Wednesday, January 4, 2017

Goota Bara Dhibbaa.

Goota Bara Dhibbaa..


                                                                                   ( Saphaloo Kadiir | Abdulbasit)
Goota Bara Dhibbaa...
Goota bara kumaa kan baroota kitilaa,
Jeeyna ija diimtuu yaa ka onnee dilaa,
Seenaan tee bara baran nuuf jiraatti,
Maal je'een si faarsa ati dhiira dhiirati,
Gootummaa dhugaan lafaa ol kaatee,
Guddannaan saba keef dungoo taate,
Gootummaan dhalootuma irraa marga,
Durirraa as geeyse gootaas ijaan argaa,
Nuu guddatte onnee goototaa dhaaltee,
Sabaaf arra'illee ati kumaatama caaltee,
Baga guddatte gootummaan faayamaa,
Kanaaf adiifi diimaan maqaa si yaamaa,
Sagaleentee qofti nuuf caalte madaafa,
Harkuma ol qabdeeti xiichite wacaafaa,
Goota hin tahan onnee finiintuun malee,
Baga keenya taate goota goonni dhalee,
Osoo danuun shorroqaa tiratan muugaa,
Ati injifattee nuu taate bar goota dhugaa,
Gootoomni dhaloota kennaa ganamaa,
Tasa hin milkaa'an marti ilmaan namaa,
Gootummaan qawwuma dhuksuu qofa,
Itti fakkaatti warreen mataan horqofaa,
Meeqaas addunyaa dhumtuu jala goree,
Lubbuu sabaa itti caale horiin tasa hore,
Ati immoo leeccalloo jettee hin bolollee,
Qabeenyaaf jecha alagatti fuulan tollee,
Qarshii hammaartee akka warra doofaa,
Hin wallaalle qaalittiis bitachuuf soofaa,
Garuu osoo alagaan saba kiyya ajjeesuu,
Duroomni sobaa humaatu na hin feesisu,
Jaalala sabaa malee ati horiin sin moonee,
Goota bara dhibbaa ka bu'aan achin foone.
Saphaloo Kadiir | Abdulbasit
Amajjii, 2016

No comments:

Post a Comment