Wednesday, March 22, 2017

Odaa Bus: Tarsiimoo Oromoo itti humneessan moo tooftaa haraaya saba itti saaman ?

Odaa Bus: Tarsiimoo Oromoo itti humneessan moo tooftaa haraaya saba itti saaman ?
                                                                                      (  jawar Mohammed irra )
Daadheessaan  OPDOn  kubbaaniyyaa  geejjiba ummataa  ODAA  jedhamu  dhaabuuf  bobeessaa jirtu  dhimma  falmii  tahee  jira.   Gariin  akka  waan  kubbaaniyyaan  kun  qabeenya  Oromoo kan  kubbaaniyyaalee  Tigree  kan  akka  Selam Bus  waliin  dorgomuuf  yaadameetti  dhaadhessaa  jiran . Gara  kaanin  ammoo  Selam Bus  santu  Oromiyaa  keessa  socho'uun waan  rakkiseef  maqaa  Oromoo  baafte  dhufe  jedhu.  
Mee  kanuma  OPDOn  jettu  dhugaadha jennee haafudhanuu. ODAA Bus Oromoo humneessuuf kan dhaabbate jennee haa fudhannu. Kubbaaniyyaan geejjibaa akkanaa gara galiitiin milkii ( profitable) akka argatu shakkiin hin jiru. Gaafiin ka'uu malu, kubbaaniyyaaleen amma dura maqaa Oromootiin dhaabbatan maalif kufan? ODAAn hoo haaluma saniin maallaqa hiyyeessi itti dhangalaasu fudhatee cilee bishaan buute akka hin taane wabiin maali? Fakkeenyaaf DINSHO fi kubbaaniyyaaleen isa jala turan akkamitti kufan. Rakkoo bulchiinsaa ( management) moo kan tarsiimooti? Rakkoo bulchiinsaa akka hin jedhamne kubbaaniyyaaleen sun namottaa OPDO keessatti sammuu qaban jedhaman kan akka Dubbaalaa Jaalleefi Abdishuu Huseenin bulfamaa ture. Tarsiimoo gabayaatis yoo taate Oromoon garagalee invest itti gochaa irraayis bitaa ture. Maarree maaf kasaaran? Yoo yaadattan bara hoggansa Dubbaalaa Jaallee kubbaaniyyaa geejjibaa ummataafi fe'uumsaa dhaabatee ture? Kubbaaniyyaan sun yoosuu kufee meeshaan isaa Trans Ethiopia fi Selam Bus fa'aan dhaalame. Bifuma saniin daldalli jimaatis cufamee Azeeb fudhatte. Kana jechuun ifatti DINSHO akka kasaaru kan taasise tarkaanfii siyaasaa TPLF fudhateedha. Maarree ODAA Bus carraan warra isa duraa akka hin mudanne wabii maltu jira?
Warri ODAA Bus dhaadheessuun ummanni akka aksiyoonii bitatu barbaadan kubbaaniyyaaleen amma duraa maalif akka kufan qoratanii beeksisuu qaban. ODAA Bus tarsiimoo akkamiitiin geggeeffamuu heda? Boordiin eenyu? Gareen bulchiinsaa ( management) hoo muuxannoofi barnoota akkamii qabu? Dabalataanis kuni dhimma daldalaa waan taheef ogeeyyotaan malee dabballoota paartiitiin dhaadheffamuunis ta'ee buluun miidhaa malee faaydaa akka hin qabne beekuun barbaachisaadha. Hammasiifuu ummanni keenya hawwiidhaan maallaqa isaa akka hin qisaasne gorsina.

No comments:

Post a Comment