Wednesday, December 21, 2016

Ibsa Ejjannoo Gumii Rogeeyyii Oromoo (Oromo Activists Summit) irraa Kenname

Ibsa Ejjannoo Gumii Rogeeyyii Oromoo (Oromo Activists Summit) irraa Kenname
                 (Nagessa Oddo Dube irra)

Ibsa Ejjannoo Gumii Rogeeyyii Oromoo (Oromo Activists Summit) irraa Kenname
Nu rogeeyyiin Oromoo Muddee 17 fi 18 bara 2016 gumii teenne irratti ciminnaa fi laaffinna Fincila Oromoo (Oromo Protests) fi gahee rogeyyummaa marsaalee interneetii (online activism) madaallee kallattii fuuldura isaalle akeeknee kaaneerra.
Gumiin kun miira jaalalaa fi obbolumamaatiin kan gaggeeffame yo ta’u, gumii kana irratti adeemsa rogeyyuummaa madaluu, qeequu, of-qeequu fi of-ilaaluun bakka ciminna qabnu jajjabeeffachuu fi bakka laaffinna qabnullee irratti-hojjachuu fi cimsachuudhaaf murteeffanneerra. Marii taasifne cunfinee ibsa qabxii kudha lama (12) qabu kan armaan gadii kana baafneerra:
1. Rogeeyyi Oromoo jiddutti wolitta dhufeenya cimaa ijaaruuf; gumii akkanaa tana yeroo yeroodhaan bifa iiti-fufiinsa qabuun gaggeessuuf; leenjii gara garaatiin of-cimsaa deemuuf wolii gallee murteessinee jirra.
2. Yakka daangaa hin qabne kan sirni abbaa-irree Woyyaaneetiin saba keennaa fi sabaafi sab-lammoota Itiyoophiyaa irratti gaggeffamaa jiru jabessinee balaaleffataa, yakka kana dhaabsisuuf gama hojii dippiloomaasii, hariiroo saboota Itoophiyaa biroof (solidarity) fi mootummoota biyyoota biraa woliin qabnu cimsuu irratti hojjachuudhaaf akeekkanne jirra.
3. Akkaataan fayyadama midiyaa hawasummaa bifa naamusa, safuu, seeraa fi sirna qabuun akka deemu, marii fi falmiin dhimmoota adda addaa irratti Oromoo kessattis ta’ee saboota biroo waliin godhamu ijaaraa, kan kabajaa ilma namaa eegee fi furmaata irratti xiyyeffate taasisuuf walii gallee jirra.
4. Dantaan saba Oromoo akka sirritti ibsamuu, hubatamuu fi tikfamuu qaamoota mirga Oromo kabachiisuuf qabsaa’aa jiran waliin, wal-hubannoon fi kabajuun hojjachuun barbaachisaa akka ta’e akkasuma qabsoo Oromoof fira guddisuu irratti akka hojjatamu murtii irra geenyee jirra.
5. Humni Oromoo adda faffaca’insaan sochii adda addaa godhaa jiru kun haala qabsoo kanaaf bu’aa buusuu danda’uufi gaaga’ama hin barbaachifne hiri’isuun walitti qindeessinee walitti dhufnee waliin hojjachuudhaa fi gurmaayina bilchaataa fi tarkaanfataa murannoo fi saffisa barbaadamuun qabsoo fuulduratti deemsisu ijaaruudhaaf nuti rogeeyyiin Oromoo murteeffannee kaanee jirra.
6. Marii bal’aa godhamee irraa sochii qabsoo Oromoo deemaa jiru kana bakka barbaadamuun gahuuf, ijaarsaa fi tokkummaa sirritti cimee akka itti fufuu fi qamooti ijaramanii jiranis sochii isaan godhaa jiran akka jabaatan tin’isuun barbaachisa akka ta’ee hubannoo irra geenye jirra.
7. Sirna cunqursaa fi hojii isaa beekuun, wal’ansoo qabsoo deema jiru galmaan gahuuf murtessa dha. Haaluma, kanaan adeemsa, shira, odeeffannoo fi karoora sirnicha haala dursinee saaxiluu akka nu dandeessisu qorannoo fi qorqortii gadi fagoo godhuudhaan hojii sirna abbaa irree gufachiisu irratti hojjechuuf nuti rogeeyyiin Oromoo murteeffannee jirra.
8. Tarsiimoo yeroo dheeraa fi gabaabaa qabaachuu fi tooftaalee tarkaanfattuu sirna abbaa-irree mancaasan fi haala adeemsa qabsoo murteessan baafachuudhaan hojiirra oolchuuf wolii galleerra.
9. Warraqsa sabaatiif gurmaayinni, dadammaqinni, fi sochiin warraaqsaa wal-simatee deemuu akka qabu cimsinee hubanna. Bakka kanatti, dadhabinni cimaan akka jiru nuti rogeeyyiin Oromoo gumii Muddee 17-18/2016 taasifne irratti sirnaan xiinxallee jirra. Kanaafis tooftaan/tarsiimoon warraaqsaa yeroo fi haala adda addaatti rogeeyyii Oromootiin qophaayaa akka ummataaf labsamu irratti murannoodhaan hojjachuuf rogeeyyiin Oromoo murteeffannee kaanee jirra.
10. Oromoon Saba tokko. Afaan tokko, aadaa tokko, seenaa tokko, rakkina waloo fi lafa woloo tokko qaba. Diina waloo qaba. Kaayyoo fi dantaa tokko qaba. Nuti rogeeyyiin Oromoo walitti gara gallee gosaan, qubsummaan, amantiin fi ilaalcha siyaasaatiin walirratti duuluu hojii diinaatiin adda baasnee hin ilaallu. Diinas ta’e fira warra saba tokkocha addaan diigee wal-shakkii fi jibbansa jiddutti uumuuf yaalii godhan hunda cimsinee balaaleffanna. Karaa danda’ameenis namoota Oromoo dogoggoranis haa ta’u beekkaan gocha diinaa tumsu hojjatan gorsa firoomaa kennuudhaaf asumaan waadaa galla.
11. Nuti akka rogeeyyii Oromootti jaarmiyaaleen Oromoo akka tokkooman, jabaatan, ititan fi injifatan barbaanna. Jaarmiyaalee siyaasaa qofa osoo hin taane jaarmiyaaleen hawaasummaa fi mirga namoomaa marti gama dande’ame maraan akka ijaaraman jajjabeessuu fi bira dhaabbachuuf woliif galleerra.
12. Dhumarratti, sochii rogeeyyii Oromoo kana bifa waalta’e, tooftaa fi tarsiimoo qabu akkasumas marii fi qindoomina qabuun gaggeessuuf, gumiin rogeyyoota Oromoo kan rogeyyoota digdamii tokko(21) of kessaa qabuu fi koree afur(4) of jalatti qabatu ijaaruuf waliigaltee irra gayamee qaamni bakka bu’ummaan ijaaru bakka-buufamee kora buufannee jirra.
Injifannoon cunqurfamtoota hundaaf!
Gumii Rogeeyyii Oromoo
Muddee 18, 2016
Minneapolis, Minnesota


No comments:

Post a Comment