Tuesday, December 20, 2016

Motummaan Abbaa Irree TPLF ‘Master Plaanii’ dhiise jette hojii irra olchuuf yaalii ka biraa eegalte.

Motummaan Abbaa Irree TPLF ‘Master Plaanii’ dhiise jette hojii irra olchuuf yaalii ka biraa eegalte.

Add caption
Mootummaan Abbaa irree TPLF karoora saamiinsa lafa Oromoo maqaa ‘Master Plan’ jedhuun baafattee itti adeemuuf ture mormii cimaa fi diddaa wareegama qaalii kaffalsiise uummati Oromoo Kaabaa-Kibbaa, Bahaa-Dhiyaa tokko tahuudhan waggaa tokko oliif adeemsisaa tureen yeroof dhabuuf dirqamuun ishii ni yaadatma.

Haa ta’u malee, mootummaan murna bicuu fi nama-nyaataa Tigree karoora saaminsa lafaa fi Oromoo lafa isaa irraa buqqaasuu mata jabinaan yeroo sadaffaadhaaf yaalii gochaa akka jiru madda oduu TV to’anna isaa jalatti hojjetuun labsaa akka jiru hubatameera.
Uummati Oromoo mormii ‘Master Plaanii’ kana irratti qabuutti dabalee roorroo fi sirna gabrummaa waggaa 140 oliif Oromoo irratti diriiree jiru hundeedhaan ofirraa buqqisee gatuuf, akkasumas hacuuccaa dingdee, siyaasaa, hawaasumaa fi aadaa qee’eesaatti irra gahaa jiru jalaa of baasuuf bara 2014 mormii tooftaa haarawatiin eegale bara 2015 caalaatti itti fufsiisuun wareegama qaalii waggaa tokko qofatti baaseen lubbuun Oromoota 2,000 (Kuma lama) olii human waraanaa Agaziitiin galaafatamuun kan yaadatamudha.
Mootummaan bicuu TPLF, momii jabaa ummati Oromoo Oromiyaa maratti magaalota 250 olitti al tokkicha itti qabsiiseen caasaan bulchiinsaa fi tikaa isaa hojiin ala tahee Oromiyaan to’annaa fi humna Wayyaaneen ala waan taateef karoora saaminsa lafaa baafatee ture yeroof kara ergamtoota isaa OPDOtiin ‘dhaabeera’ jedhus yeroo dhiyoon as tooftaa harawaan qaama United Nation kan tahe kara UN-Habitat jedhamuu ijjibaata dhumaa gochaa jiraachuun isaa beekameera.
Yaaliin Wayyaanee kun tuffii ummata Oromoof qabuu fi lubbuu ilmaan Oromoo 2,000 ol galafate akka dhiiga sareetti ilaaluudhaan gochaa duguugiinsa sanyii dalagaa ture jabeessee itti fufuudhaaf kan murate ta’uu kan agarsiisu yoo ta’u, kana hunda irra tarkaanfatee Oromoo lafaa fi qe’ee isaa irraa buqqisuuf yaalii marroo sadaffaa eegaluun ishii gochaa abdii kutannaa ta’uu xiinxaltooti ibsaa jiru.
Haa ta’u malee, karoora Wayyaaneen caasaa bulchiinsa Finfinnee fooyyeessuu fi ammayyeessuu jedhuun eegalte kana Oromoodhaaf akka waamicha dhumaatti ilaaluudhaan uummati Oromoo keessaa fi alaan wal ta’ee sirna nama-nyaataa fi faashistii Wayyaanee dhabamsiisuuf tokkummaan ka’uun yeroon amma ta’uu isaa beektonnii fi qabsaa’onni Oromoo dhaamsa dabarsaa jiru.





No comments:

Post a Comment