Dabalata: Sababoota jijjiiramuun Qubee mormamuuf
Qubee jijjiiruf sababni nama amansiisuu danda’u (justifying reason) sadarkaa amma irra jirru kanas ta’ee fuulduratti jiraachuu hin danda’u. Sababoota gara garaaf sirna barnootaa (curriculum) jijjiirun ni danda’ama ta’a. Qubee jijjiirun garuu abjuu yaadamuu hin qabne. Akkuma namni hedduun deddeebisee ibse, amma kan jijjiirame sirna barnootaa osoo hin taane Qubeedha. Kanaafuu osoo sababoota jijjiiramuun qubee mormamuuf hin ilaalin wantoota jijjiiraman ilaalun misha.
Maaltu jijjiirame?
……………………………
Namoonni hedduun “tartiiba Qubeetu jijjiirame” jedhanii dubbatu. Akka kootti garuu tartiibatu jijjiirame osoo hin taane tartiia Qubeetu bade. Wanti tokko tartiiba isaatu jijjiirame jechuuf jalqaba tartiibni jiraachuu qaba; ka’uumsa fi dhuma jechuudha. Amma kan ta’e garuu Qubeen eessaa ka’ee maal irratti akka dhaabatu beekun hin danda’amu. “L” irraa eegala haa jedhamu malee achii ka’ee Qubee kam irratti akka dhumu hin beekamu. “L” irraa kan eegalu barnoota Qubeeti malee tartiiba qubee miti. Akka kitaaba kutaa 1 sanatti “L”n torban tokkoffaa semisteera 1ffaa keessatti barsiifama jedha malee Qubeewwan A/Oromoo keessa jiran “L” irraa ka’amee akka tartiibeffamu hin kaa’u. Bakki itti tartiibni Qubee kanumti jijjiirame jedhame sunillee ta’u itti barsiifamu hin jiru. Barsiisan gaafa jalqaba kutaa eegalu “L” barsiisuu eegala malee tartiiba Qubee “L” irraa ka’ee “A M G …. “ jedhee barsiisuu hin danda’u. Yoo barsiisan fedhiidhuma isaatin illee “A B C D…” nan barsiisa jedhe hin danda’u; sababni isaa “torban jalqabaa “L” barsiisi” jedhamee kitaabuma mataa isaatin sagantaan baheeraf waan ta’eef. Barsiisichis Lesson plan isaa kanarratti hundaa’ee baafata waan ta’eef. Yoo akkasitti deemuu baate immoo itti gaafatama waan ta’eef. Kanaafi Qubeen tartiibni isaa ni bade ykn wal borce kan jedhamuuf. Gama biraatin immoo amala Qubee A/Oromoo kan ta’an kan akka dubbifamaa, dubbachiiftuu, sagalee laafaa, jabaa, dheeraa, gabaabaa, hudhaa, qubee dachaa haalli itti barsiifaman hin jiru (yoo jiraates heddu wal xaxaafi cimaadha).
Dabalataan wanti namni hedduun bira darbu tokko, jijjiiramni kan godhame tartiiba Qubee irrattii fi kutaaba kutaa 1 qofa irratti osoo hin taane qabiyyee kitaaba kutaa 1-8 irratti. Erga barataan kutaa 2ffaatti dubbisuu danda’ee kitaabonni afaanii kamuu mata dureewwan gara garaa jalatti dubbisa ijoollee barsiisu jedhamee yaadama.Dubbisni (passage) sun immoo waa’ee aadaa, duudhaa, seenaa, eenyummaa fi biyya ummata afaanicha baratuu calaqqisiisa.Amma kitaabota kutaa 2 ol jiran irratti jijjiiramni raawwate qabiyyee dubbisa kanaa jijjiirus ni dabalata. Kan duriifi kan ammaa qabiyyeedhan gargari jechuudha. Kitaabonni A/Oromoo nuti kutaa gad aanatti ittiin baranne waa’ee aadaa Oromoo, seenaa, afaanii, amantaa Oromoo fi Oromiyaa akkaan nu barsiisan. Loqodoota afaan Oromoo keessa jiran illee akka waltinaa’aniif dubbisni kun gahee guddaa qaba. Kitaabota ammaa kana keessatti wantoonni kun hanga ta’uu qaban hin calaqqisan. Har’a qofa osoo hin taane kitaabni Afaan Oromoo kitaabota kam caala yeroo yeroon jijjiiramaa ture.Fakkeenyaf yeroon ani kutaa 7/8 ffaa baradhu kitaabni tokko semisteera 1 qofa ittiin barannee jijjiirame.Maalifi jennaan ijoollee “amala balleessa” nuun jedhan.
Wal borcuun tartiiba Qubee fi kitaaba A/Oromoo maalif mormama?
Sababoota heddutu jiru. Isaan keessaa muraasni:
Hidhata Qubeen Oromoo waliin
…………………………………………………………………..
Qubeen “A B C D …. “Ummata Oromootif eenyummaadha.Qor-qalbii ummataatin walitti hidhamaadha.Qubeen quba keenya. Akkuma qubni keenya bakka jiruu buqqa’ee bakka biraa akka dhaabbatu hin fuune qubeen keenya bakka isaa waliin borcuun hin danda’amu; kana gochuuf yaalun immoo yakka qaama namaa hir’isuuti; nama ajjeesudhas. Qubeefi kitaabonni Afaan Oromoo nuyiif huccuudha; huccuu Oromummaa.Erga Oromoon huccuu Oromummaa isaa dhabee qullaatti hafuu eegalee Dhaloonni Qubee kan Oromummaa isaa deebisee ofitti uffate karaa Qubeefi kitaaba Afaan Oromootini. Seenaa siyaasa Oromoo keessattis bakka addaa qaba.Lubbuu beektota hedduutu itti darbe. Lubbuu Dr. Hayilee Fidaa kan gandillee akka ergamaa waaqatti yaaddutu itti darbe. Kanaafuu Qubeen siidaa wareegamtootati.
Jijjiirama amma godhameen Qubee baruufi barsiisun heddu cimaa ta’uu
………………………………………………
Ogeessa afaanii ta’uu dhabus biyyuma fedhettuu, afaanuma kam keessattiyyuu otoo tartiiba qubee hin barsiisin afaan barsiisun hin danda’amu.Namni kutaa tokko gaafa eegalu sagalee fi jecha barachuun dura tartiiba, maqaa fi boca qubeelee addaan baasuu qaba. Amma kun hafuun isaa A/Oromoo fuulduratti akka afaan baratamuu hin dandeenye ta’u isa taasisa. Barachuun haa hafuutiii barsiisunuu akkaan cimaadha.Odeeffannoon ani barsiisota Afaan Oromoo kitaabicha barsiisuf yaalan irraa dhagayes kanuma mirkaneessa.
Sababni dhiyaatu sirrii miti
……………………………………..
Jijjiirama amma godhame kanaaf warri gocha kana raawwatan sababni isaan dhiyeessan, “ijoollen qubee dubbisuu dadhabde, kanaaf immoo sababni akkaataa qubeen itti barsiifamuu fi tarreefameedha” kan jedhu. Dubbiin kun dhara qofa osoo hin ta’in arrabsoodha. Waan kana namni hedduun waan deebii itti kenneef hin dheeressu. Dhugaan jiru garuu tartiibni Qubee A/Oromoo kan Ingiliffaa waliin kan wal fakkaatudha. Addunyaan qaroome waggoota kumaatamaaf kanumaan baree barsiisa.Namoonni hedduun Qubeen barreessuu kan baran beekumsa isaanii Ingiliffa keessatti qaban fayyadamaniiti, barsisaa malee kan qubeen barreessuu baraniif. Fakkeenya qabatamaa tokko isinitti himuuf Wasiillan/Abbeerawwan 4 kan bara Dargii Amaariffaafi Ingiliffaan hanga xiqqoo baratan nan qaba. Afran isaanituu erga Dargiin kufee mana barnootatti hin deebine.Garuu beekumsa xiqqoo Qubee Ingiliffaa qabaniin gargaarsa barsisaa tokko malee Qubeen barreessuu ofiin of barsiisanii itti fayyadamaa jiru. Kuni dhugaadha, jarreen kun lubbuun jiru.
Rakkoon Ijoollen Qubee barreessufi dubbisuu dadhabdeef sababa biraa qaba: kan akka dandeettii barsiisaa, imaammata barnootaa, qulqullinaa hanqina meeshaalee barnootaa ….. Qorannoon isaan nutti himanis kanuma agarsiisa.Rakkoon dubbisuufi barreessuu dadhabuu amala Qubeefi tartiiba isaatin wal hin qabatu jechuudha.Osoo akkas ta’ee namoonni gaafa Qubeen barachuun eegalamu ittiin barachuu eegalan Qubee hin baran ture, isayyuu yeroo barsiisan A/Oromoon leenjii digrii ykn dippiloomaa fudhate hin jirretti. Akka fakkeenyatti ani bara 1987 (E.C) yeroon mana barumsaa galu kan Qubee na barsiisan namoota ji’a 2/3 leenjii fudhatani. Akkasumayyuu ta’ee Qubeen barreessuu baruuf ji’oota 4 caala natti hin fudhanne.Seeran qubeessunis hedduu keenya hin rakkisu ture.Kanaafuu, bakka rakkoon jiru dhiisanii waan biraa irratti fuulleffachuun sirrii miti.
Seera-dhabeessumaa gocha kanaa
……………………………………..
Jijjiiramni afaan dhalootaa irratti godhamu kan ilaallatu abbaa afaanichaati. Kara deeman fedhe itti goree namaaf tolchuu hin danda’u.Jijjiirama afaan dhalootaa irratti godhamu kamuu (yoo barbaachise) raawwachuun dura abbaan afaanichaa irratti marii’atuu qaba; beektota isaatin ilaalamuu qaba. Amma kan ta’e garuu waan rifachiisadha. Jalqabatti, qorannoo jijjiirama godhame kanaaf sababa ta’e kan gaggeesse USAID kan jedhamu kan mootummaa Ameerikaan, keessumaa immoo alkallattiinis ta’u dhaabbata basaasaa Ameericaa, CIA’n to’atamuudha. Dhaabbata kana akka ummata Oromootti amantaa irraa dhabuuf sababoota gahaatu jira. Kana bira darbees USAID’n kana kan raawwate Ministeera Barnootaa waliin ta’eeti. Sababni Ebassay’n Ameerikaa gocha kana tumseefis shakkii keenya ol dabala.Dabalataan, akka heera mootummaatti dhamma afaan dhalootaa dhiisatii imaammnni barnootaa sadarkaa 1ffaatuu naannoo ilaallata. Amma garuu kan ta’e hojichi guutummaan oggansa Ministeera barnootatiin kan gaggeeffameedha. Ministeera kana waan hin amanneef heera mootummaa cabsuu qofaaf osoo hin taane sababoota heddutu jira. BBO hanga ta’e harka keessaa qabus fedhii ummataa nieega jedhaniif guutummaatti akka itti hin amanne waan heddutu nama taasisa.
Ministeerri Barnootaa afaan dhalootaa irratti waan takka illee dubbachuuf bu’uura heerafi seeraa hin qabu.Garuu akkuma agarre abbummaadhan hojicha oggane.Qola kitaabitaas yoo ilaalle abbaan kitaabichaa Ministeera Barnootaa ta’uu isaa agarsiisa.Kuni daba.Seenaa imaammata ummata Oromoo Afaan isaa dagachiisanii “Amaaressuu” (assimilate) gochuu jedhu keessatti qoodni Ministeera Barnootaa ol aanadha. Fakkeenyaf, bara 1933tti gorsa Tedla Haile irratti hundaa’un karaa nama bara sana Ministeera Barnootaa turee, Sahile Tsedalu jedhamuutin “Afaan Oromoo dabalatee afaanotni warra ‘haramanee’ badanii Amaariffaan bakka buufamuu qabu” jedhee imaammata barnootaa kan baase Ministeera Barnootaa har’aa kana. Kanaafuu, ammas taanan ijoolen Oromoo haala amma dhiyaate kanaan Qubee barachuu gaafa dadhabde “Qubeen Laatinii rakkoo waan qabuuf kan saabatiin akka barsiifamu” jedhee USAID waliin qorannoo nuuf gaggeessuu danda’a. Kuni shakkii kooti, duuba waan kanaa yoon ilaalu. Kanaafuu, gochi kun “Maaster Pilaanii Amaariffaa” ta’uu danda’a.
Namoota BBO keessa oggansa irra jiranis yoo ta’e sababni shakkamaniif ni jira. Itti Aantota Itti gaafatmaa BBO afur jiran keessaa namoonni sadii saba biraa ta’uu isaanitu himama. Kun shakkii namaa ol kaasa.
Dhuma irratti namoonni qophii kanaa keessatti qooda fudhatan karaa dorgommiifi beekumsa Afaan Oromoo irratti qabaniin osoo hin taane wal beekumsaafi hiriyyummaan kan waamamaniidha. Akkan shakkutti namoonni kun kan filatamaniif namoota qarshiidhan Oromoo gurgurachuu danda’an jedhamaniis kan waamaman ta’uu mala. Sababni isaa namoonni waan kana keessatti qooda fudhatan qarshii ofii kiishatti naqatanii akka nama homaa hin argineetti callisuun isaanii eenyummaa isaanii waan mul’isuuf. Hojii guddoo akkasii dalaganii “ani hin beeku, kan kutaa sanaan barreesse, kan kanaan barreese” jedhanii waakkachuun waan nama amansiisu miti. Otoo isaan jiranuu dabni guddaan kun Qubee irratti haggaamamuun isaa boruu Oromootif illee nama yaaddessa. Wanti hangas jabaan ummata jalaa dhokatee turuun isaa heddu nama yaachisa. Warra qophicha keessatti qooda fudhate qofa osoo hin taane akkuma ummataattiyyuu waan kana osoo hin beekin hangas turuun nama yaaddessa. Kun waan sadii natti mul’ise.Tokko, Oromoon qarshiidhan Oromoo guutummaatti gurguru jiraachuu isaa.Lama, wanti nuti hin beekne dabni jajjabduun heddu deemaa jiraachuu akka dandeessu.Sadii, Oromoon ummataaf dhimmamu jaarmayaalee murteessoo keessa jiraachuu dhabuu isaati.
Xumura
………………………….
Walumaagalatti, dubbiin qubee dubbii jabduu waan taatef oggansi OPDO haaran kitaabota qophaa’an kana fooyyessuu osoo hin taane guutummaatti hafanii ijoollen kitaabota kana dura turaniin akka baratan murteessun dirqama natti fakkaata. Sababni isaa waan namoonni isaan dura turan bukeessan defend gochuu dhiisanii waan ummanni jedhutti gurra qabuun faayidaa isaanif qaba jedheen yaada.
Horaa bulaa!!!!!
No comments:
Post a Comment