Friday, March 17, 2017

Goolaba Gumii Hoggansa Oromoo 2ffaa

Goolaba Gumii Hoggansa Oromoo 2ffaa

                                                                                       
Akkuma hundi keenya dhageenyetti Gumiin Hoggansa Oromoo marsaan 2ffaa akkuma kana duraa haala miidhagaadhaan xumurameera. Gumiin kuni rakkoolee heddu keessa dabree akka as ga'e hundi keenyayyuu sirritti ni beekna. Haat'u garuu gufuuwwan sana hunda bira dabarree akka sabaatti walcinaa teenyee, waldhageeffannee, wal sirreeffannee, wal eebbisuu danda'uu keenyaan gammachuu guddaatu nutti dhagayama.
Labsii hoggansa gumii sanaa irraa akka hubannetti gumiin kuni haala milkaa'en xumurameera. Akka dhuunfaa koottis gumiin kuni haala barbaadamuun goolabamuu isaatiin gammachuun koo guddaadha. Keessattuu yaadolee haarawa; Dubartootafi Dargaggoo Oromoo cimsuu jedhan baay'en jaaladhe. Kuni Qabsoon Uummanni keenya gaggeessaa jiru har'a qofaaf osoo hin ta'in hamma yeroo dheeraatti kan milkaa'u akka ta'uuf gumaacha guddaa godha. Koonfaransiin Dargaggoota Oromoo Adduunyaa ofdura ni gaggeeffama jedhamee kaayyeffame Qeerron Oromoo daran akka gurmaa'ufi haala qindaawaa ta'een qabsoo akka tumsuuf hedduu fayyada jedheetin amana. Dhaloonni kaleessaas Qeerrowwan kanaaf haala waaltawaa ta'een muuxannoofi beekkumsa isaanii akka qoodaniif carraa guddaa ni ta'a. Gama biraatiin xiyyeffannaan Dubartoota Oromoo aangessuuf kenname daran akka cimaniifi waan amma irra jiraniin ol akka hojjataniif karra kan saaqudha.
Dhumarratti caasaan deeggarsa sabaaf godhamu kallattii qindaawaa tokkoon akka hoggananuuf ijaarame kan baay'ee nama gammachiisudha. Qisaasama maallaqaa, yeroo akkasumas deeggarsa biroo haala faffaca'oo ta'een sabaaf kennamaa turan kallattii tokkotti deebisuun komii Diyaaspooraan Oromoo yeroo dheeraadhaaf kaasaa ture kan furuudha jechuun ni danda'ama. Deeggarsi Uummata biyya alaa jiruun walitti qabamee uummata bira gahuu dadhabe bifa qindaa'en eddoo barbaadame akka ga'uuf faaydaa guddaa qaba.
Walumaagalatti gumiin akkanaa kuni uummata keenya daran akka walitti dhufu, akka wal dhageeffatuufi garaagarummaa yaadaa jidduu keenya jiru akka dhippatu gochuudhaan galmi sabaa akka galma gahuuf faaydaa guddaa qaba. Kanaafuu hundi keenyaa eddoo jirrutti kaayyoleefi wantoota lafa kaawwaman hunda gama dandeenyu hundaan haa tumsinu jechaa hamma barreeffama biraatiin walitti deebinutti nagaadhaan naaf turaan amaanaa kooti.
Naa Jiraadhaa!

No comments:

Post a Comment