Sunday, December 25, 2016

"NAMNI OROMOO TAHE MARTI JAATANII AFAAN OROMOO IRRATTI HIRMAACHUU QABA!

"NAMNI OROMOO TAHE MARTI JAATANII AFAAN OROMOO IRRATTI HIRMAACHUU QABA!

                                        (Saphaloo Kadiir irraa)

"Grand Afaan Oromoo Project:"
Yeroo afaan Oromoo dubbattan mara wanti yaadachuu qabdan guddaan tokko afaan kana jiraachiisuuf lubbuun gootota kuma meeqaa kuufuufi wareegamuu isiiti. Warreen afaan Oromoo kana jiraachisuuf ofiif lubbuu takkittii dhaban kun dhiigaan dheengiyyanii, lafeen miggaaranii, copha dhiigaatiin qubee barreessanii nuun gahan. Nuti immoo qubee copha dhiigaatiin taraaramte, afaan bu'urri isaa lafeen ijaarameefi goonni meeqa ofii lubbuu dhabee lubbuu itti hore kana afaan teknooloojiifi saayiinsii, afaan qorannoofi qo'annoo godhuuf waan nurraa barbaachisu mara gumaachuun dirqama taha.

Eega barannee barreessuufi dubbisuu dandeenyee afaan kana kabajaafi ulfina goottan laataniif san laachuuf nurra jiraata. Qubee guunnee, seera qubeessuu sirneessineefi seer-luuga afaan keenyaa miidhagsinee hojjachuu qabna. Afaan keenya baayyina dubbattootaa, baayyina loqodaafi badhaadhina jechootaan afaan gararree afaanootaa akka tahe namni hin beekne hin jiru. Osoo afaan keenya garba hin dhumne kun fuula interneetii kan akka googlee fi facebook hin seenin afaan warreen nu hin geenyee meeqa interneet irraa dhawwaaqaa jira. Afaan bal'aan qabeenya saba guddaa tahe kun garuu akkuma yeroo dheeraaf ukkamamee ture san eega lubbuu goototaan lubbuu horate boodaas afaan saayinsiifi teknooloojii tahuu irratti hanqinootaatu jira. Silaa afaan kana afaan saayinsiifi teknooloojii taasisuuf hojiin kun mootummaa biyya bulchaa jiruun hojjatamuu qaba ture. Mootummaan kun immoo kan lubbuu Oromootiifuu dantaa hin qabne afaan Oromoof dantaa qabaataaree?

Hundaafuu rabbiin guddisee hayyootaafi beektootaas nuuf kenne waan taheef afaan kaleessa gootoonni lubbuu itti dhabanii lubbuun jiraachisan san afaan saayinsiifi teknooloojii taasisuuf, marsariitiin gurguddaan akka afaan Oromoo dubbachuu danda'an godhuuf, goboo (kuusa) jechootaa guddaa loqod-danuu toora marsariitii irratti Oromoofi kan biroollee fayyadu, kan afaan Oromoo gara ingiliffaafi afaanoota addunyaa gurguddatti hiiku qopheessuuf jahatanii addaatti jiran. Hojiin kun immoo namoota muraasa qofaan kan hojjatamu osoo hin taane nama qubee lakkaawe maraan hojii hojjatamuu dha. Eeyyee! akkuma afaan waliin qabnu walumaan afaan keenya afaan saayinsiifi teknooloojii godhuufiis dirqama marti keenya waliin hirmaachuu qabna.

Afaan gootonni lubbuu isaanii itti dhabanii lubbuun jiraachisan, afaan lafee danuun bu'uramee dhiigaan taraaramee afaan barruu, afaan baruuf barsiisuu godhan kana nuti immoo dhaloonni ammaa yeroo, beekumsa, qabeenyaafi humna isaanii itti wareeganii afaan saayinsiifi teknooloojii, afaan qorannoof qo'annoo taasisuun dirqama taha. Namni oromoo tahee barreessuufi dubbisuu danda'u marti jahaatanii guddicha Afaan Oromoo irratti hirmaachuu qaba. Kun ajaja oromummaati.

Gara marsariitii (website) hiikkaa afaan Oromoo seenuuf link kana tuqaa:
http://afaanoromo.eajn.org/



Saphaloo Kadiir | Abdulbasit
Mudde, 2016

No comments:

Post a Comment