Xaafaa fa'atu jira. Ni hidhaman malee hin duune. Barreeffamni OPDO faarsu tokko tokko jiraachuu hogganoota kanaatifi dhaaba isaanii (OFC) waan irraanfatan natti fakkaata. Dhugaan jirtu garuu hayyoonni hidhaa jiran kun mootummaan kun kufnaanis hoggansa gahaa kennuu danda'u. Caasaan isaanis lola itti banameen haa riphuu malee laaftutti bayyanata. Shoorri diyaasporaa Qeerroon qabsoo geggeessaa jiraniifi hogganoonni kun akka jabaatan roga shanan saniin tumsuufidha malee ala kanatti jaarmaya siyaasaa bixxiluu miti. Walitti wacuun diyaaspooraa kun hamilee saba keenyaa akka tuqu waan haalamuu miti. Kun amaluma diyaasporaa hundaati. Ta'us kan Oromoo yeroodhaa gara yeroo fooyya'aa deemaa jira. Bala-barbaade kan walitti iyyu hawaasa guddaa keessa dhibbeenta 1% hin caalu. Kan hafe qabsoo biyyaatif tumsa gochuuf gaafa hojii qabatamaatti affeerame of duuba deebi'ee hin beeku.
Olola diyaaspora hadheessu oofuun tooftaa Mallas Zeenaan baafateedha. Akeekni isaas ummanni biyya keessa jiru obboleeyyan isaa baqa jiran akka tuffatu, jibbuufi abdii irraa kutatu gochuun gargaarsi roga shananii sun akka biyya hin geenyeefi. Ololli farra diyaasporaa sun akka dhugoommii argatuufis ministeera haajaa alaa keessatti damee dhimma diyaasporaa jaaruun waggaattii doolara miliyoona 40 ramadee ummata keenya ala kana jiru wal nyaachisuu irratti hojjataa turuun ni yaadatama. Haa ta'uutii garuu ummanni keenya dammaqinaan waan tarkaanfateef hamma yaadan hin milkoofne. Komiin diyaasporaa irratti ka'us kan akeeka diinaa kan diyaasporaan akka jibbamu godhuu san galmaan hin tumsineefi qeeqa ijaarsaaf fayyadu ta'uu mirkaneeffachuu feesisa. Diyaasporaan keenya rakkoo hedduu akka qabuufi walitti wacuun isaa ummata keenya biyya jiru hamilee akka tuqu shakkiin hin jiru. Rakkoolee kana furuun kan danda'amu qabsoo biyya keessaa finiinsuun qalbiin diyaasporaa walirratti osoo hin taane biyyatti akka xiyyeffatu gochuuni. Qalbii ummataa biyyatti deebisuun diyaasporas ni tasgabbeessa qabsoo biyyaattifis tumsa gaarii taha