Monday, December 12, 2016

Dr Fikru Maaruu Hordofaa dhalataa Oromoo Lammii Biyya Sweden

Dr Fikru Maaruu Hordofaa dhalataa Oromoo Lammii Biyya Sweden



Dr Fikru Maaruu Hordofaa dhalataa Oromoo Lammii Biyya Sweden yoo ta'u ogeessa fayyaa onnee beekkamaadha.
 Biyya Sweden keessatti baratee hojjatee mooxannoofi leeccalloo erga harkaan gayatee booda biyya kootti galeen saba koo tajaajila jedhee deeme.
 Oromiyaas dhaqee seenaa biyyaatti keessatti mana yaalaa dhabee Onnee isa kan duraa dhaabe. Manni yaalaa kunis Addis Cardiac Hospital jedhama. Akkum yaades itti milkaa'ee maammiloonni biyyaattii guutuu dabree Afrikaabiraarraas itti yaa'uu eegalan. maqaan isaas daran guddataa deeme. Maaliloota dabalaa jiran kana keessummeessuuf jecha hospitaalcha daran babal'isuu yaadee meeshaa biyya alaatii fiduuf murteessa. Yeroo kanatti qondaalonni Wayyaaneen gumurukii bulchan gubboo kennitu malee homaa siif hin seenan, diddu ammoo kan galfatte kanaa rakkootu mudata jedhanii doorsisan.
 Namoota beeku dubbifnaanis waa hiixattu malee jarri si hin dhiiftu; nutuu biyyanatti akkanumaan ofirraa gabbaraa jiraanna jedhaniin. Dokorichis osoma garaa isa didu dirqamee waa hiixatuu hin oolle. Gaafa kaan qondaalonni Tigrootaa wal loltee hidhaa wal buufte. Dr Fiqruus doorsisanii maallaqa irraa nyaatanii, booddee fuudhanii hidhaatti darban.

Tibba darbe yeroo manni hidhaa Qilinxoo gubatu achi ture. Doktoora lubbii lammiilee isaa baraaruuf jecha jiruu sadoofi qananii dhiisee Sweden irraa galeen; mana hidhaa gubdee nama fixxe jedhanii yakkuun akka malee dhaananii hospitaalatti waldhaanama jira jetti oduun har'a dhufte.
An akka natti fakkaatutti dubbiin durumaa akkuma 'yaa marqaa si afuufun kun booda si nyaachufi jedhan san natti fakkaata. Yeroma matta'aa gaafatan sanuu Oromticha kana dhabamsiisuuf shira itti xaxuu isaanii arguun ni danda'ama. Erga hidhaniis amma dubbii hin fakkaanneen yakkuun isaanii, Dr Fiqruudhabamsiisanii qabeenya isaa saamuuf akka shiraa jiran hubanna. San daran ammoo beektotaafi dureeyyii Oromoo dhabamsiisuun kaayyoo Wayyaanee guddaa ta'uu namuu ni beeka. Kanaafu Dr Fiqruun shira wayyaanee kanaaf kan duraas kan dhumaas miti. Hamma Wayyaaneen angorra turtetti ija Oromoo buruqsuu hin dhiiftu. Ija ofii baraaruuf mutaa diinaa cabsuun dirqama Oromoo hundaati.

No comments:

Post a Comment