Monday, December 12, 2016

Daspooran Oromoo eenyuu fa'ii ?

Daspooran Oromoo eenyuu  fa'ii  ?

                                                                                           ( Kebede Desissa irra)
       
Namni yeroo dhiyoo as media hawaasummaa hordofe, waan isaan haasa’an taa’ee ilaale fi kaayyoo isaanii xiinxale, warra “daspooraa Oromoo” ofiin jedhan garee afran armaan gadiitti ramaduu ni danda’a.
1,ffaa,   Aktivistoota dhugaa (genuine and committed):- Gareen kun warra dhugaa Oromootiif yeroo, humnaa fi beekumsa isaanii aarsaa godhanii irriba dhabanii hanga danda’an ummatichaaf dhama’aa jiraniidha. Isaan kun hanqina qabsoo siyaasaa Oromoo hubatanii qaawwaa isaa duuchuf beekumsa qabaniin irriba dhabanii hojii dhaabbataa isaanii godhatanii hojjetu. Beekumtii fi faaruu hin barbaadan. Kan isaan barbaadan Oromoo haala amma keessatti kufee jiru kana keessaa akkamiin akka bahu tarsiimoo ciccimoo bocuudhan hojjetu. Warri kun lakkoofsan xiqqoodha. Hojii fi dandeettii isaanii namni waan hubateef beekumtii argataniiru; garuu kan hojjetan beekumtii ykn galata argachuuf miti, dirqama dhalootaa bahuufi malee.
2,ffaa,  Garee ofittootaa fi oftuultotaa (egotistic and pompous): gareen kun muuxannoo yeroo dheer fi hirmaannaa siyaasa Oromoo keessatti warra qabaachaa turani. Warri kun sababa adda addaatiin ammatti bu’aa kana jedhame buusaa hin jiran. Isaan kun warra 1ffaa irratti caqasamaniin hojiidhaan durfamanii jiru. Aarii durfamuu isaanii irraan kan ka’e warra dhugaafi ciminaan hojjechaa jiru kana ni balaaleffatu. Kana qofa osoo hin ta’in, ‘waan nuti jenne malee inni kaan sirrii miti’ jedhanii yaada goggogaa tarreessu. Rakkoon isaanii garuu yaddoo “hojii keenyaaf galata dhabne; beekumtii dhabne; gaafa ummanni bilisoome aangoo hin argannu” jedhu malee warra kaan faana garaagarummaa yaadaa qabaatanii miti. Dursa kan kennaniif maqaa fi faayidaa isaanitiifi malee waa’ee milkaa’ina wal’aansoo siyaasa ummatichaa miti. Tokko tokkoon isaanii immoo siyaasa ummatichaa madda galii godhatanii waan jiraniif qaamni isaanin hin ogganamne yoo uumame kana nurraa dhaabsisa jedhanii yaadda’u.
3,ffaa, ,Garee ergamtootaa: Isaan kun warra diinni ergatee maqaa Oromoo qabatanii gahee diinummaa isaanii haalan bahachaa jiraniidha. Kaayyoon isaanis yaada namoota siyaasan, amantaan, laganii fi kkf’n walitti buusuu danda’an kaasun ummata diigudha. Warri kun gaafa biyya keessa jiran qabsooftota fakkaatanii dhimma Oromoo heddu keessatti dursanii qooda fudhatu (preceded by their pretentious practice at home). Kaayyoon Gochaa akkasii immoo gaafa daspooratti dabalam salphaatti amanamummaa argachuufi keessa ce’uuf (penetrate) gochuuf akka isaan dandeessisuufi. Gaafa bahan baqataa siyaasaa fakkaachuun ergama isaanii bahatu. Kan nama ajaa’ibu hanga oggansa jaarmayaatti ol siqanii bakka murteessaa warri gahanis jiru. Isaan kun garaagarummaa jaarmayaalee ummataa gidduu jirutti fayyadamuun summii tufu. Miidiyaa ijaa fi gurra ummataa ta’e ni balaaleffatu. Nama hojii wayyaa hojjetu xurii dibu. Tokko tokkoon isaanii maqaa hin jirre baafatanii dalagu. Kaan immoo nama dhugaaf deemu fakkaatanii maquma isaanin deemu.
4,ffaa, Garee burjaajoftootaa (confused ‘elite’): Gareen kun garee isa badaadha. Yaada mataa ofii hin qaban. Hubannoonis isaan hanqata. Sababoota garagaraatiin biyya ambaa deemanii jiraatu. Biyya faranjii haa jiraatan malee sadarkaan waa xiinxaluu isaanii gadi aanadha. Yaaduma abbaan fedhe(diinnis firris) kaasun asiifi achi oofamu. Tokko tokkoon isaanii immoo akka ‘ebeluutti’ beekamuudhafis waa borcaa kan oolan jiru. Interneetii akka fedhanitti waan argataniifi fb ati hin barreessin waan hin jenneef waanuma itti dhufe xibaaru. Kiyyoo ergamtootaatiinis (warra 3ffaatiinis) akkuma salphaatti butamu. Lakkoofsan warri kun garee hunda caala baay’atu.
Kanaafuu, warri otoo beektanuu fedhii dhuunfaf jecha dhimmi ummataa isin jalaa fagaate dhaabbadhaa ilaalaa. Yoo ummatichi aaloo isin bahuu baates seenan haaloo isin baati. Waan gaarii hojjettaniif gaafa galma gahe galata ni argattu; ammaaf haalli ummanni itti jiru sagantaa galataa isinii qopheessuu hin dandeessisu. Warri otoo hin beekin kaayyoo diinaa duukaa deemtanis hubadhaa. Waa jechuun dura waa hubadhaa. Dubbiin siyaasaa hedduun akka nuti yaannu qajeelaa miti, wal xaxaadha. Warri ergamtootaa gahee isaanii bahaa jiru waan ta’eef waanin jedhuun hin qabu.

1 comment: