Friday, March 17, 2017

"NAMA SHILINGII BACHIISEE DUNGOO QARSHII BITEE BARBAADU HIN TAANU."

"NAMA SHILINGII BACHIISEE DUNGOO QARSHII BITEE BARBAADU HIN TAANU."
                                
                                                                                     ( saphaloo Kadiir irra )
Tooftaan OPDO akka waan humna murteessumaa qabduu fakkeessuun diddibanii ummata Oromoo isii balfe keessatti deebisuuf yaaluu akkuma itti fufetti jira. Yeroo gabaabaa booda ammoo OPDO'n bakka lamatti bahuuf kan jirtu tahuu mallattooleen amma agarru ni mul'isa. Opdon takka akkuma diraamaaf qopheessanitti tan dhungoomfachuuf fiiydu, takka ammoo akkuma dur san intalashee godhaatnii hamashaa kijibaa irratti hidhanii deemaanii jiran. Hundarra garuu kan nama dhibu miidiyaan wayyaanee TV Oromiyaa (TV Boqqolloo) kan akkuma OPDO afaan Oromoo dubbatu dhiheenya kana waan jarumaa waliin humna arkate fakkaata. Yeruma takkatti akkuma aanga'oota OPDO ooyruu keessaa bahee magaalaa keessatti galuun isaa kuniis nama hedduu ajaa'ibsiisuun hin oolle. Ji'uma tokkotti ooyruu keessaa magaalaa walakkaa dhaquun dhugumatti naman ajaa'ibsiisuu
Haa tahuu garuu wanti dagachuu hin qabne guddaan warri Miidiyaa wayyaanee ykn TVO'n rakkoo ummata Oromoo irra gahaa jiru golga godhachuun rakkoolee akka saamiinsa lafaa, qulqullina naannoofi kkf qoratee akka saaxilu ajajni itti kennamuu isaati. Wanti kana booda jiru ammoo maddoota rakkoo hoggaa irra oliif gad deemee qoratee ibse booda rakkoo saaminsa lafaa fi qulqullina naannoos warreen federaalaa naanneessanii gama aanga'oota naannoo Oromiyaatti achi micciraanii tooftaan harcaasanii, OPDO isaaniif taatu kalaqachuudha. Amma tooftaan jiru wayyaaneen akka waan harka keessaa fudhattee fakkaattee, akka waan OPDO'n aangoofi murteessummaa qabdu fakkeessuun isaanuma warra opdo kana waliin macalaasuufi. Kun marti diraamaa wayaanee dur irraa opdo mataa isii hojjachisuun sirna tortoraa kana keessa itti if hulluuqsisaa as geeysee dha. Kanaaf kun ummata Oromootiif bu'aas tahee gatii tokkollee hin qabu. Akka namni gariin OPDO keeysaan wanti Oromoon barbaadu san ni dhufti ja'ee kajeelu sanii miti dubbiin.
Gama biraatiin yeroo biraa caalaa weerarri daangaa Oromiyaa keessattuu kan gama Soomaaleen wal daangeessu hammaachuun kaayyoo if danda'e kan qabu tahuun waan dagatamuu miti. Labsiin yeroo muddamaa bahuufi weerarri liyyuu poolisii Oromotti hammaachuun wayyaaneef galii if dandahe qabaachuu namni hin tilmaamne waan jiru natti hin fakkaatu. Mootummaan wayyaanee bakki inni duruma irraa ifirraa sodaatu guddaan naannoo horsiisee bulaan Oromoo jiru kana. Sababniis horsiisee bultoonni hidhannoo waan qaban qofaaf osoo hin taane humniti biraa isaan kana keessaan hulluuyxee na seenti ja'uus waan firraa shakka. Kanaaf liyyuu poolisii kanneen gama tokkoon waardiyaa godhachuu Oromiyatti bobbaasa. Gama kaaniin sabni wayyaaneen ifirraa shakkituufi sodaattu Oromoo waan taheef naannoo yeroo mara ifirraa shakkaa jiraatu tana qulqulleessuu madditti nagaya waaraa silaa kajeeltu san arkachuuf Oromoo lafa tanarraa buqqaasuu akka furmaataa godhatte.
Hanga achiin liyyuu poolisiifi federaalli Oromoo daangaa irraa buqqisan ammoo walakkaa Oromiyaa tan sababa master pilaaniin birxeen irraa kaate tana tuttuqee, rakkoo jirtu mul'isee akka nama furmaata itti laachuu deemuutti qalbii ummataa hatuu qofaaf kan fayyadamaa jiru tahuu isaa hubachuun dirqama. Akka waan Oromoon falmachuun haqa isiiti ja'ee murteessuu fakkeessee, rakkoo ummanni Oromoo duraan irraa iilkaa aadaa ture san hooysuudhaan akka sabni kun if dagatee rafu godhuudhaafi. Sabni kun rakko dhugaa qabaachuu gaafa tuttuqu ammoo keeysa keeysa ammoo akka hawaasni kun yoo haqa isaa dubbataniif akka if dagatu wayyaaneen qorannoo yeroo dheeraatiin sirritti bartee jiraachuus dagachuun hin barbaachisu. Madaa duraan ifumaaf fottooysaa turan san amma hooysanii raffisuu, san booda ammoo tarkaanfiin itti aantu abbaafi mala kaa.
Hundumaafuu garuu shururuu sobaa tan wayyaanee tana amanuun, gara OPDOtiiniis jijjiiramni Oromoon barbaadu ni dhufa ja'aanii abdachuun waan gur'uun gad guddatte qofaaf gaangee irraa dhala eeggachuu dha. OPDO'nis dhaloonni Oomoo kan ammaa kun akkuma dhaloota duraanii laaftumatti kan sobaman yoo sehan dhugumatti halusa garaa malee waa surriin keeysa hin jirtu jara. OPDO'n bakka lamatti fottoquu deemtuus imala injifannoo keenyaa kan qabsoo hadhooytuu bira geenye kana nu jalaa qancarsuu yoo taate malee bu'aa biraa suldii caphxuu takka Oromoo hin qabdu, Nyaanni harka namarraa fuudhaa wayyeeyfattullee nama hin quubsu. Harka wayyaaneetiifi opdo irraa waan takka hin eeggannu, eegganullee gatii takkallee hin qabdu. Hubadhaa! Yoo amma imala keenya jalqabne kana irraa kan meeynu tahe, yookaa ammoo jaratti kanarraa kan waa eeynu tahe gatiin keenya nama halkan shilingii bachiisee dungoo qarshii bitee barbaadu tahuu keenya akka tahe. shilingiin mul'attullee dungooniis dhume waan taheef gatiin wal hin baaftu.
Saphaloo Kadiir | Abdulbasit
Bitooteessa, 2017

No comments:

Post a Comment