Wednesday, December 21, 2016

Miidiyaa waggaa dheeraaf ummata gammachiisuuf jecha oduu sobaa ykn waan qabatamaan lafarra hin jirre gabaasee gabrummaa ummatatti dheeressu irra miidiyaa guyyaa tokko daqiiqaa 5 qofaaf oduu dhugaa ykn waan qabatamaan ummata irratti ta'aa jiru gabaasee xiiqii ummatatti horu woyya. TVO baroota dheeraaf oduu sobaa dabarsaa ture.

Miidiyaa waggaa dheeraaf ummata gammachiisuuf jecha oduu sobaa ykn waan qabatamaan lafarra hin jirre gabaasee gabrummaa ummatatti dheeressu irra miidiyaa guyyaa tokko daqiiqaa 5 qofaaf oduu dhugaa ykn waan qabatamaan ummata irratti ta'aa jiru gabaasee xiiqii ummatatti horu woyya. TVO baroota dheeraaf oduu sobaa dabarsaa ture.

                                                                               (Beknan Rabira irra)
Miidiyaa waggaa dheeraaf ummata gammachiisuuf jecha oduu sobaa ykn waan qabatamaan lafarra hin jirre gabaasee gabrummaa ummatatti dheeressu irra miidiyaa guyyaa tokko daqiiqaa 5 qofaaf oduu dhugaa ykn waan qabatamaan ummata irratti ta'aa jiru gabaasee xiiqii ummatatti horu woyya. 
TVO baroota dheeraaf oduu sobaa dabarsaa ture. Mootummaa sana dimokiraatawaa taasisee, cunqursaan tokkos akka hin jirreef Ummatnis misoomaan kan badhaadhe taasisee gurra ummata duuchaa ture. Haata'uu malee soba waggaa dheeraa sanaan osoo hin taane oduu dhugaa guyyaa tokko qofa waa'ee maaster pilaanii Finfinneef naannawa ishee bara 2014 keessaa gabaasetu ummata Oromoo xiiqiii itti hore. Akkasumaan dallansuun ka'ee master plan sana falme. Itti dabalees Ummatni Oromoo miidiyaalee xixiqqoo akka raadiyoo tana baroota dheeraaf dhaggeeffataa ture. Isaanis kan gabaasan oduu qabatamaa ummata xiiqii qabsiisuuf kakaasu osoo hin taane waan hin jirre 100 hojiin ala gochuu, 100 booji'uuf kkkf ture. Ummatni gaafa oduu 100 ajjeesuu guyyaa guyyaan dhagahu taa'ee bilisummaan dhufaa jirti jechuu malee maal ka'ee falmata ree? Waggaa dheeraaf jaarmayaa siyaasaatu bilisummaa fida jedhee eegaa ture. Garuu oduu isaan baroota dheeraaf ummata gammachiisuuf injifannoo qabatamaan hin argamne gabaasaa turan sana irra OMN dheerinna yeroo muraasaa keessatti shira mootummaan woyyaanee ilmaan Oromoo guutuu Oromiyaa keessatti raawaachaa tureef jiru, hidhaaf ajjeechaa, dararaaf saamiinsa lafaaf qabeenyaa jiru hunda ummataaf gabaasuun ummata Oromoo dallansuuf xiiqiin ka'ee tokkummaan akka falmatu taasisee. Kanaaf dhugaan humna qabdi. Miidiyaaleen Oromoo hunduu hanga danda'ameen oduu qabatamaa qofa yoo ummataan gahan ummata Oromoo biratti jaalala wal qixaa , ummata dammaqsu. Ummatni misooma sobaa ykn injifannoo lafarratti hin mul'atneen bara gabrummaa ofitti dheeressuu irra haqa jirtu ajjeechaaf hidhaa, saaminsa lafaaf qabeenya isaa irra gahaa jiru miidiyaa irraa yoo dhagahu ka'ee falmatee bara gabrummaa gabaabsa. Dhugaan humna qabdi. Waggaa 10f oduu sobaa gabaasuu irra daqiiqaa 5f oduu qabatamaa gabaasuu woyya.

No comments:

Post a Comment