Sunday, January 1, 2017

AFAAN DHIIGAAN AS GA'E AFAAN SAAYINSIIF TEKNOOLOOJII HAA GOONU!

AFAAN DHIIGAAN AS GA'E AFAAN SAAYINSIIF TEKNOOLOOJII HAA GOONU!


                                                                                     (Saphaloo Kadiir )
AFAAN DHIIGAAN AS GA'E AFAAN SAAYINSIIF TEKNOOLOOJII HAA GOONU!
Afaan Oromoo akaakuu afaan kuush keessaa tokko ta’ee afaanoota 1000 Afrikaatti dubbataman keessaa sadarkaa 3ffaa irra kan jiru yoo ta’u biyya Itoophiyaatti qofa osoo hintaane biyyoota ollaa akka Somaalee, Sudaan, Taanzaniyaa fi Keenyaa/Keeniyaa keessatti bal’inaan akka dubbatamu ni beekama. Afaan Oromoo qubee mataa isaatin kan barreeffamu ta’ee haala barreeffama Laatiniitti fayyadamuun barreeffama (Barruu JOS, 1993: fuula 37-38). Barreeffamni kun Afaan Oromoo afaan umrii dheeraa qabuufi waa’een isaa erga qoratamuu eegalee waggoota 150 ol ta’uu agarsiisa. Barruuleen ARSADII (2011: fuula 15) akka ibsetti Afaan Oromoo baroota kuma hedduun akka afaan Amaaraa dursu ragaa baha. Haa ta’uu malee Afaan Oromoo guddina umrii isaatiin wal-gitu guddachuu hin dandeenye.
Biyya Itoophiyaa keessatti bara 1960 dura manneen barumsaa hedduun magaalootatti kan argaman yoo ta’u ijoolleen achitti galmaa’anii baratan baay’een isaanii warra afaan Amaaraatti afaan hiikkataniidha. Sababa adda addaa irraa kan ka’e ijoolleen Oromoo manneen barumsaa kanneenitti baratan lakkoofsaan muraasa turan. Sababootni gurguddoon ijoollee Oromoo akka barumsa ammayyaa hin baranne taasisan keessaa muraasni; manni barumsaa fi iddoo jireenyaa wal-irraa fagaachuu, afaan barnootaa afaan Amaaraa qofa ta’uu, ijoollee afaan Amaaraa hin dandeenye akkaataan afaanicha itti barsiisan kan ijoollee suukkaneessu ta’uu, barsiisonni afaan Amaaraa ilaalcha qajeela hin taane barattoota Oromoof qabaachuu, naannoon manneen barnootaa ijoollee afaan Amaaraa hin dandeenye kan hin jajjabeessine ta’uufi maatiin barattoota Oromoo barnoota daa’imman isaanii irratti hirmaannaa dhabuufaadha.
Baroota 1970’n keessa barsiisonni hundi saba Amaaraa irraa qofa ramadaman jechuun ni danda’ama. Kanaafuu, barattootni Oromoo bara sana keessa baratan kan jecha afaan Amaaraa tokkollee hin beekne guyyaa mana barumsaa dhaqanii eegalanii daree keessattis ta’ee alatti akka afaan Amaaraatti fayyadaman dirqisiifamaa turan. Sababa kana irraa kan ka’e ijoolleen Oromoo mana barumsaa keessatti tasgabbii fi nageenyummaan itti hin dhagahamu ture. Waliin dubbatanii quunnamtii geggeessuf, barsiisaa wajjin haasa’uuf, akkasumas barnootni sadarkaa tokkoffaa afaan isaanitiin waan hin kennamneef ni shororkaa’u. Dabalataaniis ijoolleen Oromoo afaan isaanii akka gadi-qabanii ilaalaniifi akka tuffatan taasifamaa turan. Ijoolleen Oromoo afaan Amaaraa yoo dubbachuu dadhaban akka waan nama homaa hin beekneetti, akka doofaatti ilaalamuu; akkasumas afaan Amaraa yeroo haasa’an kan caccabsan yoo ta’e barsiisonni barattoota fuulduratti baasuudhaan itti kofalchiisuu, adabbii qaamaa irratti fudhachuufi gochoota hamileefi xiin-sammuu barattootaa miidhan irratti raawwatu ture. Haala kana irraa kan ka’e barattootni Oromoo hedduun barnoota kutanii mana barumsaa fi barnoota irraa akka fagaachaa turan ragaaleen adda addaa ni agarsiisu.
Dabalataaniis ijoolleen Oromoo waan eenyummaa isaanii xiqqeessufi balleessu akka baratan taasifamaa turan. Fakkeenyaaf, sabni Oromoo akka saba Amaaraa gadi ta’ee fi Amaara tajaajiluuf uummame, kan qaroomina hin qabne, kan aadaa, seenaa, fi jagnummaa hin qabne fakkeessanii ijoollee Oromoo barsiisaa turan. Afaan Oromoo dubbachuun duubatti hafummaafi gowwummaa, qaaniifi doofummaa akka ta’e labsan. Gama biraan garuu afaan Amaaraa barachuun, maqaa Oromoo gara Amaaraatti jijjiiruun, aadaa Amaaraafi amantaa Ortodoksii fudhachuun hammayyummaa fi qaroomina akka ta’etti barattoota yeroo san baratan barsiisaa turan. Sababoota kana irraa kan ka’e Oromoo hedduun (Fakkeenyaf, Baale, Arsii, Haragee…fi kkf) kutaalee garaagaraa keessa jiraachaa turan ijoollee isaanii gara mana barumsaa ammayyaatti erganii barsiisuu dhiisan (JOS,1994:102-105).
Kun kanaan osoo jiruu baroota 1980'moota keessa qabsoo hadhooytuu goottan Oromootiin taasifameen lubbuu meeqa laatanii, dhiiga itti dhangalaasanii, lafee itti cabsaa turanii bara 1990'moota keessa afaan Oromoo Afaan hojii manneen mootummaa Naannoo Oromiyaa fi afaan baruufi barsiisuu akka tahu taasifame. Haatahuu malee ammallee afaan Oromoo guutumaa guututti shira gabrummaa hamaa jalaa bahuu hin dandeenye. Guddina hanga irraa barbaadamu agarsiisuu irratti ammallee hir'inaafi dhiibbaa guddaatu mul'ata. Afaan Oromoo akkuma saba Oromoo gabrummaa hamtuu jala jiraachuu mallattooleen danuun ni mul'isa. Afaan Oromoo afaan qo'annoofi qorannoo akkasuma afaan saayiinsiifi teknooloojii tahuu irratti gama hundaanuu hanqinaatu mul'ata. Kanaaf nuti dhaloonni qubee Afaan sadarkaa heddutti wareegamni itti kafalamee shira danuu keessa darbee as gahe kana afaan saayinsiifi teknooloojii akkasuma afaan qorannoofi qo'annoo godhuuf Jaatanii Guddicha Afaan Oromoo (Grand Afaan Oromoo Project) irratti si'aa'inaafi hamileen hirmaachuun Afaan dhiigaan barraa'ee as gahe kana afaan saayinsiif teknooloojii haa taasifnuun dhaamsa keenya.
Tuuta JGAO Irraa | From GAOP Team
Gara marsariitii (website) hiikkaa afaan Oromoo seenuuf link kana tuqaa: 

www.afaanoromo.eajn.org

No comments:

Post a Comment