Monday, January 2, 2017

Aartistootni Oromoo har'a waallee weellisan gurguratanii sooromuuf miti kan weellisan

Aartistootni Oromoo har'a waallee weellisan gurguratanii sooromuuf miti kan weellisan


                                                                                          (Beknan Rabira) 

Dhimmi Aartistii Oromoo kamiyyuu nama guba. Oromoof aartistii jechuun worroota gaafa seenaan, aadaan, afaaniif qabsoon ummata Oromoo ukkaamfamuuf ture sana irraa sagalee ta'uun lubbuu keessa tursiisanii har'aan gahan keessaa isaan tokko jedhee amana. Garuu Weellistootni Oromoo akka weellistoota saboota ykn biyyoota biroo miti. Dhuguma ija aartistoota sabootaaf biyyoota biroo ilaalluun aartistoota Oromoo yoo ilaalle, kan keenya qabeenyaaf qor-qalbiinis hedduu miidhamoo dha. Aartistootni Oromoo 95% oli jireenya rakkisaa keessa jiraatu. Gabroomuun keenya waan biraa ta'ee kaasettumaaf konsartii seenaa, aadaa, afaaniif qabsoo Saba keenyaaf sagalee ta'uuf yeroo isaan gannaa bona hoongeen, qabeenya maatiif dhuunfaa isaanii baasuun ifaajan irraa bitnee ykn irratti hirmaatnee aartistoota keenya jajjabeessuu irratti nu hafa. Aartistootni Oromoo har'a waallee weellisan gurguratanii sooromuuf miti kan weellisan. Qabsoo bilisummaa Oromoof jechaa seenaa, aadaaf dhugaa saba Oromoo awwaalamte baasanii saba kana barsiisuuf gumaacha bilisaa taasisaa turan, ittis jiru. Kanaaf kan lubbuu isaanii qaalii dhaban kan akka Eebbisaa Adunyaa faa yaadachuu ni dandeenya. Garuu kaasetta isaaniis gurguratanii ykn immoo jireenya dhuunfaa isaanii dhiibaniis akka aartistiitti miti akka ilma namaa tokkotti gammadanii kanneen hin jiraatne aartistoota Oromooti. Akka fakkeenyatti weelliftuu Halloo Daawwee, Laggasaa Abdii, Nuhoo Goobanaa fi Abdii Ibiraahim faa kaasuu ni dandeenya warra har'a manuma yaalaatiillee qoricha waan bitatuun dhabanii lubbuu isaaniitti guyyaa gabaabsaa jiran. Kuni Oromoof jecha. Kana sababa kaaseef qaba. Artist Fayyisaa Furii weellisaa ummata Oromoo biratti haalaan jaalatamaa ta'e dha. Ummatni Oromoo biyya keessaa jaalala artist Fayyisaa Furiif qabu ibsuu hin danda'u. Haata'uu ummata isa jaalatu keessaa bahee weellisaan Kuni jireenya baqaa keessa jira. Weellisaan Kuni hanga ani beekutti dhaaba tokko leellisee tokko kan gadi buusu dhagahee hin beeku. Har'a maqaa hin beekkamneen konsartii weellisaa kanaa akka hin qophoofne gufachiisuun hamilee Artist Fayyisaa Furii qofa cabsuu osoo hin taane, hamilee weellistoota Oromoo hunda waan gufachiisaati, aartiif qabsoo Oromootti gufuu ta'aa jirra.Adaraa Artistiin kan ummataati, seenaa ukkaame warra baasee sirbu. Kabajamuu qabu. Dhumarratti artist Fayyisaaf, ummatni biyya keessaa hangami akka sijaalatuuf si kabaju Oromiyaa kutaalee hunda naannoftee argiteetta. Har'as onnee ummata bal'aa sana keessa jirta. Warra maqaa qabsoo Oromootiin waan Oromoof qabsaawu fakkaatee faayidaa dhuunfaa isaaniif jecha waan Oromoo walitti fidaa hundatti gufuu ta'aa jiruuf hamileen si hin cabin. Jabaadhu. Kuni si qofa osoo hin taane aartistoota Oromoo hundaaf.

No comments:

Post a Comment