Wednesday, December 21, 2016

Wayyaaneen ammas Maastar Pilaanii hojiirra oolachina jechuutti jirti. Maastar Pilaaniin kun kan amma duraatiin adda moo tokko?


Wayyaaneen ammas Maastar Pilaanii hojiirra oolachina jechuutti jirti. Maastar Pilaaniin kun kan amma duraatiin adda moo tokko? 

                                      (Jawar Mohammed irraa)

Wayyaaneen ammas Maastar Pilaanii hojiirra oolachina jechuutti jirti. Maastar Pilaaniin kun kan amma duraatiin adda moo tokko? Mirga Oromoofi Oromiyaa ni miidhamoo?
1) Maastar Pilaannin kun maqaadhaaf kan duraatiin adda. Kan duraa sun Maastar Pilaanii Qindaawaa Magaalaa Finfinneeif Magaalota Godina Addaa Oromiyaa sanitti walitti hammatee qophaaye ture. Akka wayyaaneen jettutti Mastar Pilaaniin qindaawaan sun mormii ummata Oromootin waan fashaleef Magaalaan Finfinnee Maastar Pilaanii haraya kana mataa ishee qofaatti baafattee jirtii. Kuni garuu dhugaadhaa?
2) Galmeelee Maastar Pilaanii 'haaraa' kanaa waliin walqabatanii dhihaatan muraasa argeen jira. Galmeelee kanarraa akka agarrutti maastar pilaaniin kun kan Finfinnee qofa haa jedhamuu malee iftii kaartaa Maastar Pilaanii kanarra kaayame daangaa baldhina magaalaa Finfinnee kan yeroo ammaa irra hedduu guddaadha. Fakkeenyaaf bakkeewwan Oromiyaa keessa jiran kanneen akka Galaan, Tulluu Diimtuu, Jamoo fii Samiit jedhaman fudhatee jira. Kana jechuun kaartaan kun daangaa Finfinnee baldhisuun lafa bulchiinsa Oromiyaa jala jiru as mura. Akkuma dura karoorfame qonnaan bultoonni Oromoo kumaatamaan lafarraa buqqa'uuf deemu jechuudha.
3) Maastar Pilaaniin kun haaraa haa jedhamu malee akkuma isa amma duraa san magaalaan Finfinnee tajaajila bishaanii Oromiyaa keessaa ( Gafarsa, Laga Daadhii, Qaallitti) irraa argatti jedha. Kosii illee Oromiyaa keessaatti akka darbamutti kaaye. Tajaajila kana Finfinneen kaffaltii malee akka argattutti tilmaama warri karoora kana baase kun.
4) Yoo yaadattan mirga addaa Oromiyaan Finfinnee irraa qabdi jedhamee keewwaata 49(5) keessa kaayame san baatii Onkololeessaa darbe kana furmaata itti goona jedhanii waadaa seenanii turan. Onkololeessi dhufee darbe, furmaanni godhame garuu hin jiru. Osoo gaafii guddaa kanaaf furmaata hin kenniin karoora waggoota 25 turu baasuun mirga Oromiyaan qabdu san daranuu duuchuuf akka ta'e akeeka.
5) Maastar Pilaanii kana haaraa fakkeessuuf hedduu carraaqan. Maqaa isaa jijjiran; kan duraa saniif fakkeenyi magaalaa Faransaay tan Lyon jedhamtuu turte, kan haaraa kanaa ammoo tan Korea Soul jedhamtuudha jedhan. Dhugaan jiru garuu Maastar Pilaanii kaleessaa sanis kan ammaatin kan dhiibaa jiru namootuma walfakkaataadha. Abbaay Xaayyee Dhaabbata Qorannoo Magaalaatirraa duubaan dhiiba. Maatiwos Asaffaa Maastar Pilanii akka duraatif maanajara, kan ammaatifis sanuma.
Walumaagalattuu Finfinneen handhuura teessuma lafaa, aadaa, seenaafi diinaggee Oromiyaati. Karoorri magaalaa kanaa kamiyyuu Oromiyaa ni laallata. Karoorri Oromoofi Oromiyaa osoo hin hirmaachisin bahu ammoo dantaa saba kanaaa miidhuun isaa waan hin oolle. Ijaa kana ta'eef moirmamuu qaba. Wayyaanees ta'ee humni biraa Finfinnee karoora baasuu dura gaafii mirgaa Oromiyaafi Oromoon magaalaa sanirraa qaban deebisuun dirqama. Sana ta'uu baannaan isaanis haa baasan Oromoonis fashaleessuu ittuma fufuun waan hin oolle.












1 comment:

  1. ኦሮሞን የካደች አዲስ አበባ መገንባት

    ከዝህ በፊት የኦሕዴድ ማዕከላዊ ኮሚቴ ባወጣው መግለጫ የውዝግብ መንስዔ ሆኖ የቆየው የአዲስ አበባና ፊንፊኔ ዙሪያ የኦሮሚያ ልዩ ዞን የተቀናጀ ማስተር ፕላን ሙሉ በሙሉ እንዲቆም ወስኗል፡፡ ቀደም ሲልም የክልሉ መንግሥት ሕዝብ ካላመነበት ተግባራዊ አይደረግም ማለቱ ይታወሳል፡፡ ከዚህ በተጨማሪ የኦሮሚያ ክልል ከአዲስ አበባ አስተዳደር ማግኘት ያለበትን የልዩ ጥቅም ጥያቄን በተመለከተ ሕገ መንግሥቱ ላይ በተቀመጠው መሠረት፣ በአጭር ጊዜ ውስጥ ምላሽ ለመስጠት እየተሠራ መሆኑንና እስከ-ጥቅምት ወር ምላሽ እንደምያገኝ አስታውቀው ነበር፡፡
    ነገር ግን በአሁኑ ሰዓት በህገመንግስቱ ላይ በግልጽ በተቀመጠዉ መሰረት የኦሮሚያ ክልላዊ መንግስት ፊንፊንኔ (አድስ ኣበባ) ላይ ማግኘት የምገበው ጥቅም በግልጽ ሳይደነጋግና በተግባር ላይ ሳይዉል ነጥሎ የአድስ አበባን ማስተር ፕላን ብቻ ተግባራዊ እናደርጋለን የሚለው አካሄድ፡
    • የኦሮምያን በዋነኝነት የባለድርሻ አካል እስካላደረገ ድረስ የኦሮምያን የአዲስ አበባን ተሪቶሪ ባለቤትነት የሚሰሪዝ/የምክድ ነው፤
    • ፊንፊንኔ (አድስ ኣበባ) የኦሮሚያ ክልል ዋና ከተማ መሆኑን መክዳት ነዉ፤
    • የኦሮሞን ሕዝብ መብትና ማንነት ጥለሻት መቀባትና መካድ ነዉ፤
    ይህ ታሪካዊ ክህደት ደግሞ በኦሮሞ ዘንድ ተቀባይነት አይኖረዉም። ሲለዝህ ባጠቃላይ ኦሮሚያ በርእሰ ከተመዋ (ፊንፊንኔ) ላይ ያላትን መብትና ልዩ ጥቅም አስቀድሞ ሳይመልሱ ኦሮሞን የካደች ፊንፊንኔ የመገንባት ስራ አጥብቀን እናወግዛለን!!
    Reference
    http://addisstandard.com/the-special-interest-the-affirmation-of-denial/
    http://archiveamharic.ethiopianreporter.com/content/የአዲስ-አበባ-ከተማ-አስተዳደር-የራሱን-ማስተር-ፕላን-ተግባራዊ-ሊያደርግ-ነው

    ReplyDelete