Thursday, December 22, 2016

Gaazaxeessituu Yashawuul_Mangistuu beektuu?

Gaazaxeessituu Yashawuul_Mangistuu beektuu?                                                                                                                                              
                   (Oromo Graphya )
Gaazaxeessituu Yashawuul_Mangistuu beektuu?

Bara Abuubaker Muussaa faan Raadiyoo Harar keessa hojjachaa turan san Abuubaker'faa wajjiin gaazexeessituu Raadiyoo Harar qophii afaan Oromoo hojjachaa turte Yashawul Mangistuu akka taate hedduun keenya niyaadanna.

Gaazexeessituun Yashawul Mangistuu akkuma Abuubaker Muussaa Wadaayitti Dhabaa 'EHPAN'   Bara 1970 keessa ajjeefamte. Sababni isaa Nafxanyoota Keessatti Misseensa hin Ta'uu Waan jetteefi .

YashawulMangistuu gaazexeessitu qofa osoo hin taane akkuma Abuubakar walaleessituufi barreessituu walaloo sirboota Oromoo turte.

Yashawul walaloo sirboota danuu kan barreessite yoo tahu san keessaa kan akka wallee :-
"Akkam naguma
Hiriyaan qabuu kophuma
Dhuftee na laaltu gaaruma" jedhu kan wellisaa Tilahuun Gassasaan weellifame barreessite. Kana malees wallee:

"Way hobii hobii hobi hadasoon libaanata fi biyyoo Adaree biyyoo magaalaa" jedhu kan Dr. Ali Birraan weellifame fi kan biraa walleelee hedduu barreessite. Walliftoota sirba isiin barreessite itti sirban heedduu keessaa kan akka Abdi Buuh, Himee Yusuuf faa tuquun ni danda'ama. Kana malees kanneen biraa danuuf walaloo sirboota barreessa akka turte seenaatu dubbata.

Yashawul Mangistuu fi hayyoota keenya diinni dhidhimse mara seenaan haa yaadatu.

No comments:

Post a Comment