Friday, December 16, 2016

Barataa Abbabaa Urgeessaa yunivarsitii Haroomaayaa waggaa 15n itti murtaa'e!

Barataa Abbabaa Urgeessaa yunivarsitii 
Haroomaayaa waggaa 15n itti murtaa'e!
                                                (saphaloo Kadiir irraa )
Image may contain: 1 person, standing, shoes and outdoor
Abbabaa Urgeessaa ( Nimoona) barattoota yunivarsitii Haromaayaa bara 2014 sababa maastar pilaanii qindaawaa magaalaa Finfinnee mormitaniiru jedhamanii himani irratti baname keessa isa tokkodha.
Abbabaan barataa (Water Engineering) waggaa sadaffaa ture hidhamuu isaa dura.himani abbaan alangaa dabartanii jirtu jedhee ittiin himate jalatti yaada hidhata ABO waliin qabdu kan jedhuu fii mormii yunivarsitii Haromaayaa keessatti taasifame qindeessitanii jirtu boombii barattoota kubbaa miilaa daawwachaa turan irratti darbuudhan nama tokko du'aaf namoota 40 immoo miidhaadhaf saaxiltanii jirtu jechuudhan himatte.haaluma kanaan seera labsii farra shororkeessummaa keeyyata 7/1 darbuudhaan yakka hojjattanii jirtu jechuudhan himatte.haaluma kanaan manni murtii isaanii Abbabaa Urgeessaa irratti hidhaa waggaa 15 murteessee jira
Hiriyyoonni isaa kanneen hafan waggaa 4 hanga 1 kan itti murtaa'e fii yeroo isaanii waan xumurataniif gadlakkiifamanii jiru.

Abbabaan yeroo darbe mana hidhaa qilinxoo gubate keessaa harka qabda jechuun himatamaa 4ffaa ta'ee himatni biraa irratti banamuu isaallee waan beekamuudha.

#OromoRevolution (saphaloo Kadiir irraa )
















No comments:

Post a Comment