Thursday, December 29, 2016

"OMN" Miidiyaa saba oromooti. Kan dhaabbolee faffacaasu miti. Kan gartuu wohiis miti.

"OMN" Miidiyaa saba oromooti. Kan dhaabbolee faffacaasu miti. Kan gartuu wohiis miti. 
                                                                                                                       (Kamaal Alo Gr irraa) 


"OMN" Miidiyaa saba oromooti. Kan dhaabbolee faffacaasu miti. Kan gartuu wohiis miti. 
Kan ni hojjataa jedhames saba oromoodhaa hundaaf ture. Hojjatees argine. Hojjachuuttis jira. Hojiin isaa guddaanillee saba gamaa gamanaa, alaaf keessaa, bahaaf dhihaa, kaabaa kibbaan woldhaggeessisee tokko taasisee roorroo diinaa tokkummaadhaan wolirratti tumsanii haqaaf falmachuu akka taate nu garsiisee jira.    
inni 2ffa  Rakkoofi dararaa ummanni keenya keessa jiru ilmaan sabaa fi hawaasa addunyaa hunda dhaggeessisuudhaan hojii dippiloomaasiitiif ragaa gahaa wojjiin karaa banuudha. 
Inni 3ffa
 :Mootummaa abbaa irreedhaa cubbamaa woyyaanee kan mootummaa dimokraatawaadha ufiin jedhee osoo addunyaa biratti uf dhaadhessuu jaarraa 21ffaa keessatti bifa duubatti hafaa ta'een ummata biyyattii keessa jiru gabroomfatee biyyas hiyyummaadhaan hadoochu kana dhala namaa hojii suukaneessu inni raawwatu kana wojjiin saaxiluudhaan addunyaa biratti roorriftuun fudhatama akka hin arganne gochuudha. Waan hedduu jechuu dandeenya.
"OMN"
1] Dhala oromoodhaa iddoo kamuu jiru wol dhaggeessisuufi tokkoomsuudhaaf "AFAAN OROMOO"tti fayyadame.
2] Sablammoonni cunqurfamoon murannoofi adeemsa fincila diddaa gabrummaadhaa arganii, dhaganii akka qabsoo keenyatti makaman kan taasise
"AFAAN AMAARAA "fayyadameeti.
3] Bifa arginee as dura hin dhagin takkaan addunyaarratti miidhamni nurra jiru dubbatamee ummanni adiin gariitis hariiroo mootummaa Ethiopia wojji qabu hirdhisuufi muruudhaan akka gahu kan godhe "AFAAN ENGLISH "fayyadameeti.
4]Amma ammoo hariiroo gabroomfataan biyyoota arabaa wojji qaburratti hojjachuufi lammiilee keenya cunqurfamoo baqaan biyyoota arabaa keessa jiran haqaan roorrifamanii kan bahan ta'uun baramee akka kabajamanii jiraatan gochuuf, akkasumas hojiilee dippiloomaasii karaa sanii hojjachuufi haqa jirtu addunyaa kara sanii barsiisuudhaaf afaan arabaatiin hojii eegaluun isaanii 100% tarkaanfii sirriifi galateeffamuu qabudha. Amantiifi maaliin waan wol qabatu takkallee hin qabu.
Afaan arabaa kanuma arabaati.
Namoonni tarkaanfii omn sababoota beekkamaniif jedhee qunnamtii addunyaa wojji oromoon qabu baldhisuudhaaf afaan addunyaadhaa heddummeeffachuun sirrii miti ilaalcha jedhu dhiheessan maal nurraa sodaatanii akka ta'e dhugumatti adda naaf hin baane.
Afaan oromoo islaamaa, oromoo perotestaanii, oromoo waaqeffataa,........
Kana hundaatuu kami beektuu?
Deebiin "AFAAN OROMOO"ti.
Gama afaan arabaafi Afaan oromoo, akkasumas islaama jedhaniin :-
Seenaa afaanotaa fi amantiilee keessatti
SHeek-bakrii saphaloo fi SHeek-Muhaammed Reshaad Abdullee faa uf duuba deebi'anii worroota afaan oromoodhaa badiirraa baraare yaadachuun baayyee barbaachisaadha.
Horaa bulaa.
~Kamaal Aloo Gr

"

No comments:

Post a Comment