Tuesday, December 20, 2016

 Oromoon maal akka tahe beektaa?
Oromoon eenyu akka tahe akeektaa?



Oromoon maal akka tahe beektaa?
Oromoon eenyu akka tahe akeektaa?

                            ( Saphaloo Kadiir irra )






 
Oromoon maal akka tahe beektaa?
Oromoon eenyu akka tahe akeektaa?

Eeyyee! hiiknisaa bal'aa akka garbaa,
Qulqulluu, xaliila akka bishaan roobaa,
Warra beekkumsaan lafarra saare,
Warra sirna gadaaf siiqqee jaare,
Burqaa dhala namaa addunyaa guutuu,
Waa'ee oromoo himuuf dachiin hin fuutu.
-
Oromoo kan jadhu yooniif hiikte,
Bal'aa hiikkaansaa yoo gad laalte,
O - Odeeffannoo qaanqee dhugaa hilattu,
R - Ragaa qabatamaa cululuqxee mulattu,
O - Odaa gaaddisa haqaa namaaf laatu,
M - Madda aadaafi seenaan badhaatuu,
O - Ogeeyyoota jiruufi jireenya ardii,
O - Obbolummaa qabdu dhugaafi abdii.
-
Yoom kana qofa, yoom hanganaree?
Warra dimorkaasii addunyaaf jaaree,
Warra guddifachaaf moggaasa unkure,
Warra sirna gadaa ganamaan bu'ure,
Saba qulqulluu xiqqaaf guddaan faarse,
Warra rabbiin xiiba jaalalaa itti firfirse,
Arra maaliif shirri alagaa itti marsee?
-
Warra hangafa kuush qarooma nuubiyaa,
Qubsuma ganfa afrikkaa dachii oromiyaa,
Burqaan abbaa ya'aa kan madda abbayya,
Isaan keessaa burqee deema biyya biyya,
Warra idil addunyaaf ablee qaroomaa qare,
Warra biiftuu guddinaatiin ardii taraare,
Warra sammuu qaroon sirna ateetee bare.
-
Eeyyee..! Oromoo jachuun:
Warra irreeffatee waaqa isaa kadhatu,
Warra uumaan beekeetiis galateeffatu,
Warra xiqqaa eebbisee guddaa kabaju,
Warra mirga namaaf carraaqee ifaaju,
Warra abbaa gadaa warra waaqni ajaju,
Warra oromummaa saatiin boonee if jaju,
Warra uumamaan hin jaalanne dhara,
Oromoon isaanii kan hinbeekne baraa.

--- ------
                                                                  

No comments:

Post a Comment