Tuesday, December 13, 2016

RAKKOO FI ABBAA ISHI TILMAATILMOON EENNU ?

RAKKOO FI ABBAA ISHI TILMAATILMOON EENNU 

                                                                                                       ( Kamaal Aloo irra)

Deemsa ajajames deemee irbuus guutee harargee daaroo labuuttis lolchiisee lolee jira.
Lolli guyyaa san harargee lixaa daaroo labuutti ta'e kun garuu saba jaalatu kanaaf ilmoo isaa daa'ima dubraatiinillee addaan isa baasuun hin oolle.
Akkuma innuu beekee maqaa ilmoo dubraa isaa tanaa "RAKKOO "jedhee moggaasetti dubbiin kaayyoo sabaarratti lolanii yoo lolchiisan du'a diduu dadhabuudhaa dhuguma "RAKKOO"itti taanaan jaalli kun woreegame.!
Woreegamuu Jaal-gazaalii ykn tilmaatilmoodhaa daran kan sabaaf maatii garaa gubee obsa dhoorke akkaataa woraanni dargiidhaa diintichi isa itti ajjeeseedha.
Diinni "GAZAALII "/"TILMAATILOO"eega ajjeese boodas konkolaataa woraanaatti reeffa isaa wodaroo/haadaan hidhee daaroo labuu keesatti lafarra harkise.
Lafarra harkisee reeffa isaa hin dhiisne diinni.
Gara jabeenna diinaa garsiisuuf goota oromoodhaa isaan rakkise "GAZAALII YK TILMAATILMOO ajjeesuu isaanii qondaalotaafi matoota mootummaa dargiitti garsiisanii urjii gootummaadhaa ittiin argachuudhaaf jecha mataa isaa muranii jooniyyaadhaan fuudhanii qaama olaanoo mootummaa dar
~Hardha ammoo Goota oromoodhaa seenaa faaya dagatamuu hin qabne hanbifatee saba kanaaf jecha woreegame kan seenaan dagate tokkoon wol isin barsiisuuf deema.
Maqaan nama seenaa isaa dubbachaa jiru kanaa "GAZAALII H/AHMAD"jedhama.
Maqaan inni qabsoo keessatti ittiin beekkamuu ture garuu maqaa Gazaalii h/Ahmad jedhuun hin turre.
Maqaa qabsoodhaa "TILMAA TILMOO"
jedhuun oromoota hedduu biratti beekkamuu ture.
Jaal Gazaaliin /Tilmaatilmoon Godina baalee naannoo dirree shek huseenitti kan dhalatee guddate yommuu ta'u,
Bara 1980-1986tti Hoogganaa (qondaala) woraana adda bilisummaa oromoodhaa jaalatamaafi goota murataa ture.
Jaalli kun lola hedduu woraana diinaafi
woraana adda bilisummaa oromoodhaa wojjiin taasifame irraa kan qooda fudhateefi dachiin oromiyaatis dhiiga diina oromoo dhuguu akka bartu namoota godhan keessaa worra anfaa keessatti argama.
Qondaalli kun yeroo woraanni biyya somaaliyaa keessa turetti somaaliyaa keessa woraana wojjiin ture.
Akkuma namuutuu qondaaltichi kun haadha manaa /Niitii somaalee fuudhee ilmoo dubraa takka argatee /dhalfatee isumaa jiruutii dirqamni gara biyyaa deebi'ee harargee keessa Naannawa daaroo labuutti lolchiisuudhaa ajajni dhaabarraa itti kenname.
"Jaal-Tilmaatilmoon"daa'ima isaa tana dhiisee deemuudhaaf waan dhale itti taatee hedduu yaaddoo seene.
Dirqama ajaja dhaabarraa dhufe kan gara harargee Daaroo labuutti deemee lolchiisuudhaa kanas hafuun /diduun kaayyoofi irbuu diiguu waan taateef hedduu dubbii lamaaniin waan rakkateef jecha intala dhalatteef tanaaf maqaa yaadannoodhaa "RAKKOO GAZAALII"jedhee itti moggaasee dirqamicha bahuudhaaf gara oromiyaatti qajeele.
Guyyaa qondaalli kun dirqama fudhatee gara daaroo labuu deemus intala dubraa isaa "RAKKOO GAZAALII "fudhatee gara oromiyaatti deemuu hin dandeenye.
"RAKKOO"somaalee keessatti haadha ishiidhaa tan lammii somaalee taate wojjiin dhiisee biraa deeme.giidhaa bira geessanii gootummaa ittiin urjii dabalatan.!
Woreegamuufi gochi kun irratti raawwatamuu goota kanaatiin diinni yeroo hedduu gammadee irratti dhiichisee sirbutti saba isaa oromoo ammoo aarii, gaddaafi hamilee tuqamuun irratti wolgahuunis waan nama shakkisiisu hin taane.
Ta'us garuu sabni aariidhaan/xiiqiidhaan haaloo bahuurratti fuulleffate malee hamilee cabee duubatti hin deebine.
Guyyaa san irraallee kaayyoon goota kanaas sabasaa jaalatamaa ummata oromoodhaa irratti hafte.
Daa'imti isaa inni ajaja dhaabaafi irbuu qabsoo sabaarraa wojjiin hafuu dadhabnaan "RAKKOO"moggaaseef tunis rakkoofi waan hunda ishiidhaa qabattee saba oromoodhaa kanarratti hafuun dirqama taate.
Intalti Gootaa "RAKKOO GAZAALII "garuu hanga guyyaa hardhaatti saba abbaan irratti dhiisee deeme oromoo uf biratti argitee hin beektu.
Maqaan abbaan moggaaseef kunis eessaa akka dhufeef maaltu rakkoo taanaan abbaan dhiisee akka deemellee gaafattee oromoonni keessa beekan himaniifii jiru.
Aadde "RAKKOON"nama waa 3}dhabe taate hanga guyyaa hardhaatti jireenya imimmaanii keessa jiraachaa jirti.
1}kaayyoo abbaan woreegameef saba tokkoomee gara fuulduraatti oofee abjuu abbaadhaa san hiika garsiisu hanga ammaatti arguu dhabde.
2}Rakkoo abbaan maqaa godheefii sabaaf mallattoo kaayee deeme san hunda keessatti saba wojjiin dhaabbatee irraa qoodamu kamuu uf cinaa barbaaddee dhabde.
3}lamaan duraa daran gonkumaa saba seenaa abbaa ishii kan sabaaf rakkatee woreegamees ta'ee kan ishii sabaaf jecha osoo dhalachaa jirtuu maqaa "RAKKOO"jedhu baattee lubbuudhaan jirtuus nama kaasu dhagahuu dhabuun hedduu tokko ishii miidhee jira.
Qondaalli qabsoodhaa kunis ta'ee hiriyoonni isaa yeroo sanatti wojjiin tura hedduun isaanii saba kanaaf jecha maatiif ilmaan ishaanii facaasaniiru.
Hedduun maatii isaaniis irkannoo sabarraa dhabuus bira kutee seenaa /maqaa gaariis ta'ee gadheetiinillee kaafamuu dhabuun namoota maatii akkasii argan hedduu onnee keessatti dhahee akka hegeree ilmaan isaanii sodaadhaaf jecha diinatti maxxananii gubachaa jiraatan godhee jira.
Qondaalonniifi qabsaawonni yeroo sanitti hiriyoota isaa turanis kanneen akka :-
1}Jaal-Gishuu Jaarraa
2}Jaal -Amansiis Waayyuu
3}Jaal-Bitee Jiloo
4}Jaal-Hulluuqaa Gadaa
5}Jaal-Gammachiis dhaabaa kan booranatti kufe
6}Jaal-gamteessaa qindeessaa kan harargetti woreegame
7}Jaal-Duulaa Amaaniifi kkf faadha.!
Woreegamuun Jaal-Tilmaatilmoos harka diinaatiin haa ta'u malee dhala oromoodhaa hiriyuma qabsoo kan wojjiin diina raasaa turaniin diinaaf kennamee akka ta'es ni beekkama.
Namni diinaan harka wolitti naqatee isas galaafachiise kun lola gaafa magaalaa Gindhiir keessatti bu'e kan Woraanni tigreedhaa afurtamii Jaha [46]itti ajjeefamanii keessatti nama akka gaarii lolee woraana tigreedhaa hedduus ajjees akka tures ni beekkama.
Namni kun Jaal-gazaalii ajjeesisuu keessa akka harka qabu beekkame kun goota oromoodhaa dhalataa daaroo labuuti.
Qondaalonni ajjeechaa "JAA-GAZAALII"kana keessaa akka namni kun harka qabu beekuu turanis nama kanaaf dhiifama gochuudhaaf akka waa isaan dirqan dubbatan.
Nama qondaala Jaal Gazaalii ajjeesiseef dhiifama gochuuf isaan dirqisiise lola Oromoota arsii hedduu wojjiin kutaa baalee magaalaa Gindhiir keessatti bu'e keessatti woraanni woyyaaneedhaa {46}ajjeefamuun oromoota hedduu waan gammachiiseefi goota oromoodhaa woraana diinaa {46}biyyeen magaalaa Gindhiir akka dhiiga dhugdu gootummaadhaan ajjese keessaa namni kun sadarkaa duraatti lolee diina hedduus kan ajjeese isa ta'uu waan ummanni baalee ija ufiitiin argeef jecha nama kanatti garaa jabaachuun itti ulfaatee dhiifamni godhameef.
Eega dhiifamni nama kanaaf godhame boodallee ilmaan arsiidhaa maatii Jaal-tilmaatiloo/Gazaalii ta'anii dubbii kana quba qaban garaan dadhabee nama kana waa gochuutu mala shakkii jettuun
nama kanaaf iddoo jijjiiranii gara iddoo dhaloota isaa Harargee daaroo labuutti akka inni deemu murteessanii ergan.
Ijoolleen "JAAL-TILMAATILMOON"eessumaafi abbeeraa ta'uuf kanneen yeroo sanatti woraana kana keessa turanis :-
1}Jaal-Qishiree
2}Jaal- huseen Aliyyii,
Akkasumas shamarran {2}dabalatee namoota {8}oltu iddoo san woraana keessa jiru ture.
Sadarkaa koree jidduu "ABO"kanneen turanis Jaallan akka "JAAL-AHMED AJMAL"fi "JAAL-ABDALLAA KADIR"faatis Jaal-gazaalii ykn tilmaatilmoo wojjiin hortee maatii tokkooti turan.
Ummanni oromoodhaa akkuma ummata gaafa afrikaatittuu ummata goota akka ta'e namni seenaa dabre caqasuuf gurra banatu kamuu ni beeka jedheen yaada.
Gootummaa ummata oromoodhaa mirkaneeffachuufis fincila qabsoo bara dabre kanaa qofa yoo ilaalanuu gahaadha.
Saba oromoodhaa goota hedduullee dhalchee qabu kan murannoo dallansuutiin diina xiqqoo halkaniif guyyaa sabatti roorrisu kana onnee saniin badee balleessuufi sabas xiqqeenya gabrummaa jalaa akka baasu maaltu akka uf duuba deebise beektuu?
Gabaabumatti sabni ilmaaniif maatii gootota woreegamaniis ta'ee seenaa gootota kanaatiif iddoo gochuu dhabuu arguutu onnee isaa onnee isaa miidhee hidhe.
Ammas taatu garuu iddoo jiran hundatti bira dhaabbachuudhaaf gola seenaadhaa keessa ilmaan qabsaayotaatiif seenaa sabaa barbaaduuf yeroon kan dabree miti.
Ni dhaqqabnaatii kaanee haa hojjannuu jechuus gamanumaan dhaamsa kiyya dabarfachuu barbaada.
Yeroo kamuu taanaan wonta dagatamuu hin qabne tokko dagachuutti akka jirrutuu natti muldhata.
Kunis:-
~Maatii Goota sabaaf uf kennee murannoodhaan diina kuffisee kufuus ta'ee seenaa isaa kaayee ilmaaniif dhala dhufuuf sabni iddoo olaanaa kennee fudhachuun goota oromoodhaa hedduu lubbuudhaan jiraatee roorrifamuu sabaa ijaan argaa jiraatuuf hamilee kennee diina iddoo dhabsiisuuf jajjabinna guddaa ta'uu isaati.
Goonni muratee sabaaf uf kennus ilmaaniif seenaa kiyyaafillee saba koottu jira jedhee amanuu kan danda'us ilmaan gootota isa dura woreegamaniitiif iddoo sabni kenne ilaaluudhaan fakkeenya godhatee akka ta'e shakkiin tokkollee waan jiru natti hin fakkaatu.
Seenaa barreeffama kanaa ilaalchisees hubachiisa kennuun barbaachisaa ta'ee natti muldhata.
Maaliif? Jennaan :-
Seenaa awwaalamee dagatamee ture tokko awwaalaa kaasanii yeroo dubatan namni seenaa kana dubbisee dhagahu kamuu yoo duraan beeke malee amanuudhaaf guddoo rakkachuu mala.
Anis seenaa kana argachuu kana danda'e namoota bara san qaamaan achi turan kanneen maqaa isaanii gubbaatti tuttuqee dabre kanniin keessaa "Jaala"tokko qaamumaan as biyya keessa jiraadhu afrikaa kibbaatti argadhee seenaa kana kan irraa qoradhee bareesse akka ta'es akka naaf hubatamu barbaada.
Seenaa kana argachuu kiyyafi isiniinis dhaqqabsiisuu kiyyaafillee Gooticha oromoodhaa qaamaan achi turee seenaa kana ija isaatiin argee naaf kenne kan afrikaa kibbaa jiru woraana adda bilisummaa oromoodhaa ture kanaaf galata guddaa ,guddaa tokko galchuufii barbaada.
Isinis akka jaala kana naaf galateeffatan isin gaafadha. Seenaan nama kanaallee hanguma an barreesse kanatti waan barreeffamee xumuramu hin turre.
Hanqina yerootiin gaggabaabseetuma isiniin dhaqqabuu filadheeti malee.
Wonti dabalataan saba dhaqqabsiisuu na barbaachisu seenicharraa hafe taanaan yeroo itti kennee kan isiniin gahuuf
yaalu ta'a fedha rabbiitiin. 

No comments:

Post a Comment