Thursday, December 29, 2016

OMN woyyaaneenuu miliiyoonota hedduu irratti kasaartee dadhabde, miidiyaan ummata Oromoo har'as borus hin Kufu. Ni jiraata, ni guddata

OMN  woyyaaneenuu miliiyoonota hedduu irratti kasaartee dadhabde, miidiyaan ummata Oromoo har'as borus hin Kufu. Ni jiraata, ni guddata
                                                                                             
                                                                                          
 BBC'n afaanota amma bara haaratti Afaan Oromoo dabalatee tamsaasuuf karoorfate wajjiin yoo xiqqaate Afaanota 40 oliin tamsaasa raadiyoof televesiyoonii guutuu adunyaaf dabarsuuf jira. OMN miidiyaan Oromoo garuu amma afaan 3ffaa irra jira, dhalachuu isaati.Afaan Arabaan tamsaasa jalqabuu irratti namoota waanuma hunda mormuu malee takkaa hin deeggarre, diiguu malee ijaaruu hin beekneen, barachuu malee hojitti hin hiikneen, akkuma woyyaanee waanuma hunda amantiif, gandaaf shororkeesummaan walitti fidaniin mormamuun waan nama dinqisiisuu miti.Duri woyyaanee jenna, amma kan nu diigu numa keessa jira. Namni OMNif qarshii takka hin kennin, ammas tuffii miidiyaa Oromoo irraa kan ka'e hin dhageeffatne, yoo guddinna isaa qeequuf sa'aa 24 facebook irra oole tuffatanii dhiisuu dha. Isaan inuma hinaafu, OMN garuu inuma guddata. Doktorootniif pirofeesorootni biyya namaa, waan dubbataniif gorsa hundaaf ni kafalamaaf. Daqiiqaan isaan birratti gatii qabdi. kan keenya tokkoo tokko garuu guyyaa rabbi uume hunda facebook irratti kafaltii malee dibbee jibbaa rukutaa oolu. Korma jabbii keessa oole sana. Bara dhufaaf darbaa kanuma osoo dalagan bool'attti galu. Namatti dhufanii nama wajjiin mar'achuu, ilaaf ilaameen/koottu-dhufeen hin jiru ykn hojii nama qeeqanii sana caalu hojjatanii as bahuuf aadaa qeeqaa malee aadaa hojii hin horatne. Yoo dhugaa dubbatne adunyaan hanga ummata Somaalee beektu Oromoo hin beektu. Namootni adunyaa irratti maqaa Oromoo dhagahanii hin beekne hedduu dha. Biyya ofii adunyaatti kan barsiisu numa Oromoota. OMN karoora isaa keessatti Oromoof Oromiyaa adunyaa barsiisuuf,ilmaan Oromoo biyya namaa keessatti dhalataniif carraa seenaa,aadaaf eenyummaa biyya isaanii barsiisuu banuu dha. kanaaf,woyyaaneef summii lammii keessaatii, nama qeequu malee hojiin hin qabne, nama hinaafuu malee hin gammanne, nama waa diiguu malee takkaa ijaaruu hin beeknetti gurra hin kenninaa. OMNiin woyyaaneenuu miliiyoonota hedduu irratti kasaartee dadhabde, miidiyaan ummata Oromoo har'as borus hin Kufu. Ni jiraata, ni guddata. keep calm and Support Your OMN.

No comments:

Post a Comment