Friday, December 23, 2016

SEENAA GABAABAA OBBO BAQQALAA MOKONNON


SEENAA GABAABAA OBBO BAQQALAA MOKONNON



                       
                                 (Bilile Ali irraa )



















SEENAA GABAABAA OBBO
BAQQALAA MOKONNON
Obbo Baqqalaa Mokonnon abbaa 
isaanii Qanyi
Azimaachi Mokonnon Wasanuu fi haadha isaanii
Adde Abbebbechi Ejersaa irraa akka lakkoofsa
Itiyophiyaatti Sadaasa 28,1922 naannoo
Oromiyaa, konyaa Salaalee, ona Wacaalee, ganda
Boolee jedhamee beekamutti dhalatan. Obbo
Baqqalaa Mokonnon haadhaa fi abbaa isaaniif
mucaa jalqabaa; obboleessaa fi obboleettii
isaaniifimmoo hangafa turan.
Obbo Baqqalaan abbaa isaanii fi haadha
isaaniitiin, keessattuu adaadaa isaaniitiin
kunuunfamanii guddatan. Afaan Amaaraas
baratan. Akkuma ijoollee naannoo isaanii farda
gugsii, bishaan daakuu, xiyyaafannoo qawwee,
kollee/qillee xapahchuu jaallatu ture. Barnoota
afaan Amaaraa erga fixanii booda mana
barumsaa Tafarii Mokonnon seenanii barnoota
sadakaa lammaaffaa xumuratan. Sana booda,
yeroo sanatti haarawaa banamee kan ture
koollajjii hujii daldalaa ( Commercial College)
seenanii waggaa afuriif barnoota isaanii
hordofan. Barnoota isaanii xumuranii hojjetaa
herregaa ta’anii Baankii Daldaala Itiyoophiyaaf
( Commercial Bank of Ethiopia) waggaa 13
hojjetan.
Obbo Baqqalaan amala gaarii, miidhagaa,
uffatnaa bareedaa fi walumaa galatti
ofeeggannoo fi of-babbareechuu dhan
dargaggoota yeroo isaanii turan keessaa
dinqisiifamaa turan. Haa ta’u malee, haala
jireenya isaanii fi jireenya saba isaanii,
keessattuu rakkinaa fi badaddina ummata
Oromoo, yeroo walbira madaalanii ilaalan jireenyi
isaanii nama qullaa karabaataa hidhatee adeemu
isaanitti fakkatte. Jireenyi isaaniis hiikaa dhabe.
Kanaafis umurii dargaggummaa irraa jalqabee
hanga lubbuun isaanii dabartutti waan dandahan
gochaa turan. Gochaa kana keessatti- jalqaba
jireenya firaa fi saba isaanii foyyeessuuf akka
nama tokkootti waan tokko tokko gochuu
eegalan.
Waan dalagan keessaa hanga xiqqoo maqaa
dhahuuf: baankii hojjetan keessaa horii baasanii
namoota rakkatoo Waajuu keessaa fi naannoo
jiraataniif hiranii akka hoolaa, handaaqqoo,
dhadhaa fi kkf nagadanii bu’aa argatan; horii
liqeeffatanimmoo akka baankiitti deebisan
gochaa turan. Abbaan isaanii, Qanyi Azmaachi
Mokonnoo, mana barnootaa Waajjuu fi Dabre
Tsigee keessatti bananii turan. Obbo Baqqalaan,
namootni naannoo sanaa ijoolleen isaanii akka
mana barnootaa kanatti geessanii barsiisan
gochaa turan; bakka nagadaa (gabaa) abbaan
isaanii Dubar keessatti dhaabaanii turan
namootni akka dhimma itti bahanii jireenya
isaanii fooyyessan carraaqqii guddaa godhaniiru.
Kun hundi jireenyaa fi mirga ummata isaanii,
akka isaan barbaadanitti jijjiiruu akka hin
dandeenye, waan hubataniif haala foyyaheen
ummata isaanii gargaaruuf yaaduu jalqaban.
Utuu kana yaadaa jiranii warra waldaaa Maccaa
fi Tuulamaa bu’uuressaan, Obbo Hailemariam
Gammadaafaa, waliin wal quunnaman. Marii
isaani wajiin godhetan. Kuni obbo Baqqalaa
hedduu gammachiise. ‘ ‘Dhuguma Waldaa kana
keessatti qooda fudhadhee fedhii fi kaayyoo
kiyyaa bakkaan gahuun nan dandhaha’’
jedhanii waldaa kana dhaabuu keessatti qooda
guddaa taphatan.
Akka lakkoofsa Itiyophiyaatti bara 1955 waldaan
Maccaa fi Tuulamaa ifatti erga dhaabbatee
jalqabee geggeessitoota kaan waliin onnee fi
murannoo dhan guutuu Oromiyaa keessa
naannawanii ummata dammaqisuu fi ijaaruu dhan
bakka hedduutti damee Waldaa Maccaa fi
Tuulamaa dhaaban. Akka lakkoofsa Itiyophiyaatti
bara 1959 waldaan Waccaa fi Tuulamaa
guddatee guutuu Oromiyaa keessa sochoosuun
waan sodaachiseef mootummaan yeroo sanaa
obbo Baqqalaa dabalatee hoggantoota waldaa
Maccaa fi Tuulamaa irratti hidhaa waggaa 10
hanga adabaa du’aa isaanitti murteessee gara
mana hidhaa ‘Alem Beqqanyi’ jedhamutti
darbataman. Obbo Baqqalaan hidhaa isaanii
xumuranii erga bahanii booda intala- intala
bulchaa (Baalabbaata) wallaggaa, Kumsaa
Morodaa, kan ta’an adde Atsede Habtemariame
fudhanii ilma isaanii Kumsaa Baqqalaa dhalchan.
Obbo Baqqalaan bara 1991 yeroo mootummaa
cehumsaa dhaabbatee ture Adda Bilisummaa
Oromoo simatanii qubsiisuurraa eegalanii koree
manguddootaa qindeessuu dhan naannoo adda
addaa deemanii ummata barsiisaa fi ijaaraa
turan. Obbo Baqqalaan akka lakkoobsa
Awurophaatti bara 1992, biyya isaanii keessa
jiraachuu irratti rakkina waan taheef biyya Ingilizi seenanii, magaalaa London keessa waggaa 24 jiraatan. Biyya Ingilizi yeroo jiraatan firoota fi ilmaani firoota isaanii walitti sasaabuu dhan
maatii guddaa uumanii; firaa baayyee horatanii jireenya hedduu nama gammachiisu dabarsan.
Obbo Baqqalaan erga biyya Ingilizi seenanii hujiin isaaniii inni guddaan QBO jabeessuu, ummata Oromoo tokkoomsuu, gorsuu fi barsiisuu ture.
Obbo Baqqalaan dargaggoota hedduu qabsoo
bilisummaa Oromootti fiduu, qaruu fi jajjabeessuu
keessatti gahee guddaa taphachaa turan.
Kallattii dhan koree ABO biyya UK keessatti
qooda fudhatanii Abbaa Dinagdee tahuu dhan
qabeenyaa dhaabaa amanamuummaa fi
qusannoo dhan qabanii hujii dhaabaarra oolchaa kan turan amanamaoo turan. Kanatti dabalee sagalee Oromoo ukkamfamee ture mootummaa Ingilizii fi biyyoota kaanitti dhageessisuuf hiriira ummataa qindeessuu fi keessatti qooda fudhatuu dhan utuu hin hifatiin waggaa 24 falmaa turan.
Obbo Baqqalaan qorra, cabbii, bokkaa fi aduu
utuu hin sodaatiin hiriira bahuu, hawaasa Oromoo
ijaaruu, gorsuu, ebbisaa kan turan hangafa
Oromoo ti. Akkasumas waajjira mootummaa
biyya Ingiliziitti deddebi’anii rakkina Oromoo
ibsaa turan. Itti dabalees walgahiilee Oromoo
biyya Norway, Germany, Belgium fi USA irratti argamanii barnootaa fi gorsa bal’aa ummata Oromoof kennaa kan turan abbaa fi barsiisaa guddaa turan.
Obbo Baqqalaa kan isaan dheekkamsiisuu fi nama waliin walitti isaan buusu waan tokko qofaature. Innis firaa fi sabni isaanii yeroo miidhaman arguu ture. Kanaaf umurii isaanii guutuu mirga lammii fi saba isaanii falmaa turan. Hujii Obbo Baqqalaa kan adda taasisu keessaa inni guddaan cichoomina kaayyoo kan hin dhumne qabu ture.
Amanamummaa fi qulqulluummaan sabaa fi lammii isaaniif qaban daangaa hin qabu ture.
Akkasumas, yeroo hundaa hamilee guutuu qabaachaa turan Hanga daaqiiqaa lubbuun isaanii baatuutti dararama Oromoof quuqamaa, ilmaan Oromoo yeroo ammaa ajjeefaamaa jiraniif yaaddawaa turan.
Obbo Baqqalaan bara jireenyaa isaanii rakkina,hidhaa fi baqattummaa obsaan keessa darban;kaayyoo dhabbataniif daqiiqaa tokkofillee utuu hin irraanfatiin, sodaan Waaqayyoo utuu isaan irraa adda hin bahiin kan jiraatan qabsaawaa Oromoo jabaa fi goota turan. Mirgaa fi kabaja
sabaaf jecha lubbuu isaaniillee yoo kennan hin jibban ture. Firaa fi saba isaaniif gaachana guddaa kan turanii dha. Yeroo gaddaa fi gammachuu maatii isaaniif; guddaa fi xiqqaaf;
kuni fira dhihoo, kuni fagoo utuu hin jedhiin nama hundaaf walxiqa dhaqqabaa turan. Yeroo rakkinaa yoo dandahan kan qaban irraa hiranii, yoo dadhabanimmoo fira irraa fuudhanii nama
gargaara turan.
Obbo Baqqalaa Mokonnon baatii lamaaf mana yaalaa (hakiimaa) St. Thomas jedhamee London keessatti beekamutti tajaajila irra turanii dhalatanii waggaa 86 itti Dilbata, Amajjii 15, 2008 (akka lakkoopsa Itiyoophiyaatti) adunyaa kanarraa du’aan boqotan. Guyyaa dhukkubsatan irraa jalqabee hanga lubbuun isaanii dabartutti
ilma isaanii, obbollaa isaanii fi firoottan isaaniitiin akkasumas ummata Oromootiin marfamanii guyyaa tokkollee utuu dhukkubni isaanitti hin dhagayamiin utuu taphatanii fi kolfanii nagaa dhan adunyaa kanarraa godaanan.
Obbo Baqqalaa of biraa dhabuu keenyaaf gaddi guddaa akka nutti dhagayame ibsachaa ilmi isaanii fi maatii isaanii bal’aaf jajjabina akka argatan hawwina. Akkasumas, ummatni Oromoo beekaa fi goota akka Obbo Baqqaalaa of gidduu tii dhabuu irraa gaddi guddaan akka itti dhagayamu hubatamnaa dha. Garuu mul’ataa fi kaayyoon Obbo Baqqalaan ilmaan Oromoo gidduutti dagaagee mirga Oromoo gonfachiisuu yeroo itti belbelaa jiru kana waan isaan umurii ijoolluummaa irraa jalqabanii itti dadhabaa turan bakkaan akka geenyu abdii qabna.
Obbo Baqqalaan seenaa Oromoo keessatti bakka guddaa qabatanii bara baraaf jiraatu.
Qabsawaan ni kufa
qabsoon itti fufee bakka gaha!
Injifannoo ummata Oromoof!

No comments:

Post a Comment